Oduu Haaraya

WOLGAHII MOOTUMMAAN WOYYAANEE BIYYA KEENYAA KEESSATTI GUYYAA 14/ 2/ 015 YAAMCHA GOOTU ILAALCHISEE DHAAMSA UMMATA OROMOOTIIF

Mootummaa abbaa irree aangoo isaa Dheereffatuuf jechaa Dhiyeenya kana Biyyoottan Alaa keessatti Salphini Guddaan kan isa Mudate ta’uun isaa ifatti kan Muldhatu yoo ta’u TVn Etiopia ykn TV Oromiyaa kan jedhan waan Abbaa Duulaan Biyya Alaa Deeme irraa yoo Kijiba Nyaara Haadate Salphina isa Mudate Dhoysee itti Milkaaye jedhee yoo ummataaf Dabarsu Kijibuu isaa irraa hangam takka Ummani TV san akka jibbu isinumaaf dhiisa .

Asi irratti wonti jechuu Barbaadu Mootummaan Woyyaanee Kufiinsaaf akka Rirmeen Midhaan nyaatee dhama keesaa fixxu san nyaatamee kufuuf Afaan Qarree waan jiruuf Hanguma hafte san kufutti isaa tindhisuuf jechaa dhidhiitatuun isaa ifa gala ta’uu namuu hubadhaa.

Waan taheef Wayyaaneen salphina ergamtoota isaa Awrooppaa fi Ameerikaa keessatti bobbaafate irra gahe irraa barachuu hanqatee Baqattoota Oromoo Afriikaa biyyoota gara garaa keessatti argaman irratti karoora bal’aa baasuun akka sossobanii biyyatti deebisaniif, dadhabame ammoo mootummoota of gargaarsisuun biyyatti deebisuu irratti akka hojjataniif ergamtoota isaa bobbaasee jira.

Baqattoota Oromoo, Sudaan Kaabaa fi Kibbaa, Kenyaa, Ugaandaa, Jibuutii fi biyyoota birootti argaman fi Kuuwwanis waadaan kijibaa kan isaan tarreeffatan isa kana fakkaata !!

1,Lafa mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii argattu.

2,Manni koondominemii isiniif kennama;

3,“Garee business “ jedhuun Embaasii jalattii yoo ijaaramtan Embaasiin deeggarsa addaa isiniif godha kan jedhanutu argamu.

Ergaan bobbaa diinaa kanaan duuba jiru garuu, waldaalee maqaa baqattoota Oromoon ijaaraman diiguun waldaa Itophiyaa jala galchuu, suuraa fi vidiyoolee baqattootaa midiyaa isaanii irratti agarsiifatuun hamilee ummataa biyya keessaa qabsoo irratti finiinsaa jiru cabsuu, baqataa gowwoomsuun biyyatti akka deebi’u taasisuun kanneen hafan galuu danda’u, rakkoon homaatuu irra hin gahu, jechuun Koola Baqattummaa UNHCR irraa argatan akka dhaban taasisuu,

Sochii Baqattoota Oromoo hordoffii fi to’annoo embaasii Itoophiyaa jala galchuu, Baqatoota fakkaatanii Baqatoota Baroottan dheeraa Mootummaa Woyyaanee Baqatanii Biyyaraa Bahan keessatti ijaaruun Maalaqa isaaniitiin Duuba dhaabatanii Mana hidhaa Biyyoottan Baqatoon keessa jiran keessatti Yakka isaan hin Qabne itti Maxxansanii hiisisuun Harka Mootummaa Woyyaanee akka Seenan Gochuufi, ajjeechaa isaanii jalaa kanneen baafatan biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu kan akeekkate ta’uu Sabin Oromoo tif Ummani Sirnaa Woyyaanee Mormitan kamuu akka Hubatan.

Dhaamsi isiniif Qabu Baqatoon Biyya hundaa keessa jirtan Namoottan Xalayaa Namoota Qaama Woyyaanee ta’an irraa Fuudhanii Baqatoota keessaan Deddeemanii Baqatoota gama Misseensummaa Woyyaaneeti harkisan kan isin keessa jiraatan gama Tokkoon Mootummaa Woyyaanee Woliin Hojjataa Gama Tokkoon ani Baqata ufiin jedhaa HNHCR jalatti galmaayee Baqatootaaf Qaama UNHCR irratti Diraamaa Mootummaa Ethiopia woliin hojjataa jiru gama Qaama UNHCR tif Qaama Barbaachisu kamtuu akka Godhamu tattaafiin Cimaan Godhamuu akka qabu Hubadhaa Kori Hatattamaa Godhamee Baqatoon Biyya kamuu keessa jirtan Hiriira nagayaa Bayuu yoo Dadhabdanis jaleewwan Diina jala Deemtu ufrraa Saaxiluuf ijjanoon Cimaan akka Godhamu Hubadhaa .

Diinni yoomlee hin Milkaayuu

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …