Xoophiyaan horteen nafxanyaa fii Abiyyi imimmaan kijibaa, kan fedha aangoo, dhangalaasaniif Oromiyaan alatti hin jiraattu.

Waxabajjii 01, 2020

Abbaa Urjii tiin:

Gabrummaan (Colonialism) sirna biiyti ykn sabni tokko, burqaa diinaggee tiif, biyya ykn saba biraa ittiin dhunfatu ykn aangoo isaa irratti diriirfatu. Hayyoonni seenaa gabrummaa gosa afuritti qoodu. Afran keessaa tokko Gabrummaa Qubattuu (Settler Colonialism) ja’ama.

Gosa gabrummaa tanaaf maddi guddaan diinaggee dha. Xiyyeeffannoon gabrummaa tanaa, hawaasa jiru ukkaamsuuf ykn laficharraa duguuganii kan ifii tiin bakka buusuuf, ummata hedduu keessa ykn irra qubsiisuu dha. Amna gabroomsuu tana keessatti, gabroomsaan hawaasa gabroomse-rratti amantii fii aadaa isaa dhiiba. Haala kanaa fiis, amantii fii aadaa warra gabroomsee salphisee kan isaa itti dhaadheeysuun, kan qaban balfanii, kan isaa akka jaalatanii fii fudhatan godha.Duulli mootummoonni Habashaa baroota dheeraaf ummata Oromoo-rratti godhan, kan adeemsi isaa bara 1887-tti Minilikiin goolabame, gosa Gabrummaa Qubattuu ti. Kaayoo gabrummaa tanaa tan olitti ibsamte galiin gayuuf, Minilik duula baroota hedduuf itti godheen, Oromoota miliyoona shanii ol gate ja’ama. Herregni kuni baayyina cinaa lammii tan gaafasiitti shalagama.

Minilik akka naannoolee dhunfata jala oolfateen waraana isaa malees, hawaasa Amaaraa kumaatama hidhachiisee, Nafxanyummaan lammii keessa qubachiisee, akka mirriitummaan nafaqaman godhe. Haala kanaa fiis, kan murtii isaa rincicu, waraanaa fii Nafxanyoota isaatti nyaara guuru ajjeesuu fii karaarratti fannisuun “ይህን አይተህ ተገዛ” (kana arkii bitamii) karoora godhate. Akkasiin , ummata Oromoo-rratti ol-aantummaa horuu gaafa hubate, “ሰውን መግደል ክልክል ነው: ጋላም ቢሆን::” (Nama ajjeesuun dhoorkamaa dha. Oromoos tahu.) labse.San booda, Sirna Gadaa kan ummanni Oromoo baroota kumaatamaaf nagayaan ittiin wal bulchaa turan heeraan ugguree, sirna bulchiinsa Shiftaa tiin bakka buusee, godinaarraa hamma araddaatti Nafxanyoota irratti muude. Mana heeraa kan afaan Amaaraa taasise.

Kanarratti, ummanni afaan, aadaa fii hooda isaanii balfanii, Oromummaan caalaa akka adda bahaniif amantii Kiristaanaa afaanii fii aadaa isaa tiin haqaaree Kirstaanummaa Ammaarummaan hagoogee, afaan Oromoo fii Oromummaatti ablee qarate.Karoorri afaan Oromoo fii Oromummaa dhabamsiisuu kan Minilikiin jalqabame Hayle Sillaaseen itti fufamee, sabni Oromoo iddoo kudha tokkotti adda kukkutamee, maqaaleen adda-addaa moggaafamee fii, loqoda malees qomummaan wal wallaalee hanga duuyda walitti galu takkaan gayame. Akkasiin, walakkaa bara shantamootaa, gaafaan ani dhaladhetti, ummanni biyyaa hangi Amaarawuu dide Islaamawee, lammiin Amaaraa fii Islaamatti adda qoodame. Gaafana, afaan, aadaa fii seenaan Amaaraa, waliigalatti, Amaarummaan Xoophiyummaa tahee inni kaan alagoome. Mana barnootatti daree takkarraa tan itti aantutti tarkaanfachuuf qormaata afaan Amaaraa dabruun dirqama godhame.

Hujii mootummaatti mindaawuuf afaan Amaaraa beekuu biratti maqaa Amaaraa qabaachuun barbaachise tahe. Akkanaan, Oromoon, kan Amaarawuu hin jaalannelleen, hiree ilmaanii tolchuuf jecha, joollee isaa tiif maqaa Amaara moggaasuu dirqame.Dargiin kan bara 87 lola Calaqoo booda aangoo qabatees, karooricha Amaarummaa maqaa Xoophiyaa tiin hagoogamte cimsuuf, joolleen Oromoo odoo sadarkaa barnootaa hin gayinuu, daa’imummaan akka afaanii fii aadaa Amaaraa tiin ababan godhuu-rratti hojjachuu jalqabe. San malees karoora “መሠረተ ትምህርት” (bu’ura barnootaa) tiin haawwanii fii manguddoo afaan Amaaraa barsiisuu-rratti xiyyeeffate. Akkasiin, waggaa 97 lola Calaqoo booda, bara 1984-itti bu’ura Oromummaa kan tahe afaan Oromoo, “afaan du’uuf deemu” jechuun du’a itti murteeysee, jechoota isaa keessaa hamma tokkoo seenaaf harchif irraa kaayuuf koree itti dhaabbate. Haa tahu malee, Dargiin akka hawwetti odoo ajjeechaa afaan Oromoo fii Oromummaa bakkaan hin gayin, tan isaa geeysee, Caamsaa 19, bara 1991 boqote. Duuti Dargii tan dirmannaa qabsoo ummanni Oromoo gabrummaa jalaa bahuuf godhaa jiruun arkamte, afaan Oromoo fii Oromummatti lubbuu gootee, Oromiyaa waliin dooyaarratti baafte. Garuu, Wayyaaneen tan sab-boonummaa Tigree-rratti bu’uramte, hawwii biyyattii baroota dhibbaaf bulchuuf horte keessatti, afaan Oromoo, Oromummaa fii Oromiyaa sab-boonotaan adda dhoorkuuf ijibbaata cimaa goote.

Namichaa tu sharrii karatti arkee, “eeysatti deemta?” je’ee gaafate. Sharrii niis, “nama itti na erganittiin deema, ” namichaan jette. Namichi, “san booda hoo?” je’een. Sharriin gaaffiin ajaa’iba itti taatee, “abbaa na ergatettiin deebi’a khaa!” jetteen ja’an. Akkasii tii, dimshaashatti, sharriin Wayyaaneen sab-boonummaa Oromoorratti xiyyeeffatte, Oromoota bahaa-dhihaa fii kaabaa-kibbaan wal barsiisee, kakaasee, onnachiisee, Ebla 2018, goorannoo isiitti galche.Gaama biraa tiin, baroottan 29-n dabran Oromummaa dagaagsuu malees, afaan, aadaa fii seenaa Amaaraa ykn Amaarummaa Xoophiyummaan hagoogamte-rraa hijaaba fuudhe saaxileesse.

Yoona, saboonni biyyatti afaan ofii dubbachuu bira dabranii maqaa Amaaraa maganfachutti seenan. Warri garii tiis seenaa isaanii qoratanii Amaarummaa dirqiin irratti fe’amteen adda if baasanii maalummaa isaanii falmachuu jalqaban. Kuni lakkooysa Amaaraa kan kijibaan xiillawe buukkoo godhe.Haala kana keeysatti, OPDO-n gara-laafina ummata Oromoo tiin yaroof aangorratti dhiifamte, irra turuuf, hortee nafxanyootaa waliin Oromummaa-rratti duula bante. Horteen nafxanyootaa bu’aa dhaban deeffachuuf yaaduun nama hin dinqu. Dinqisiisaan OPDO-n kaleessa bordoo Wayyaanee turte, yakka ummatarratti hojjatte dagattee, haaluma fedheenuu, aangorra jiraachuuf hawwuu dha.

Gantuun, silaa, afaan Oromoo, Oromummaa fii Oromiyaa dhabamsiisuu irraa if duuba hin deebitu. Garuu, ifuma rakkiti malee, arra afaan Oromoo, Oromummaa fii Oromiyaan sadarkaaa if duuba hin deebinerra jiran. Haala kanaan gayuurrattiis, odoo isiin diinaa waliin dura dhaabbatanuu, kumaatamaa tu wareegameef. Arra baayyinni ummata Oromoo kan diinni bicuun baroota dhibbaa oliif adda qoqqoode, hawwii diinaa injifatee, tokkoomee as bahee jira.

Kana odoo fagoo hin deemne seenaa Irreecha bara 2019-rraa hubachuun ni dandayama. Si’ana baayyinni ummata Oromoo, gatiinsa Miniliki fii ajjeechaa warra isa boodaa irraa hafee, herrega ummata adunya kan ammaa keessatti gulataa guddaa horee jira.Yoona, ji’a Caamsaa tan bara 2020 tana, baayyinni ummata adunyaa biliyoonaa 7.8-tti herregama. Herreyni kuni kan saboota 7115-I ti. Saboota kana keeysaa 30 qofaa tu ummata adunyaa keessaa baayyina 60% dhunfata. Warra kana keeysaa tokko saba Oromoo ti. Arra lakkooysi ummata Oromoo kan biyya Xoophiyaa fii Keenyaa jiran walitti miliyoona 60-ii oli.

Baayyinni kuni tarrifama saboota adunyaa kan baayyina lammii tiin saba Oromoo sadarkaa 22faa –rratti ramada. Ummata baayyinni hanga Oromoo gayu keessaa kan biyya mataa isaa hin qabne hin jiran. Xoophiyaan horteen nafxanyaa fii Abiyyi imimmaan kijibaa, kan fedha aangoo, dhangalaasaniif Oromiyaan alatti hin jiraattu. Oromiyaan, ammoo, jiraachuuf Xoophiyaa hin barbaaddu. Soogidda ifii ji’ii mi’aawi!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qabeenya Oromoo Dinquu moo Alamuddiintu saamaa jira?

Aalamuddiin warqii Gujii, Shaakkisoo baasee akka fedhetti osoo gurguratuu ; ummata naannoo sanii gargaaruu mitii, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *