Oduu Haaraya

Wayyaaneen Irraa-Jalaan Ummata Oromoo Fixaa Jirti, Kun Dacha’uu Qaba.

Baarentuu Gadaa Irraa//
gessogeda@gmail.com

Gama tokkoon Aga’aaziin  qayee Oromootti bobbaafame, dhalataa Oromoo
kamuu gaafii malee hidhee darara, karaarratti ajjeesa, gama biraan
waraanni Wayyaaneen leenjiftee,hidhachiiftee bobbaafte Liyyuu hayiliin
haaluma walfakkaatuun ummata Oromoo gama bahaatin  weerararee kunoo
ajjeesaa, qayee fi qabeenyarraa buqqisaa, kaanis ukkaamsee  eessa
buutee dhabamsiisaa  jira. Saamichi silaawuu hojii ijoo  sirnichi
waggoota 25n darbaniif ittiin beekamuudha.
Wayyaaneen waraana ishii bobbaasuun  ajjeechaan, hidhaa-dararaan,
akkasumas saamichi waggoottan 25n darbaniif gaggeessaa turtee fi jirtu
quubsuu dadhabnaan kunoo ammammoo  ummata Oromoo beelaan fixaa jirti.
Nama beeleessuu qaama qabsoo ishii godhattee  dhimma itti bahaa jirti.
Ummanni  Oromoo beelaan adabamaa, lubuun namaa hedduutis yeroo ammaa
kana gaaga’amaa jira.   Wayyaaneen akkuma waraana bobbaaftee Oromoo
qayee fi qabeenyarraa buqqaasaa turtee fi jirtu beelaanis buqqisaa,
qayee isaa dhiisee akka godaanu taasisaa jirti.  Godaansa qayee isaa
dhiisee gara mgaalaaleetti godhaa jiru kanaanis iddoo hedduutti kadhaa
fi dararama hedduuf saaxilamaa akka jiru kan quba hin qabne hin jiru.
Beelli, dheebuu fi dhibeen erga ummanni Oromoo sirna Habashootaa
jalatti kufee asii kan irraa dhaabbatee hin beekne ta’ulleen  takkaa
akka bara wayyaanee kana akka ta’ee hin beekne eenyufuu ifaadha.
Ummanni Oromoo osoo biyya lalliftuu fi gabbattuu kan biraafuu haftu
qabuu  imaammata weertoonni gabroonfattoonni akka wayyaanee irratti
diriirsaniin har’a  gadadoo hamaa jalatti kufee beela hamaa  jala
jira.  Ummanni  Oromoo waggootan 25n darbaniif  kan rakkoolee adda
addaan mankaraaraa ture dhiifnee  beela  yeroo ammaa kana impaayeera
itiyoophiyaa muudatee fi namni  miliyoonni 15 ol itti gaaga’amaa jiru
kan yoo fudhannee ilaalle mil. 10  ol Oromoodha.  Onoota 22 ol  beela
hamaaf saaxilamanii waan nyaatanii dhugan dhabanii sa’aa- namni balaa
guddaaf saaxilame keessaa akka dhaabooleen mirga namoomaa fi
dhaabbanni nyaata addunyaa FAOn  ifa godhe keessaa 19-20 kan ta’an
Oromiyaa keessa.  Balaan dhaqqabaa jiru kan jedhamaa jiruu oli.
Walumaa galatti  wayyaaneen ta’e jettee Oromoo beelaan adabaa jirti.
Biyya kam keessattuu  roobni dhabamee gogiinsi dhalachuu danda’a. ykn
roobni hammaatee miidhaa geechisee  sa’aa- namini miidhamuun rakkoon
dhalachuun waanuma jiru.  Haata’uutii googiinsi ykn qilleensi
jijjiramee roobni baayyachuun beela sa’aa nama fixu ni uuma jechuu
miti.  Biyya mootummaa qabdu, biyya sirna balaa jijjirama
qilleensatiin dhufu hundaafuu qophii qabdu keessatti caamnis
hammaatulleen, roobnis jabaatu ummanni beelaan hin dhumatu.
Beeladoonni akka baalaa harcahanii qotee bulaaf horsiisee bulaan hin
harcahu. Biyya  mootummaa aantummaa ummataa qabu, biiya bulchiisni
gaariin keessa jiru keessatti balaan kamuu dhufu  rakkoon dhufe osoo
balaa hin geechisin furama.  Yoo  balaan dhufe humna biyya sanaatii ol
ta’eelleen aadaan addunyaarratti barame gargaarsa biyyoota birrraa
gaafachuudha. Kan impaayeera Itiyoophiyaa wayyaaneedhaan bulaa jirtuu
garuu  kanaan adda.
Wayyaaneen 1ffaa beela impaayeera itiyoophiyaa keessatti uumamaa turee
fi jiruuf madda ta’uu ishii caalaayyuu  gurraa fi ija addunyaa jalaa
dhoksaa turte.  Beela Imaammataa fi poolisii ishiin hordooftun
ummattoota biyyattii keessumaawuu ummata Oromoo mankaraarsaa jiru kana
karaa danda’ameen addunyaatti himuun gargaarsa kadhatanii furuu, akka
inni lammitti hin deddeebine mala Saayinsii fi teeknooloojiin akka
qonni  guddatu qonnaan bulaa deeggaruurra  inumaawuu akka beelli biyya
san keessaa hin dhabamne  yoo shira hojjettu muldhachaa ture,
muldhachaas jira. Guyyaa tokko caamnaan ykn rooba hamaa roobnaan
iddoo baayyetti ummattoonni biyya sanii ni beela’u.  kan amma
muudachaa jirus  kanuma.
Wayyaaneen  gongumaa akka beelli  impaayeera itiyoophiyaa keessaa badu
hin feetu. Ykn hin barbaaddu,  Beelli ishiif daldala bu’aa olaanaa
qabu, kan  horii guddaan irraa argataa turtee fi jirtuudha.  Murni tun
bara qabsoorra jirtu irraa eegaltee midhaan  maqaa gargaarsatiin  nama
beela’eef alarraa dhufe murna gurgaratee  dhala namaa kuma hedduun
fixaa turteedha. Kanaaf ragaan ammoo isaanuma qondaaloota wayyaanee
warra yeroo sanatti midhaan gargaarsaa alarraa gurraa turanii fi amma
dhaabicharraa bahaniidha. Ammas kanumaatu  wayyaaneedhaan maqaa
beelaatin itiyoophiyaa keessatti raawwachaa jira.  Namni ni dhumaa
wayyaaneen garuu midhaan gargaarsaan dhufaa jiru daldalachaa jirti,
bu’aa ishiii irrigataa maqaa beelaatin daldalti. Kun yakka guddaa,
yakka dhala namaarratti hojjetaman keessaa isa olaanaadha.
Har’a ummanni Oromoo googiinsa muudatee fi imaammata  misoomaa
wayyaaneen diriirste, Duula  Liyyu hayilii fi waraanni Agaa’zii
irratti bane jiruun tasgabbii dhabee beelaa fi balaa guddaaf
saaxilamee jira. Ilmaan Oromoo kun mana hidhaatti guuramanii, kuun
ammoo sababa  adda addaatiin  qayee fi qabeenyarraa buqqifamanii
qotatanii jiraachuu ykn daldalatanii jiraachuu dadhabuun beela hamaa
keessa jiru.
Wayyaaneen daldala maqaa ummattootaain mi’eeffatte jabeessitee itti
fufuuf; 1ffaa beelicha dhoksaa turte, 2ffaa isuma beele’e jetteeyyuu
kan Oromoo xiqqeessitee ibsaa, ykn himaa turte, 3ffaa gargaarsa maqaa
ummata beelee’eetiin alaa dhufe  daldala siyaasaa Oromoo irratti
ittiin gaggeessaa jirti, beelaan Oromoo adabaa, aarii irraa qabdu
itti bahaa jirti. Kun yakka, yakka  sanyii balleessuuti, yakka
addunyaan beekuu fi hubachuu qabuudha.
Ummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa jiru keessumaa kan naannoo beelli
kun itti hammaatee jiru jiraachaa jiru; ummanni Oromoo hargee bahaa
fi lixaa, Booranni, Baalee, Gujii fi gammoojiin shawaa bahaa  yakka
kana sagalee olkaasuun addunyaatti  iyyachuun dubii fardiidha. Addatti
ammoo ummanni Oromoo naannoo beelli kun itti muudateen ala jiruu fi
hawaasi Oromoo biyyoota gara garaa keessa jiru yakka wayyaaneen
Oromoorratti gaggeessaa jirtu kana addunyaaf saaxiluun dirqama
lammummaati. Lammii isaa biyya keessatti wayyaaneen beelaan adabaa
jirtu baraaruun dubbii fardiidha. Yakka kana Addunyaan beekuu qaba.
saaxilamuus qaba.
Hara’a  midhaan maqaa saba kanaatiin dhufaa jiru daldala siyaasaaf
oolaa jira. ummata Oromoo beelaan miidhamaa jiru bira gahaa hin jiru.
kan gahaa jirus wayyaanee deeggartan  malee jedhamee  nama addaan
qooduun hiramaa jira. Keessumaa  naannoo beelli kun itti hammaatee
jiru, Harargee bahaa, fi lixaa  gammoojjii Baalee, Shawaa  bahaa,
Booranaaa fi Arsii lixaa.. keessatti  ummata balaa goognsaa fi
immaammata wayyaanee dogongoraa ta’een beelaaf saaxilame beeladoonni
jalaa dhuman  sirnichi  mormii narratti kaasaa turtanii fi jirtan
ittiin jechuun beelaan adabaa jira. Yakka Adoolfi hitiler ayhudoota
kaampiitti naqee beeleessuun  raawwachaa ture kan fakkaatu irratti
raawwachaa jira. Yakki  Kun sirnaan balaaleeffatmuu qaba. keessumaa
ummanni Oromoo biyyoota alaa jiru yakka kana addunyaatti saaxiluu
irratti qooda isaa isa guddaa fi olaanaa bahachuu qaba.//
Yeroo ammaa kana yakkatuu wayyaaneedhaan ummata Oromoorratti
raawwachaa jira, yakki kun yakka sukanneessaa dha, yakka  dubbachuufuu
nama suruuruu dha, wayyaaneen gama tokkoon waraana bobbaasuun oromoo
fixaa jirti, gama biraan ammoo  akkuma addunyaan quba qabuu fi ragaa
bahaa jirutti beelaan ummata Oromoo adabaa jirti.  Yakki kun karaa
danda’ame hundaanuu nurraa  dacha’uu qaba. Diinni innikaan nu weertee
nusaamaa, nu ajjeesaa, nu  hidhaa fi nu dararaa jirtu Wayyaaneen
gateettii keenyarraa bu’uu qabdi.  Kan gateettii keenyarraa butu ammoo
qabsoo keenya walirraa hin cinneen ta’uun wal nama hin gaafachiisu.
Kan dirqama kana galmaan gahuu keessatti qooda olaanaa qabuu fi
dirqamni dachaan irra jiru ammoo dhalootuma har’a qabsoorra jiru kana.
Dhaloonni kun kana hubatee bakkayyattuu  tokkumaa isaa cimsatee, irree
isaa waleeffatee, qabsoo eegalame; qabsoo hidhannoo ABOn gaggeeffamaa
jiruu cinaa hiriiruu fi  FXG finiinsee itti fufuun dubbii ijoo fi
fardii dha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …