Oduu Haaraya
Indaashaw Xaasaa
Indaashaw Xaasaa

Wjjira MM Nafxanyyaa keessatti kanneen shira xaxan saaxilaman

Shirri kalee Waajjirri MM keessatti beekkamtii MM akka xaxameef, itti aanaan MM fi hoogganaan paartii ADP Obbo Dammaqaa Mokonnin police commissioner waliin akka hoogganee raawwachiisuuf yaalee himamaa jira. Poolisiin Addaa MNA keessatti hirmaachuun himamaa jira. Fashalaahuun shira kana ADP keessatti dallaansuu fi abdii kutannoo guddaa uumee jedhama. Carraan qabsoo Oromoo dhaamsuu fi olaantummaa Amaaraa deebisuu harkaa nu bahee jedhan. Karoora kana hooggantoonni MNA wal ijjeessuun dura kan turee jedhama. Silaa Sagantaan kun akka karoorfameetti osoo deemee Waajjira OMN too’achuuf karoora ture. Dhaaduun hoogganaan MNA dhiyoo gaazeexeessaa OMN Dejene Gutema dhaadate kanaan walqabachuu hin ooluu jedha keessa beekaan iccitii kana naaf qoode kun. Qorannoon waajjira MM fi MNA irratti xiyyeeffachuu qabaa jedhe. Taarkaaffiin Abiy fudhatu—hagam tokko inni waan kana harka keessaa qabu ni mullisa.

Waajjirri mm dubbii kana faana balleessuuf OMN fi Jawaar irratti duula ololaa ballaa banuu deeman. Duula ZeHabesha, Esat, Ethio 360 fi miidiyaa Habashoota guddaa achirraa qopheessan. Akka Jawaar waan kana uume, akka inni itti gaafatamaa ta’e, waraana amantii fi waraana sabaa Naannoo Oromoo akka ka’u irratti xiyyeeffadhaa hojjadhaa, MM qusadhaa jedhaniin. Falmii Qeerroo yoo hin dhaabbannee ta’e, falmii bataskaanaa Ortodoksii yaamna, achii booda mootummaan kun ni dhoowaa, angoo harkaa fudhannaa jedhanii yaadan jedha keessa beekaan oduu kana naaf qoode. Abin, Ezema fi ADP waliin hojjachaa jiran.

Kun kanuma osoo jiru ODP haala kana irratti bakka lamatti qoodamutti mullata. Warri Jawar Mohammed araarfannaa jedhuuf warra duula irratti banuu fedhu. Gabaasa kana ballinaan bor live qabadhee dhufa.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …