WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa?

Kutaa lammaffaa

Berhanu Hundee

Barreeffama kutaa tokkoffaa keessatti, dhimma mata duree kanaatiif ka’umsa akka ta’u, seensa ykn dura-dubbii gabaabsee ergan ibse booda, gaafii bu’uraa tokko kaaseen ture. Innis: WBOn, lolee injifatee uummata Oromoo bilisoomsuu ni danda’aa?” kan jedhu ture. Akkuman gaafii sana jalatti waan tokko tokko gaggabaabsee ibsuu yaale, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO), kan goototni kumaatamaan ittiwareegaman, xiqqeessuuf ykn hamilee uummata keenyaa cabsuuf, waa baay’eetu ololamaa ture, ammas jira. Habashootni ykn diinotni QBO, injifannoolee hanga har’aatti qabsoo hadhooftuudhaan argaman tuffachuu fi hamilee qabsaa’ota Oromoo cabsuuf; keessumattuu immoo qabsoo hidhannoo busheessuuf ABOn ykn WBOn lolee lafa taakkuu takkaallee qabacuu hin dandeenye jedhu. Injnifannoolee gurguddoo QBOn argamsiise garuu osoo beekanuu; isaan kana dhiisanii waayee lolanii lafa qabachuu nutti himuu yaalu.

Warri tuffii akkanaa qabsoo Oromootiif qaban kun, yeroo hunda Shaabiyaa fi Wayyaanee wajjin walbira qabanii nu laalu. Dhugaa dha, Shaabiyaan loolee injifatee Eertiraa bilisa baasee jira. Wayyaanotnis, waan lolanii injifatanii, Finfinnee seenanii aangoo qabataniif naannoo isaanii jechuun Tigraay bilisoomsanii; ofii isaaniitiifis waggoota 27 ol waa hundaa too’atanii sooramaniis jiru. Haa ta’u malee, wanti dagatamuu hin qabne gargaarsa Shaabiyaa fi Wayyaaneen yeroo sana argachaa turanii fi haala yeroo sanaatu isaaniif murteessaa ture. Qabsoon Oromoo harka caalaa Oromoorratti hirkatte malee gargaarsi alaa hamma kana kan argame hin jiru yoo jedhame dhara hin ta’u. ABOnis haalota baay’ee walxaxaa fi ulfaataa keessa dabreeti bara 1991 injifannoo galmeesse. Akka Wayyaanotaa lolee lafa qabachaa deemee, Finfinnee seenuu baatus, qabsoon hidhannoo ABOdhaan hogganamaa turte dhiibbaa baay’ee gootee jirti.

WBOn har’a lolaa jirus tarii lafa qabachaa fi magaalota bilisoomsaa deemee Finfinnee galuu dadhabuu malus, karaan inni ittiin dhiibbaa godhee bilisummaa uummata Oromoo argamsiisuu danda’u hedduu dha. Karaalee kana, isaan kana ykn sana jedhee asitti tarreessuun barbaachisaa miti. Wanti ani barbaachisaa qofaa osoo hin taane dirqama jedhee asitti kaasuu barbaadu garuu karaa danda’amu hundaan WBO bira dhaabbachuun dirqama Oromummaa akka ta’ee dha. Olola diinaa afarsaa fi isa kanaan gowwoomaa hamilee qabsaa’ota keenyaa cabsuu hin qabnu. Obsi fi ofitti amanummaan baay’ee murteessaa dha. Wanti Oromoon dagachuu hin qabne, ijoolleen (miseensotni WBO) har’a jiruu fi jireenya isaanii bosona fi gaara Oromiyaa godhatanii; kufaa fi kuffisaa jiran kun, kan isaan lubbuu takka baatu hin deebine nuuf uummata Oromootiif wareegamuuf qophaa’an qoosaafii miti. Gaafiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu waan dhabeef dirqamanii karaa kana filatan. Kanaafuu, Oromoon ijoollee tanaan boonuu qaba malee, akka Shiftaatti isaan laaluun fafa.  

Diina qofaa osoo hin taane, Oromootni garaa isaanii guuttachuuf jedhanii; mootummaa kanaaf xurunbaa ta’anii; WBOrratti olola ofan tokko tokko yeroo isaan waan kanatti gaabban akka dhufu abdiin qaba. WBOn maaliif uummata bal’aa Oromootiin deeggaramuu qaba?  WBOn bilisummaa argamsiisuuf qofaa osoo hin taane; bilisummaan yoo argame boodallee isa kana tikfachuu fi nagaa Oromiyaa eegsisuuf humna biyyoolessaa ta’a. Har’a qofaa osoo hin taane waan gara fuulduraa dhufus, egeree keenya yaaduun brabaachisaa qofaa osoo hin taane murteessaa dhas. Irran deebi’a, WBOn shiftaa miti; akkuma yeroo hunda jedhamu, WBOn abdii fi gaachana Oromoo fi Oromiyaa ti. Dhugaan kun diinota QBO fi jala-kaattuu isaaniitiif liqimsamuu dhiisuu mala. Hadhooftus garuu dhugaa fudhachuun dirqama ta’a. 

Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate?

Gaafii jabaa kanaaf deebii osoo hin barbaadin dura, mee gaafiilee biraa kaasuun barbaada. Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti haalli jiru mijataa dhaa? Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa? Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e? Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasis maali? fi gaafiilee kana fakkaatan hedduu kaasuun ni danda’ama. Deebii gaafiilee kanaatiiif akkasumas gaafii jabaa baddaatti ka’eef deebii kennuuf, barreeffama itt aanu keessatti yaada fi ilaalcha kiyya ibsuun yaala.  

WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa?

Kutaa sadaffaa

Berhanu Hundee

Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti, gaafii cimaa tokko kaasee; garuu gaafii kanaaf deebii osoo hin kennin dura gaafiilee biroo tokko tokko kaasuun barbaachisaa waan ta’eef, isaaniis tarreesseen ture. Gaafii inni cimaan “Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate? kan jedhu yoo ta’u, gaafiileen dura deebii argachuu qaban jedhee dhiyeessu immoo isaan kana: 

  • Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti haalli jiru mijataa dhaa? 
  • Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa? 
  • Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e? 
  • Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasis maali? 

Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti yeroo ammaa haalli jiru mijataa dhaa? 

Gaafii kanaaf akksumas kan hafaniif deebii osoo hin kennin dura, mee ofduuba gargallee waan tokko tokko haa yaadannu. Biyyi Itoophiyaa jedhamtu, tan ijaarsuma ishiitiin humnaan, qawwee fi dhiigaan uumamte, tana keessatti yeroo gaafiin uummataa karaa nagaatiin deebii argate hin jiru. Mootummootni impaayara tanaa kan dhufaa dabran hundi isaaniituu humnaan aangootti dhufan. Haa ta’u malee sochiin uummataa, keessumaayuu sochii fi fincilli uummata Oromoo Qeerroodhaan durfame seenaa biyyattii tanaa keessatti yeroo duraatiif qawwee malee jijjiiramni akka mul’atu waan taasiseef, abdii uumee ture. Bara 2018, erga olaantummaan Wayyaanee cabe booda, hooggantootni ol’aanoon OPDO kan akka Obboo Lammaa Magarsaa faa haasa’a akka dammaa mi’aawuun qalbii uummata keenyaa waan hataniif, wanti isaan hojjetan tarii milkaawuu danda’inaa laata? yaada jedhuun abdiin uumamee ture. 

Haasa’a fi adeemsa OPDO burjaajessaa kana keessatti, uummatni Oromoos abdii qabaachuurraa kan ka’e hamma tokko obsaan eegaa waan tureef, carraa uumame kana keessatti OPDOnis mootummaa keessatti bakkee (iddoo) furtuu ta’e argattee; waa hunda harkatti galfattee, akka barbaaddetti socha’uu calqabde. Jaalatnii osoo hin taane warraaqsa uummataatiin waan dirqamaniif, hidhamtoota gadi lakkisuu fi jaarmayoota biyya alaa jiran wajjin haasa’anii, akka isaan biyyatti deebi’anii karaa nagaatiin qabsaa’an godhame. Jaarmayoota mariin waliin godhamee biyyatti deebi’an keessaa inni tokko ABO dha. Yeroo hoggantootni ABO Asmaraa jiran fi sana boodallee waan isaan mootummaa waliin haas’anii fi irratti waliigalan beekuu baadhullee, akka hoggantootni ABO miidiyaaleerratti ibsanitti, waliigalteen sun akka hojiirra hin oolinii dha. 

Adeemsa karaa nagaatiin qabsaa’uu kana keessatti, miseensotni WBO Eertiraa keessaa jiran ABO wajjin gara biyyaatti akka deebi’an godhame. Miseensotni WBO kan biyya keessatti socha’aa turanis hidhannoo hiikkatanii, bosonaa akka bahan karaa adda addaatiin yaaliin godhame. Yaalii kana keessa miseensotni WBO hammi tokko kaampiitti akka deebi’an taasifame. Haa ta’u malee, waan isaanirra gahe ykn shirootni adda addaa xaxamaa akka ture iccitii osoo hin taane, waan miidiyaarratti gabaafamee dha. Shira OPDOn Wayyaanee jalatti baratte fi daba isaan hojjetan kan hubatan miseensotni WBO kan hafan bosonatti hafuu fi qabsoo ittifufuuf murteeffatan. Egaa hubadhaa, ijoolleen tun jireenya isaanii bosona fi gaara Oromiyaa kan godhatan jaalatanii osoo hin taane shira xaxamaa jiru fi karaa nagaatiin gaafiin Oromoo deebii argachuu akka hin dandeenye waan hubataniifi. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani ijoollee tanaaf dubbachuu osoo hin taane, dhugaa ifatti mul’achaa jiru ibsuufi. 

Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa? 

Gaafiin kun gaafii armaan olitti ka’e wajjin walfakkaata. Gaafii kanaaf deebii kennuuf garuu baay’ee itti yaaduu fi xiinxal bal’aa godhuu nama hin barbaachisu. Wanti dhagahamaa fi argamaa jiru; dhugaan lafarra jiru haala yeroo ammaa ibsuuf gahaa dha. OPDOn ODPtti, achirraa immoo PPtti (ብልፅግና)tti erga ofjijjiiree as, Oromoof hojjechuun hafee, maqaa Oromoo jedhu sanaayyuu ofirraa haqee; karaa kaayyootiinis waan biraa hojjechaa akka jiru ifaa ifatti mul’achaa jira. Jaarmayootni Oromoo kan Oromummaarratti hundaa’anii dhimma uummata Oromootiif hojjechaa jiran, kan akka ABO, KFO fi PBO, miseensotni fi deeggartootni isaanii bakkee hundatti hidhamaa fi dararamaa akka jiran iccitii miti. Haalli yeroo ammaa jiru kan bara 1992 wajjin wal fakkaata. Sirumaa caalaatti hamaa ta’aa akka deemu ni tilmaamama. Egaa, dubbii gabaabsuu fi gaafii kanaaf deebii gabaabaas kennuuf, dirreen karaa nagaatiin qabsaa’an akka duraan hawwame fi abdatame osoo hin taane shakkii tokko malee dhiphatee jira jedheen amana.  

Bareeffamni kutaa kanaa akka dubbistootatti hin dheeranne, gaafiilee baddaatti tarreeffaman keesaa kan hafaniif akkasumas dhimmoota biroo dabalatee barreeffama itti aanu keessatti laalla.    

– ittifufa –

WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa?

Kutaa afraffaa

Barreeffama kutaa sadaffaa keessatti, gaafiilee armaan gaditti tarreeffaman keessaa lamaan duraatiif deebii gabaabaa keenuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa afraffaa kana keessatti immoo gaafiilee hafaniif deebii kennuun yaala. 

  • Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti haalli jiru mijataa dhaa? 
  • Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa? 
  • Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e? 
  • Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasisu maali? 

Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e? 

Calqabumarraa kaasee sababni Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) ijaarameef, gaafiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu waan dadhabeef, qabsoo hidhannootti seenuun dirqama waan ta’eefi. Akkuma barreeffama kutaa sadaffaa keessatti ibsuu yaale, jijjiiramni sochii fi fincila uummata Oromootiin bara 2018 argame sun, karaa nagaatiin gaafiilee Oromootiif deebii argamsiisuu ni danda’a jedhamee abdatamee ture. Asirratti waan tokkon jechuun barbaada. Dhugaa dubbachuuf, bara 2018 carraa guddaatu nu dabre. Gabrummaa bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa uummata Oromoorra ture xumuruun osoo danda’amuu, dogongora tooftaa fi tarsiimoo hojjetameen, carraa guddaa argame dhabnee, warri biroo ittifayadame. Kun dogongora seenaa ti. Dhimma kana ammaaf asumatti dhiisuudhaan, gara gaafii ka’eetti deebi’uuf, erga jijjiiramni qilleensaa biyyattii tana keessatti mul’atee asiis Oromoodhaaf wanti jijjiirame tokko hin jiru yoon jedhe dhara hin ta’u.

Haasa’a Obboo Lammaa Magarsaa Sabboonummaa leellisaa turetu Oromoo dagachiise fi gowwoomse malee, amalli OPDO waanuma beekamu ture. Shira isaan Wayyaanee jalatti baratanii fi shaakalaa turan hubachuu dhabuun dogongora guddaa dha. Jijjiirama dhufe sana akka ceesisu OPDOf carraan kennamuun irra hin turre. Asirratti Oromoon baay’ee baay’ee gowwoomsame. Kan ta’es ta’u, shira OPDO/ODPn dalage fi waadaa Lammaan faa Oromoof galan sun cabuutu; akkasumas gaafiilee Oromoon yeroo sochii uummataa sana kaasaa turan deebii dhabuutu, WBOn akka bosona turu fi qabsoo ittifufu taasise. Oromoon haqa qaba; WBOn immoo haqa kanaaf jedhee wareegama guddaa kaffaluuf bosana fi gaara Oromiyaa filate. Namni lubbuu isaa balleessuuf jedhee ibidda seenuu barbaadu hin jiru. Garuu waan roorroon uummata Oromootti baay’ateef, WBOn taa’ee laaluu hin dandeenye. WBOn gaafii qabu mootummaatti dhiyeessus deebii waan dhabeef, bosonatti hafee qabsoo hadhooftuu ittifufuuf dirqame. 

Karaa biraatiin immoo, akkuma dhiyoo kana Jeneraal Kamaal Galchuu OMNrratti dubbate, mootummaa OPDO/ODP/PPn hogganamu kana keessa humootni jeequmsa barbaadani fi WBOn akka bosonaa hin baane godhan waan jiran fakkaata. Kanaaf, gaafii WBOs ta’ee uummatni Oromoo gaafatuuf karaa nagaatiin deebii kennuu dhiisanii; jeequmsi akka uumamuu fi WBOn xiiqii keessa galee lola akka ittifufu taasisan jechuu dha. Akka miidiyaarratti mul’achaa turetti, WBOn marii karaa nagaatiif qophii akka ta’e agarsiisuudhaan qabxiilee tokko tokko akka haal-dureetti dhiyeesse ture. Mootummaan garuu sana fudhachuu waan dideef, ammas qabsoo hidhanoo ittifufuun dirqama ta’e. Mootummaanis sababa naageenya uummataa eeguu fi seera kabachiisuu jedhuun WBOrratti lola labse. Dhimmi nageenya uummataa eeguu jedhu kun dubbii walmormisiisaa waan ta’eef, isa kana ittin deebi’a. Ammaaf garuu, gaafii baddaatti ka’eef deebii waliigalaa kennuuf, duris ta’ee har’a sababni WBOn lola filateef ammas karaan nagaa waan cufameefi.

Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasisu maali? 

Oromiyaan lafa uumaadhaan waan hundaan badhaate; naannoo saamichaaf saaxilamte; naannoo sabaa fi sablammiin baay’een keessa jiraatanii dha. Oromiyaan naannoolee kamiiyyuu caalaa lafa Nafxanyootni heeduminaan irra qubatanii fi walumaagalatti naannoo fedhiin humnoota adda addaa keessa jiru fi akkasumas dirree lolaatis. Waayee Nafxanyootaa bal’inaan itti deebi’a. Oromiyaa keessatti wantootni ykn sababaaleen nagaa fi tasgabbiin akka hin uumamne taasisan hedduu dha. Dhimmi kun xiinxala bal’aa barbaada. Haa ta’u malee, dhimma WBO wajjin walqabatee waan tokko tokko ibsuun yaala. Kana jedhee ragaa lafa kaa’uun na rakkisus, akka dhagahamaa jirutti, yeroo ammaa Oromiyaa keessa humnootni adda addaa hidhatanii socha’aa waan jiran fakkaata. Akkuman kanaa olitti tuqe, fedhiin adda addaa Oromiyaa keessa waan jiruufi. Humnootni eenyummaan isaanii hin beekamne kun Oromiyaa keessa socha’anii jeequmsa uumuudhaan, WBOtu akkana godhe jedhanii maqaa xureessuufi.

Mootummaan immoo WBO waan sodaatuu fi yoo danda’ame dhabamsiisuu waan barbaaduuf, Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) – State of Emergency (SoE) baasee; maqaa seera fi nageenya eegsisuu jedhuun uummatas unkuraa jira. Uummatni Oromoo Oromiyaa dhihaa fi kibbaa humnoota adda addaa jidduu galanii kunoo waggoota lamaaf dararamaa jiru jechuu dha. WBOn kaayyoo ifa ta’e TOKKO qaba; innis uummatni Oromoo bal’aan bilisa ta’ee hiree ofii ofiin/ofiif akka murteeffatu taasisuu dha. Humnootni biroo kan Oromiyaa keessa socha’an garuu farra QBO ti. Akkuma kanaa olitti ibsame, mootummaa keessa warri daldala siyaasaa qabani fi Oromiyaa keessatti lolli akka hin dhaabbanne barbaadan akka jiranii dha. 

Wanti kun dhugaa akka ta’u nama hin shakkisiisu. Maaliif yoo jedhame, mootummaan OPDO/ODP/PPn durfamu kun, akkuma nutu Itoophiya diigumsarraa hanbise jechaa ture, ammas nutu nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisa maqaa jedhuun beekkamtii argachuuf; karaa nagaatiin mariidhaan rakkoolee hiikuu dhiisee lola labse. Kana hundaa jidduutti Oromiyaan dirree jeequmsaa taatee; uummatni Oromoos nagaa fi tasgabbii dhabe. Yeroo jijjiiramni wareegama ijoollee Oromootiin dhufe sun humnoota birootiin butamee; wantootni farra Oromoo ta’an hojjetamaa jirutti, uummatni keenya garuu har’as booyaa, dhiigaa, du’aa fi dararamaa; qabeenyi isaa barbadaa’aa jira. Nagaa fi tasgabbii dhabuun, booyuu fi dhiiguun uummata Oromoo hangamitti ittifufa? Deebii gaafii kanaa fi dhimmoota biroos barreeffama itti aanu keessatti laalla. 

– ittifufa –

Hanag walitti deebinutti nagaan turaa.      

Hanag walitti deebinutti nagaan turaa.      

WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa?

Kutaa shanaffaa

Berhanu Hundee

Barreeffama kutaa sadaffaa fi afraffaa keessatti gaafii “Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate?” jedhu fi gaafiilee biroos, kan gaafii kana wajjin walittihidhannaa qaban, kaasee akka yaada fi laalcha kiyyaatitti deebii kennuu yaaleen ture. Dabalataanis haala yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiru fi baay’ee yaaddessaa ta’e laalchisee gafii tokkos kaaseen ture. Innis, Nagaa fi tasgabbii dhabuun, booyuu fi dhiiguun uummata Oromoo hangamitti ittifufa? kan jedhu dha. Barreeffama kutaa shanaffaa fi xumuraa kana keessatti walumaagalatti dhimma nagaa fi nageenya Oromiyaa laalchisee akkasumas dubbii ijoo kan ta’e dhimma WBO, kan kutaalee afuriin dhiyaachaa ture, asirratti xumura.

Oromiyaa keessatti WBO dha moo humnoota birootu Shiftoota?

Nagaa fi tasgabbii uumuuf, wanta nagaa booressu beekuu fi furmaata isaa argachuu dha. Oromiyaa keessatti wantootni nagaa booressanii jeequmsa uuman maala akka ta’an sirriitti beekuun rakkisaa ta’ullee, wanti nama hin shakkisiisne tokko garuu biyya tana keessatti warri jeequmsa uumanii bu’aa irraa argatan ykn/fi daldala siyaasaa qaban waan jiraniifi. Kun amaluma biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti bareemee dha. Haa ta’u malee, Oromiyaa kan adda godhu fi jeequmsi uumamee, uummatni nagaa akka hin arganne taasisu, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO)rraa sodaa waan qabaniifi. Motorri QBO immoo Sabboonummaa Oromoo ti. Sabboonummaan kan guddatu fi dagaagus uummata nagaa fi tasgabbii qabu keessatti. Kanaafuu Sabboonummaa cabsuuf; akkasumas QBO laaffisuuf; uummata beela fi gadadoo keessa galchuuf; diingadee uummataa laamshessuuf; dubartoota gudeeduuf; qabeenya saamuuf,… isaan kana hundaaf haalli akka mijatu jeequmsa uumuun barbaachisaa ta’a.

Sababa kanaaf karaa tokkoon hidhattootni eenyummaan isaanii hin beekamne (isaan kun tarii humnoota sirna durii deebisuu barbaadan ta’uu malu) Oromiyaa keessa socha’anii, uummata jeequdhaan WBOtu akkas godhaa jira akka jedhamu godhuun isaanii himamaa jira. Karaa biraatiin immoo, mootummaan mataan isaatuu duula WBO dhabamsiisuuf godhu qofaa osoo hin taane, shiroota biroos dalaguudhaan WBOtu akkas godhaa jira jedhee maqaa “Shiftaa Shanee” jedhu ittimoggaasee WBO maqaa xureessa. Miseensotni WBO shiftoota osoo hin taane ijoollee Oromoo warra Sabboonummaadhaan guutamanii dha. WBO dhabamsiisuu jechuun Sababboonummaa dhabamsiisuu dha. Sabboonummaa dhabamsiisuun immoo QBO dadhabsiisuu dha. QBO dadhabsiisuun gaafiin Oromoo akka deebii hin arganne taasisuu dha; haqa Oromoo awwaaluu dha. WBOn haqa Oromootiif uumame; haqa kanaaf wareegama kaffalaa jira; hiree ofii ofiin murteeffannaan uummata Oromoo akka mirkanaa’uf qabsaa’aa jira malee shiftaa miti. Dhugaa kana uummata Oromoo bal’aatu beeka.

Warri hidhatanii uummata keessa socho’an naannolee biraas jiru. Wanti naannoo Amaaraatti ta’e yaadannoo dhiyoo ti. Mootummaan garuu tarkaaniifii inni fudhate hin jiru. Oromiyaa keessatti garuu maqaa Labsii Yeroo Muddamaatiin, Komaandi Poostiidhaan uummata keenya dararaa jira. WBO sababa godhatee addatti Oromiyaa lixaa fi kibbaatti waraana labsee jira. WBO yeroo gabaabaa keessatti ni barbadeessina jedhanii erga dhaadachuu calqabanii wagga lama ta’ee jira; garuu WBO barbadeessuu dhiisii laaffisuullee waan danda’ame natti hin fakkaatu. Hanga Oromoon lafarraa dhumutti WBOn barbadaayee hin dhabamu. Osoo dadhabeyuu deebi’ee jabaata malee hanga gaafiin Oromoo karaa nagaatiin deebii hin argatinitti Oromoon kamuu WBO dha. Dhugaa kana firas ta’ee diinni beekuu qaba. Oromoo ta’anii garuu warri garaaf jedhanii, mootummaa PP kana jala kaattanii, WBO maqaa xureessuudhaan “Shiftaa” jedhan yeroon isin itti gaabban ni dhufa.

QBO keessatti qabsoon hidhannoo dhaabbachuu ni danda’aa?

Hanga jeequmsi Oromiyaa keessa jiru ittifufutti uummatni Oromoo nagaan jiraachuu hin danda’u. Karaa nagaatiin gaafii uummataatiif deebiin akka argamu kan yaalamu yeroo Darguu yeroo Dr Hayilee Fidaa faa mootummaa waliin hojjechuu yaalanii booda dhabamanii kaasee ti. Mootummaan impaayara tanaa dhufaa dabran amalli isaanii tokkuma. Impaayara humnaan ijaaramte tana keessatti, humnaan malee gaafiin Oromoo deebii argachuu hin danda’u. Kuni waraana labsuuf ykn olola oofuuf osoo hin taane, karaan biraa waan ijibbaatameefi. WBOn dirqameeti lola filate. Bilisummaa Oromoo argamsiisuun hafee, sanumaa asittuu yeroo obboleettiin ykn/fi haati isaa gudeedamtu fi dararama agartu; yeroo abbaan isaa salphatu fi dararamu ykn ajjeefamu, yeroo qayeen isaa gubattu fi qabeenyi barbadaa’u Oromoon taa’ee laalu jiraa? Yeroo badii kana hundaa argu namuu WBO ta’a. Hanga dararamni uummata Oromoo jirutti, hanga uummatni bal’aan kun hiree ofii murteeffachuu hin dandeenyetti qabsoon karaa kamiinuu ittifufa.

Filmaatni (election) nagaa fi haqa ta’e biyyattii tana keessatti godhamee, karaa kanaan gaafiin Oromoo deebii ni argata jedhanii yaaduun abjuu dha. Osuma godhameeyyuu filmaatni haqa ta’ee akka hin milkoofne; uummatni nama ykn jaarmayaa barbaadu akka hin filanne kunoo wanti ta’aa jiruu ragaa dha. Miseensotni jaarmayoota mormitootaa (akka warri zamanaa morkattootaa jedhan) keessumaayuu kan jaarmayoota Oromoo kan akka ABO, KFO fi PBO hidhamaa jiru; waajjirootni isaanii diigamaa fi saamamaa akka jiru himama. Egaa akkamitti filmaatni nagaa fi haqaa godhamee gaafiin uummataa deebii argachuu danda’a jedhamee yaadama? Kanaafuu filannoon (option) jiru karaa hidhannootiin dhiibbaa godhuu qofaa dha jedheen amana. Kanaaf immoo WBO jabeessuun barbaachisaa dha. WBOn dadhabullee, laaffatullee, deebi’ee jabaata malee barbadaa’ee dhabamuu gonkumaa hin danda’u. WBO jabeessuun bilisummaa argamsiisuuf qofaa osoo hin taane, bilisummaa boodallee nagaa fi nageenya Oromiyaa eeguuf human waraanaa biyyoolessaa (national army force) qabaachuun dirqama ta’a. Humna waraanaa cimaa qabaachuun akka nama kabachiisu Tigraayi akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.

Qabsoon bilisummaa, haqaa fi diimookraasii ni injifata!!!

Hanga dhimma birootiin walitti deebinutti nagaatti.      

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Qaajjibboo Nafxanyaa Afaan Oromoo dubbattuun ”mootummaa kiyya” jedhanii waamuun ofumaan of salphisuu dha

Boruu barraaqaatiin Murni ergamtuu Nafxanyaa Oromiyaa irratti fe’amte kan ‘Mootummaa Oromiyaa’ ofiin jettu Oromoos tahee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *