Oduu Haaraya

“YOO DUBBANNE BUUBBEE YOO CALLIFNE BUQQEE”

“Akka hin nyaanne
Zangaadaa marqitee
Akka hin dhiifne
Waa itti carreessitee”
Kunoo dubbiin tiyya
Tan akkasii taate
Gad baasee himachuu
Maalaatu na dhibe,
Callisee obsuus
Garaatu dadhabe
Furmaata hin garre
Malaa-marii dhabee.

Osoo wanni jedhan
Dilli tokko jiruu
Akka itti jedhantu
Nama dhiba garuu
“Yoo dubbanne buubbee
Yoo callifne buqqee”
Akkas narraa taate
Tanaatu na cinqe.

Obsuun silaa gaarii
Yeroo makmaakanii
Akki Oromoon jatte,
“Obsan warroomanii”
Yoo obsines garuu
Hin jiru furmaanni!

Yoon baasee dubbadhe
Furmaanni ni jiraa?
Nama meeqaatu
Yaada koo deeggara?
Natti wal qarqabdee
Sammuutoo diddiraa
Tana sossodaadheen
Afaan qaphe firraa.

Dhugaa lafa jirtu
Yoon baasee dubbadhe
Silaa bar gaarumaa
Furmaata argadhee
Kan fashalsuu dhufa
Dubbii faallaa godhee
Tana hundan argaan
Obsuun ciniinnadhe!

Meeqaatu obsee
Callisee hususe
Akka jedhu dhabee
If keessatti sase
Ana qofaa miti
Baay’eetu callisee
Shira xaxxuu sodaa
Firraa itti dhiise.

Obsuun barbaachisaa
Hanga yoom obsinaa?
Mataa lafat qabnee
Usnee ciniinnannaa?
Tan natti jirtulleen
Kunoo dubbii tanaa
Dubbachuu moo obsuu
Tamtu irra as aana?

Onneen too haphatte
Yaanni keessa guutee
Sammuun too jeeqamte
Yaadaan booji’amtee
Naaf himaa yaa firaa…
falli yoo jiraate.
Naaf himaa yaa firaa…
yoo falli jiraate.

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …