WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa?

Kutaa tokkoffaa

Berhanu Hundee

Mootummootni Habashaa dhufaa dabran hundi isaaniituu waan waloo tokko qabu. Innis oftuuluu, tuffii baay’isuu, aadaa diimookraasii dhabuu, haqa awwaaluu, humnaa fi qawweetti amanuudhaan warra isaaniin morman hundaa lafarraa dhabamsiisuu yaaluu dha. Karaa nagaatiin marii godhanii rakkoo hiikuuf fedhiis ta’ee aadaa hin qaban. Sababa kanaaf biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun rakkoolee hidda baasanii, bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa turan kanaaf furmaatnii dhabamee; rakkooleen kuni immoo yeroorraa gara yerootti walxaxaa fi ulfaataa ta’aa as gahan. Rakkoon tokko yoo hin hiikamne rakkoo biraa waan uumuuf, akkasumatti rakkooleen bifa adda addaa baa’yachaa deemu jechuu dha.

Rakkoon tokko karaa nagaatiin furamuu yoo hin dandeenye immoo, filannoon biraa waan hin jirreef gara humnaatti jechuun qabsoo hidhannootti nama geessuun dirqama ta’a. Kanaaf bilisa baastotni Eertiraa, Tigraayi fi Oromoo dabalatee kan saba biroos qabsoo hidhannoo keessa seenuuf dirqaman. Akkuma armaan olitti ibsame, mootummootni Habashaa tuffii guddaa waan qabaniif hundi isaaniituu akkuma bookkisanitti osoo hin injifatin booddeen isaanii salphina ta’e. Yeroo mootummaa Hayila Sillaasee warri haqaaf jedhanii qawwee qabatanii bosonatti galan “Shiftaa” jedhamanii, irratti duulamaa ture. Yeroo Darguu (mootummaa Mangistuu H/Maariyaam) immoo warra bilisummaa saba isaaniitiif jedhanii qabsoo hidhannootti galaniin wanbadee (ወንበዴ), qixiranyaa (ቅጥረኛ), sargogabbi (ሰርጎገብ) fi kkf ittimoggaasanii waraana irratti labsaa turanis booda garuu kan injifatame isuma mootummicha ta’e. 

Ergan dura-dubbii gabaabaa kana jedhe booda, gara dhimma mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n kan ijaarame waanuma karaa nagaatiin furmaatni dhabameef, qabsoo hidhannoo gaggeessuuf ABOn dirqamee, WBO ijaaree hogganaas ture. Egaa dubbii gabaabsuuf, WBOn gaafiin uummata Oromoo deebii akka argatuuf jedhee bosona filatee qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture fi jiras malee, akka mootummaas ta’ee namootni tokko tokko maqaa xureessuuf jecha “Shiftaa Shanee” jedhaniitii miti. Gaafiin uummata Oromoo immoo gaafii haqaa waan ta’eef, WBOnis haqaaf lolaa jira malee uummata Oromoos ta’ee uummata biroo miidhuuf akka hin taane nan amana. Ijoolleen har’a shiftaa jedhamtee arrabsamtuu fi waraanni irratti labsame kun warruma kaleess sochii qeerroo keessatti hirmaachaa turan akka ta’an himama. 

Akkuma yaadatamu, Wayyaaneen yeroo tokko tokko WBO dhabamsiisee jira; WBO kan jedhamu hin jiru jechaa; yeroo tokko tokko immoo ofuma isaaniitiif ragaa bahuudhaan WBOn akkas ta’e, akkas godhe jedhanii dubbachaa turan. Mootummaan Abiyyi Ahmadiin durfamus, WBO Shiftaa Shanee kana yeroo gabaabaa keessatti lafarraa duguugnee balleessina jechaa dhaadachuu erga calqabnii wagga laamaaf deema. Ammuma yeroo dhiyoo kanallee akka dhagahamaa turetti, Shiftoota Shanee barbadeessinee jirra; kan hafan yoo jiraatan tarii namoota muraasa ta’uu malu waan jedhuu dha. Wanti kun dhugaa ykn soba ta’uu isaatiif ragaan yoo jiraachuullee baate, dhugaan tokko garuu lafa kanarraa hin dhabamu. Innis WBOn haa xinnaatu haa baay’atu malee hanga gaafiin Oromoo deebii hin argatinitti dhalooto tokkorraa kan biraatti dabra malee gonkumaa dhabamuu waan danda’u natti hin fakkaatu.

WBOn hoo lolee injifatee uummata Oromoo bilisoomsuu ni danda’aa?

Gaafiin kun gaafii bu’uraa fi kan hedduu wal nama mormisiisu akka ta’e waan haalamuu miti. Haa ta’u malee, WBOn akka yeroo Wayyaanotaa fi Shaabiyaa sana lolee, lafa qabachaa deemee, Finfinnee seenee mootummaa kan fonqolchuun bilisummaa argamsiisuun ulfaataa yookaanis sirumaa waanuma hin danda’amne ta’uu mala. Haalli har’a jiru fi kan yeroo Wayyaanotaa ture sun garaagarummaa guddaa akka qabu waan dhara hin taanee dha. Kana biratti immoo qabsoon Oromoo keessumaayuu qabsoon hidhannoo Oromoo kan Oromoorratti qofaa hirkattee fi karaa hundaan daangofte waan ta’eef, dhiibbaa hanga kana hin jedhamnetu irra jira. Haalli biyyattii tanaas ta’ee kan Addunyaallee qabsoo hidannoo Oromootiif mijataa miti.

Haa ta’u malee, bilisummaa Oromoo argamsiisuuf WBOn lolee lafa qabatee fi Finfinnee seenuun qofti akka filmaata tokkoo qofaatti laalamuu hin qabu. Qabsoon hidhannoo yoo jabaate, karaalee adda addaatiin dhiibbaa gochuudhaan furmaata xumuraatti nama geessuu ni danda’a jedheen yaada. Lolanii lafa qabachuu dadhabuun akka kufaatiitti ykn dadhabbiitti laalamuu hin qabu. Waayee kana Habashootni yeroo baay’ee kaasanii qabsoo hidhannoo keenyaa qeeqaa, tuffachaa fi waan adda addaa jechaa turan ammallee ittuma jiru. ABOn waggoota 40 ol qabsaa’ee lafa takkallee bilisa hin baasne jechaa injifannoolee QBO argamsiiselle, kan nuti ittiin boonuu qabnu, gadi xiqqeessaa turan/jirus. Waan QBOn nuuf argamsiise garuu numatu beeka. Dhiibbaan WBOn qabus walfakkaataa dha. Kana barreeffama kutaa itti aanu keessatti laalla.

– ittifufa –

Hanag walitti deebinutti nagaan turaa.      

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

“Duumeeysaa rooba fida – roobaa badhaadha fida,” ja’u.

Ebla 30, 2020 Abbaa Urjii tiin: Kuni gaafajiruu fii jireenyi lammii dhunfata isaanii jala ture, …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *