Oduu Haaraya

Yeroo gareen shanee maqaa qabsootiin bara 20 caalaa Kora gudda kora tiqqaa, koronguddaa, guyyaa gootoota, guyyaa WBO jechuun ummata sabbata qaqqabachiisaa baate, obboo Beekna guulamaa eessa ture?

TAAJJABBII-Kutaa 41 ffaa
=
DHIBEE DIYAASFOORAA KANA GOOLAA JIRU GAR TOKKOTTI DEEBISNA!
=
RAKKOO GUDDAAN MAALI?

1. Jawar Mohhammed Hayyu Duree ABO Jaal Dawud Ibsaafi dhaaba inni geggeessu ifatti miidiyaatti bahee dhiifama haagaafatu. Sabbaiinsaa kana dura Jawar dhimma ABO irratti barreeffama hamaas katabee tureera; miidyaarras ittisaa tureera; kanaaf as bahee uummata Oromoo miliyoona 50 kanaafi hayyuu duree kana dhiifama haagaafatu. Yoo akkas godhe malee sabboonummaafi Oromummaasaarratti laaqii dibuusaati.

2. Jawar Mohmmaed Dr. Solomon Ungushee dhiifama haagaafatu. OMN inni ijaaretti darbee abbaa irrummaasaa waan agarsiiseef, namoota kumootaan lakkaa’aman akka isaan Dr. Solomon Ungushee miidiaya hawaasaa (waraabbii Fb, fi Fb ) abaaraniifi arrabaan salphisaniif irratti ijaareef (sababiinsaa gaafa Dr. waa’ee Jawar qeequ ijoolleen achii bubuluqxi waan ta’eef.

3. Namoota karaa FB kanaa midiyaa hawaasaarratti bobba’anii gareen ijaaramanii callisanii afaan damma godhatanii Oromoo duratti dhiyaataanii wacaa jiran kunneen Jawar dabalatee nama lama sadan tokko hincaalani. Kanaafis utuu dubbiin kun isatti galagalee isa hincabsiin ba’ee uummata dhiifama gaafatee namoota joonjeffaman kanas akka golatti dacha’anii hojiisaanii hojjetaniif akka gorsu haata’u.

4. GGO kan Professor Asafaa Jaallataafi hayyoota sabboontota Oromoo biroo keessatti waggaa darbee ka’ee utuu waa’ee mana Oromoo mariyataa jiranii OCL kan jedhu gidduutti keessaa butatee ba’ee Atlantaatti namoota waliti qabee nama walitti naqaa waan tureef hayyuu ilma isaaf ta’u kanatti kufee dhiifama gaafatee OCL gara GGO tti as dacha’amee hafuura tokkoon akka hojjetamuuf gartuusaa ha amansiifatu. Ta’uu baannaan walsukkuumaa jirachuun gaarii miti.

Yaa Namaa:
== = = ==
Nama se’een itti siqe
Bofa ta’ee namiliqe
Gaanfa hinqabu akka gafarsaa
Ilkaansaatin siqarxamsa
Fokkuu focee jibbisiistuu
Usustuudha hirmii nyaattuu
Bifa hintolle dhuka tokkee
Wacabbartuu mata bokkee
Goomattuudha gaararrooftuu
Waan xinnoodhaan kan baannattu
Ija fattee mudhiin loccuu
Kan halagaan garaa borcu
Dhiita’uu feeti yeroo hundumaa
Hinmijanneef malee homaa
Garaasheetu dhibee qaba
Kanaaf Waaqnis hidhee qaba!!

Taajjabbiin bifa cululuqaafi Daalachaa’aa ta’een itti fufa KD

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …