Oduu Haaraya

“Yaa Marqa si afuufuun si liqimsuuf”

“Yaa Marqa si afuufuun si liqimsuuf”
Kanneen Fooliin Oromummaa isin irraa Urgaawu Cufaaf!

Waaqoo Nooleetiin

Lamma magarsaTibba kana Perezedaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa baanamu Lammaa Magarsaa Sochii warraqsa Biyyoolessaa FXG Qeerroon Dargaggoonni Oromoo fi Ummanni Oromoo bal’aan taasisaa turee fi jiruun fakkaattotaa fi gooftolii isaa Wayyaanee waliin dhiphuu hamaa keessa seenuun warraaqsa Bilisummaa Ummanni Oromoo taasisaa jiru kana gar-dabarsuuf olola afan-fajji oggaa xibaaru argaa jirra.

Akka kanaanis Murni aangoo afaan Qawweetiin qabachuun byyatti keessatti Dimokrasii (Bulchiinsa Ummataa) Lafaratti hojiin mul’isuu osoo hin tanee waraqaa qofa irratti golgaa godhachuun Ummattootaan cunqursa jirtu Wayyaaneen, Booji’amtoota-garaaf bultoota ADEETI tti bu’uresiteen Ummata Oromoo mankaraarsaa jirti.

Kanaaf perezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ofiin jedhu Lammaa Magarsaa dabalatee, jechaa fi gochaa irra keessa Dammaa fi Dhadhaa dibuun Keessaan ammoo Lilmee Summittin OPDOn ergama gooftolii isaanii Wayyaanee fudhattee Oromoo diruuf deemtu irrattii damaquun Shira diinaa saaxiluun dirqama Oromummaa tokkoo tokkoo keenyaa ta’uu qaba malee , waan nuun jedhan aamiin jennee fudhachuun nurra hin jiraatu.

Waan ta’eefis , mucattii (mucaa ilntalaa ) xiqqoo takkatuu abbaa dhalatteef waliin jiraata turan, safuu hangafoomaa fi quxusoomaa Margaa Maddaan isin dallawanne; gaafa tokkoo mucattiin xinnoon tun MUKA fudhattee teettee osoo kofa hooqattuu abbaan itti dhufee ” Mucattii ! citi, hin guddatin siin jechuuf abaarsaa maal hojjetaa jirta?” ittiin jennaan , Mucattiinis “Aabbaa Kofatuu na hoossisee koottaa naa hooqaa !” yoo jettuu, Abbaanis rifaatuun ” Doomi, Dirmi, Laashashi , waan jette dhabi, Mukni hooqaniinis kanaa mitii, Namni sii hooqus anaa mitii” jedheen.

Egaa “Tiisisa irraa Damma eeggachuun ” Gonkumaa wan hin danda’amneef nuti ilmaan Oromoo alaa fi keessaan Quuqaa fi quuqamni saba keenyaa nutti dhagahamee QBO tumsuun dhimma Oromoo fi Oromummaa irratti hojjetaa jirru, Qabsoo gaggeesinu keessatti wanti nu adda baafannee beekuu qabnu, olola afan-fajjii diinaatiin sobamuu fi gowwoomuu dhiisnee, ilmi Gumaa Abbaa baasu ilma GUDEEDAA qofa akka ta’ ee fi Garaaf bultootaa fi Booji’amtootni akka Oromoo bakka hin buunee fi qaama ittiin Oromoof rifataniin akka hin qabne beekuun dubbii fardiidha.

Walumaagalatti QBO qabsaawotaan gaggeeffamaa turtee fi jirtu galmaan geenyee Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneesuuf fallii fi malli jiru tokkichii fi inni maayii qabsoo karaa hidhannoo finiinsuudha malee diina inikkaa keenya sooggachuu (kadhachuu) miti. Kanaaf jechaa fi gochaan diinni ittiin nu sobee nuun sossobu cufti nuuf jajee osoo hin taane nu jaji’ uuf akka ta’e hubachuun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaadha. Egaa anis kanumaafan “yaa marqa si afuufuun si liqimsuuf” jedhe.

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …