Oduu Haaraya

Wayyaanee; Murna Kan Jettuu fi Kan Hojjettu Tokko Ta’ee Hin Beekne!

Baarentuu Gadaa Irraa//

Dubbiftoota!
Mootonni Habashaa uummattoota cunqurfamoo impaayera itiyoophiyaa bitaa
turan hunduu kijibdoota turan. Hundii isaanituu wanti jedhanii fi
hojjetan wal argeefii hin beeku. Kan ganama jedhan galgala itti hin
deebi’an. Kan har’a jedhan boru itti hin deebi’an. Ni sobu, ni haalu.
Ni fakkeessu. Fakkeessitoota. Kan afaaniin odeessanii fi hojiin
isaanii  lafarra jiru walii falladha. gargari. Keessuma murni
gabroonfattuun waggoota 26n darbaniif uummattoota Impaayeera
Itiyoophiyaa irratti weerara raawwattee bitaa fi saamicha gaggeessaa
jirtu Wayyaaneen  gaafa tokkoofillee dhugaa dubbattee hin beektu.
Dubbiftoota!
Murni tun Wanti yoo waltajjiitti baate haasoftuu fi wanti hojiirra
olchitu takkaa wal simatee hin beeku. Dhaaba nagaha, misooma, guddinaa
fi dimookiraasiif dhaabbatte of fakkeessitee waggoottan 26n darban
odeessitus takkaa waan odeessaa turte keessaa hojiirra olchitee hin
beektu. Kan qabatmaan  waggoota 26n darbaniif argaa fi dhagahaa turre
afaaniin dimookiraasii lallabaa isa mirga isaa fi lammii isaa gaafate
hidhuu, dararuu fi ajjeesuudha. Kaan ammoo biyyaa godaansisuu, beelaa
fi dheebuudhaan adabuudha.
Dubbiftoota!
Uummattoonni impaayeera itiyoophiyaa keessatti cunqursaa jala jiran
hunduu addatti ammoo uummanni Oromoo waggoota 26 darbaniif sirna
Wayyaanee jalatti rakkoo  gurguddaan akkamii  akka irra gahaa turee fi
jiru  eenyufuu ifaadha. Hidhaa, dararaa fi ajjeechaa dabalatee
saamichi amma hin qabne saba Oromoo irratti  wayyaanee fi ergamtuu
ishii OPDOdhaan daangaa malee raawwatamaa tureera, itti jiramasi.
OPDOn balaa uummata Oromoorra gahaa turee fi jiruuf  qooda olaanaa
qabdi, daandii argisiisaa, saamtee saamsisaa,hiitee hisiisaa,
ajjeefatee ajjeechisiisaa turte.
Wayyaaneen garaaf bultootaa fi boru hin beeknee hunda waltti qabuun
dhaaboolee bixxilatte kanatti fayyadamuun yakki waggoota 26n darbaniif
darbaniif raawwachaa turte amma hin qabu. Addatti kan OPDOn uummata
Oromoorra gahe ammoo godaanise bara baraaf hin banneedha. OPDOn  har’a
qabsoon Oromoo dhiibee daanagarraan geenyaan maqaa uummata Oromootin
kakkachaa oltu tun yakkoota Oromoorrati bara 26f raawwatmaa ture
hundaafuu adda dureedha. OPDOn saamicha, hidhaa fi ajjeechaa
ammalleen itti fufiinsaan uummata Oromoo irratti raawwataa jiruuf itti
gaafatamtuudha. Eenyuyyuu akka quba qabutti Wayyaaneen miseesnoota
dhaaba kanaa warra garaa malee sammuu hin qabne qabtteeti hara’alleen
qabsoo Oromoo FXG qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiru
ukkaamsuuf tattaafachaa jirti.Garuu hin milkoofneef, funduraafis hin
milkaawufi.
Dubbiftoota!
Uummanni dhugaaf qabsaawu, uummanni mirgaa fi walqixxummaaf
qabsaawu,uummanni abbaan biyyummaa isaa humnaan irraa mulqamee isa
deeffachuuf qabsaawu oolee haa bulu malee injifataadha. Mirga isaa
gonfachuurraa kan isa hanqisu hin jiru. Eeyyee qabsoo isaan mirga isaa
gonfatuurraa kan isa hanqisu hin jiru. Saba dhugaaf qabsaawu hololli,
ajeechaan, hidhaa fi dararaan yeroof  yoo is gufachiise malee isa hin
kuffisu, dhugaa bira gahuu hin hanqatu. Weerartuu hari’ee shakki malee
biyya abbaa isaa numa dhuunfata. Inni dhugaaf dhamahu naannayee ,
naannayee kijibduu, fakkeessituu fi gantuu ni moo’a. Uummanni Oromoos
uummata dhugaaf qabsaawu, uummata biyya isaa saamame deeffachuuf
qabsaawu waan ta’eef qabsoo isaatiin diina har’a isa goolaa jirtu
Wayyaaneerra aanuun isaa hin oolu.
Akkuma hunduu beeku Wayyaaneen baroota dheeraaf holola adda addaa
saboota biyyattii bitaa jirtu gidduutti facaasaa turtee jirti, abbaa
dimokiraasii fi misoomaa of fakkeessitees hololaa turtee jirti. Haa
ta’uutii dhugaan waan haguugamtee hin hafneef qabsoo Oromootiin
haguuggiin irraa ka’ee qullaatti haftee jirti. Kan odeessituu fi kan
qabatmaan lafarra jiru gar gar jalaa ta’ee qaanoftee jirti. Qabsoon
saboota biyyaattii addatti ammoo kan Oromoo soba ishii waliin oofee
qileerraan isii gaheera. Holola adda addaa gaggeessitus, Oromootti
waraana bobbaaftee ajjeechaa fi dararaa raawwattus milkii itti hin
arganne,Fuunduraafis hin milkooftu.
Dubbiftoota!
Akuma hunduu quba qabnutti Tiba darbe  Wayyaaneen guyyoota 17f
ergamtoota isii walitti qabdee  maqaa walaghii IHDG jedhuun karoora
shiraa bara bittaa ishii ittiin dheereffattu irratti leenjii kennaa
turteetti.  Leenjii guyyaa 17 kana booda 4ta’anii akkuma barnoonni
isaanii kennameetti ergamtoonni akka OPDO, DHDN,BADN jedhaman
wayyaanee moggaa taa’anii waan qaraasifaman bulgaafataniiru. Mana
hidhaa ilmi nama aitti dararamaa turee fi jiru Maa’ikalaawii  ni
cufna,  Hidhamtoota siyaasaa gadi lakkifna, waltajjii siyaasaa
ball’ifnas jedhanii walatajjii sanirratti hololaniiru. Haa ta’uutii
gochi fi afaan wayyaanee wal argee waan hin beekneef osoo kan jedhan
afaan isaanitirraa bahee hin dhumin qondaaloonni isaanii kan biraa
lakkii namoota muraasa jenne malee namoota balaa siyaasaatiin hidhaman
mara hin jennee ibsi jedhamu midiyaa biyya biraaf kenname. Kan
odeessaa turte hundi akka qabatmaan hojiirra hin oolle battalatti
saaxilame.
Dubbiftoota!
Gama tokkoon Wayyaaneen gama biraan ergamtoonni ishii kanneen akka
hogganaa OPDO Lammaa Magarsaa ammaan achi lubuun namaa hin badu,
kanneen hidhaman gadi lakkifamu, waltajjii sayaasaa bal’dhifna osoo
jedhanuu gama biraan ammoo waraanni sirnichaa Aga’aazii fi tikoonni
sirnichaa Oromiyaatti bobbaafaman har’a uummata Oromoo goolaa jiru.
Hidhaa fi ajjeechaan itti fufeera.  Sirnichi akka waan  Maa’ikalaawiin
nama hidheetti, nama dararee fi ajjeeseetti na n cufa, nan cufa jedhee
dhaadatus gama biraatiin manneen hidhaa dhibbootaan lakkaawwaman
shaggar keessa akka jiran kan quba hin qane hin jiru. Manneen hidhaa
akka Qaalliittii,Qiliinxoo, Baatuu fi Shawaa Robii keessattis waan
sabboontoota irratti dalagamaa turee fi jiru hunduu quba qaba. Egaa
dhugaan qabatamaan lafarra jiru kana ta’ee osoo jiruu namni holola
fakkeessuu Wayyaanee kan amanu eenyu?
Eeyyee Wayyaaneen kijibaa jirti, fakkeessuuf holola oofaa jirti malee
kan hiite gadi dhiisuu miti inumaawuu hidhaa fi ajjeechaa jabeessaa
jirti. Tarii yoo hikamanis namoota muraasa  hogganoota paartilee
siyaasaa durumaanuu sababa malee hidhamanii fi gaazexeessitoota
addanyaan gadi dhiisi jedhee isii dhiphisaa jiru holola gaggeessaa
jirtuuf akka toluuf  yoo gadi hdiifte malee namuu gadi akka gadi hin
dhiifamane ifaadha.Keessumaa sabboontoonni Oromoo mirga saba isaanif
osoo qabsoo haqaa gaggeessuunuu sababa malee hidhaman kumootaan
lakkaawwaman gongumaa sirnichaan gadi dhiifamuuf hin jirani.Hololli
gaggeeffamaa jirus rakkoo ishii hudhee jiru diddaa uummata Oromoo
asiif achi dhooftee bira darbuuf malee dhuguma rakkoo siyaasaa biyya
sanii furuuf addatti ammoo gaafii Oromoo deebisuufi miti.
Dubbiftoota!
Egaa  dhugaa qabatamaa lafarra jiru sobdummaa,yakka Wayyaanee,
saamtummaa fi ergamtummaa OPDO kana kan waggoota 26n darbaniif argaa
fi dhagahaa as gahe namni kamuu qabsoo eegalame FXG  jabeessee itti
fufuu malee falli qabu maali? Eeyyee fallii fi malli jiru kanaa fi
kana qofa. Murna hojii fi hololli ishii wal hin simne, walfaalleessu,
kijibduu, saamtuu fi ajjeefatuu tana uummanni Oromoo saboonni
cunqursaa jala jiran martuu qabsoo isaanii jabeessanii bara gabrummaa
ofirraa gabaasuun dubbii fardiidha. Hololli Wayyaanees ta’e kan ishiin
bixxilte OPDOn gaggeessaa jirtu  holola dhiphuuti, holola sodaati,
Isaan hunduu bollo tokkoo maddan, kijibdoota, saamtoota warra harki
dhiigaati. Wara akkanaa  kana ofirraa buusuun ammoo kan yeroon itti
kennamuu qabuu miti.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …