Oduu Haaraya

YAALIIN  AJJEECHAA  J/YAADDEESSAA  DIINAA  IRRATTI  GEGGEEFFAME ABDII KUTACHUU SADARKAA XUMURAATI !

 

Qindeessummaa Tamaam Bbaatiitii namoota seenaan  qabsoo bilisummaa  Oromoo maal akka ta’e hin beekne  kanneen gossaa fi ganda isaa ta’an Af/Kibbaa  keessatti ajajuudhaan  Onkololeessa /October 16 / 2015 halkan sa’aa 4 :30 pm irratti osoo salaata subiif deemuu yaaliin ajjeechaa yakkamtoota seenaatiin qindaawee irratti yaalame osoo hin milkaawin hafee jira.

Abdii fi Hawwiin J/Yaaddessaa ajeefnee humnaan akeeka O P D O kale baratan har’a ammo K W O maqaa jedhuun Ummata keenya afaan faajjessuuf uummatan Af/ Kibbaatti ummata dirqinee fudhachiifnaaf raawwatame fashaluudhaan miidhaa xiqqoo irra gayeen alatti lubbuun isaa baraaramtee jirti.

Kun kan irraa maddu abdii kutannaa sadarkaa xumuraa yoo ta’u xumurri isaas kasaaraa siyaasaa irraa dhumaa murna yakkamaa kanaa ta’eeti jira.

Murni kuniwaggoota muraasaaf qabsoo Ololaa kan tokkummaa ummata Oromoo diigu irratti bobbayee dantaa bubuutuu namoota dhuunfaaf dhama’aa akka ture yaadannoo kaleessaati.kunis ummatni keenya akka tokkoomee human qabu qindeeffatee akka diinatti hin fuulleeffanne gayee guddaa gumaachaa ture.

Ilaalchi murna kanaa ummata Oromoo marsaa biraatiif bittaa diinaaf aanjessuu akka ta’e raga qabatamaan kan itti jiru dha.Kunis karoora Juneydii Saaddootiin kan durfamu akka ta’e irra gayamee jira.Seenaan Juneyddii Saaddoo maal akka ta’e ummata keenyaaf kan haarawwatti himuun barbaachisuu miti. Erga umrii isaa guutuu diina tajaajiluun saba isaa irra miidhaa ol’aanaa geessaa tureen booda yeroo itti yuuboomeetti maqaa IRKOO SABAA jedhu moggaafatee I/Aanaa B/G/Kamaal Galchuu ta’ee Oromoo bilisoomsa jechuun isaa diinummaa murna kanaa ifatti saaxilee jira.Murni kuni akeeka diinaa ykn waayyaannee akka geggeessaa jiru ragaan itti jira.

Kanaaf qabsaawotni Oromoo haqaa tokkummaa ABO dhaabbota afuriin bu’uura Tokkummaa eegalame cimsinee dagaagsuudhaan hawwii fi akeeka ergamtoota diinaa fashalsinee bilisummaa saba keenyaa mirkneessuuf diina keenya irratti akka fuulleeffannu irra deebinee waamicha Oromummaa fi Jaallummaa isiniif dhiyeessina.

Dhuma irratti yaaliin yaaliin ajjeechaa J/Yaaddessaa Diinaa irratti geggeeffame fashaluu isaatiif baga gammadne jenna!

Gocha diinummaa abdii kutannaa irraa madde cimsinee balaaleffanna !

Tokkummaan qabsaawota Oromoo daran cimee haa jabaatu!

Koree Tokkummaa ABO Af/Kibbaa!

Onkololeessa/Oktober 19/2015

I U Of!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Yoo bubbulan ajaa’iba ykn raajii argan,maaluma nu dhageessisaa jira waaqnii??
    Yoo ilma dhaban intalaan nama waamu jedha Oromoon,akka waan kaleessa bilisummaa saba keenyaaf jecha gootowwan ija barbadaa hin wareegamneetti yartuun akka Juneydiin Saaddoo maaliif qabsoo dhiirti hidda gadi dhaabdetti qoosuu???
    Yaa ilmaan Oromoo sab-boonoo naaf himaa mee Oromoon gootowwan wareegaman qofa qabaa kan lubbuun jiran hin hafnee???
    Fafaa fi salphina Yartuu fi gantuun sabaa diina ashkaraa turte qabsoo saba Oromoo irraa adabachuu qabdi jenna.
    Yaaddessaan odoo wareegamees tokkummaa saba Oromoo gantuun fi tajaajiltoonni diinaa kasaaraa siyaasaa irra gaye jalaa bayuu tasuma hin danda’an.
    J/Yaaddessaa qabsaayaa haqaa rabbiin umrii siif haa dheeressu!
    Ummatni Oromoo kabajaa guddaa siif qabaa Jabaadhu siin jenna!
    I U Of !!