Oduu Haaraya

Wixineen Labsii Keeyyata 49(5) hiikuuf qophaaye dantaa Oromiyaan Finfinnee irrraa qabdu kan dhabamsiisu malee kan eegsisu miti

 

( Ani hanqina wixinee kana airratti qabxiilee muraasa kaaseera. Ogeeyyonni seeraa keenyas sirritti xiinxalaatii ummata hubachiisaa maaloo)

Qorannoo ka’uumsaa ( Concept Paper) dhimma dantaa addaa Oromiyaan Fifninnee irraa qabdu hojitti hiikuuf gara mootummaa naannoo Oromiyaan qophaaye ilaallee jirra. Akkasumas wixinee Labsii , heera mootummaa federaalaa keewwata 49(5) irra kaayame hiikuuf qophaayes agarree jirra. Wanni hubannes

1. Wixineen labsii kun qorannoo ka’uumsaa irratti hundaayee qophaaye. Qorannoon kun abbaa biyyaa Finfinnee Oromoo tahuu ragaa gahaadhaan dhiheessee jira.

2. Wixineen labsii kun Afaan Oromoo afaan hojiifi barnoota bulchiinsa Finfinne akka tahu lafa kaaya. Kunis dansaadha.

3. GARUU gaafii abbaa biyyummaa Oromoon gaafatuuf dantaa addaa Oromiyaan ni qabdi jedhamee heera federaalaa keewwata 49(5) irra kaayameef deebii hin qabu. Akka waan hariiroon Finfinnee Oromoo ishii keessa jiraatanii qofatti lafa kaaya. Fakkeenyaaf eenyummaa isaanii tursuuf mirgi hojjachuu, afaan ofii dubbachuu, maqaaleen gandootaa kan duritti deebi’uu faa tarreessa. Kun dogonora guddaadha. Heerri mootummaa kan jedhu Oromiyaan dantaa addaa qabdiidha. Oromoonni Finfinneekeessa jiraatan akka jiraataa kamiittuu mirgafi tajaajila isaan barbaachisu argatu. Tajaajila addaa yoo isaan barbaachise jiraattonni sun akkuma saboota biroo bulchiinsa magaalatti gaafachuun kabachiifatu. Kun waan keewwata 49(5) walqabate homaatuu hin qabu. Dantaan addaa Oromiyaa kan kabachiifamu Oromiyaan akka qaama tokkotti bulchiinsa Finfinnee waliin hariiroo yoo uumteedha. Hubadhaa, keewwata san keessatti ‘dantaa Oromoo’ jechuurra dantaa Oromiyaa waan jedhameeftu jira. Oromiyaan caasaa mootummaa Oromoonni dantaa waloo isaanii ittiin qindeeffachuuf jaaraniidha. Naannolee ollaa waliinis tahee mootummaa federaalaa waliin dantaa Oromoo kan qindeessuu Oromiyaadha. Dantaa Oromoon Finfinnee irraa qabu mootummaa Oromiyaatitu kabachiisaa jechuudha. Kanaaf keewwanni kun kan hiikkamuu qabu dantaan Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu maali? Akkamiin hojitti hiikama kan jedhuuni. Fakkeenyaaf bulchiinsa Finfinnee keessatti bakki 25% Oromootaan haa qabamu jedha. Alaa yoo laalan waan gaarii fakkaata. Hubadhaa yaanni kun kan dhufe ummata Finfinnee keessaa harki 25% Oromoodha yaada jedhurraayi. Maarree akkas taanaan Oromoo kennaa addaa osoo hin barbaachisin filannoodhaan harka san inuma argata. Maarree maalif dantaa Oromiyaa dhiisanii dantaa Oromoota Finfinnee keessaa jedhanii hiikuu barbaadan? Oromoonni Finfinnee keessaa naannawa takk qofa hin jiraatan. Eenyummaan isaanitis kan hundaa hin beekkamu. Kanaaf of qindeessanii mirgaaf dantaa isaaniitif falmachuuf ni rakkisa. Kanaaf dantaa waloo Oromoota sanii kan bif milkaayeen geggeessuu danda’u caasaa mootummaati, mootummaa Oromiyaa. Kan diduudhaaf jecha Gumiin Oromoota Finfinnee ni dhaabbata jedha. Kuni qoosaadha. Biyya federaalaa keessatti sabni caasaa mootummaatin malee afooshaa ( civic society) dhaan mirga hin kabachiifatu.

4. Akka faaydaa addaa Oromiyaa jedhamee kaayame kan koflaa tokko naannoon Oromiyaa waajjiroota Finfinnee keessaa qabaachuuf mirga qabu jedha. Finfinneen teessoo mootummaa Oromiyaa tahuu heerri naannichaa ni kaaya. Kana jechuun waajjira hamma barbaadde ni qabaatti. Maarree labsii kana keessatti maalif kaayame? Ittiin nu sossobuufi.

5. Dhimma hamaan biraa Oromoota hiddaan Finfinnee ta’aniif mirgi addaa kennama jedha. Hubadhaa Oromoo Finfinnee keessaa erga hiddaan buqqaasanii gadaan meeqa lakkaayameera.
6. Daangaa Finfinnee marii bulchiinsa magaalattiifi Oromiyaatin gara fuulduraa daangeffama jedha. Bandhinniifi daangaan Finfinnee waggoota 22 dura gaafa heerii mootummaa tumamu murtaayee jira. Kanaafuu daangaa gaafas murtaaye sanirra deemanii dhagaa dhaabuu malee wanti gara fuulduraatti bulchiinsi Finfinnee mari’atan hin jiru. Yaanni kun kan dhufe daangaa seeraan ala waggota dabran babaldhifame san dhugeeffachuufi lafa biraas itti dabalachuufi.

Waliigalatti wixineen kun abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irraa qabu deebisuu dhiisaatii ‘dantaa addaa’ xiqqoo heerri mootummaa kaaye sanuu ni faallessa. Yoo dhugaan labsii mirgaafi dantaa Oromoo kabachiisu baasuu barbaadan qabxiilee armaan gadii mamii malee afaan qajeellootiin lafa kaayuu qaban.

1. Yoo xiqqaate Oromiyaan Finfinneen, akkuma Hararaiifi Dirree Dhawaa, bulchiinsa walootiin bulchuu qabdi.
2. Galii Finfinneen argattu irraa dhibbeentaan seeraan murtaa’u Oromiyaaf galuu qaba
3. Imaammata fayyadama lafaa, kunuunsa naannoofi hawaasummaa irratti Oromiyaan veto power qabaachuu qabdi.
4. Afaan Oromoo afaan hojiifi barnootaa sadarkaafi manneen barnootaa hundaa ta’uu qaba.
5. Itti fayyadama bishaanii, kuusaa kosiifi kanneen biroo irraa Finfinneen Oromiyaaf kaffaluu qabdi.

Labsiin qabxiilee kana hin hammanne mirgaafi dantaa Oromoo dhiibuuf kan qophaaye ta’uun beekkamuun sabni keenya falmii cimaadhaan dura dhaabbatee akkuma maastar Pilaaniifi labsii magaalota Oromiyaa sanitti haqsiisuuf qophaayuu qaba.

Concept Paper
https://drive.google.com/open…
Draft Proclamation
https://drive.google.com/…/0BygoyxL0MrF-UURCZlNmNFhHc…/view…

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

34 truck loads of Oromos deported from Somali region by the military has just arrived in Chinakson.

Related

Yaada kanaaf deebisaa kenni