Oduu Haaraya

“Warshaan harroota qaqqaluuf dhaabbate cufamuun isaa nu gammachiise!!”

Basii Keenyaa Hirphi Nu Kennamnaan Eenyu Wajjinuu Wal-falmii Keessa Galuu Hin Barbaannu, Cufnee Keessaa Galla: Daayrektarii Qeeraaa Harree

Basii Keenyaa Hirphi Nu Kennamnaan Eenyu Wajjinuu Wal-falmii Keessa Galuu Hin Barbaannu, Cufnee Keessaa Galla: Daayrektarii Qeeraaa Harree

Basii Keenyaa Hirphi Nu Kennamnaan Eenyu Wajjinuu Wal-falmii Keessa Galuu Hin Barbaannu, Cufnee Keessaa Galla: Daayrektarii Qeeraaa Harree

Dhimmaa qeeraa harree Bishooftuu ganda Dhibaayuuf Qaajimaatti ijaarrama ture hojii jalqabuu isaa laalchise sagantaa torbaan darbe kantiibaa magaalittii Dr. Dadhii Wadaajoo dubbisnee ture. Isaaniis mormii ummanni kaasee ture mootummaan an hubatuu ta’u nutti himan.

Amma bulchiinsi magaalatti warshaan kun hojii akka dhaabu ajeja dabarsee jira. Xalayaan akka lakk. Itoophiyaatti Ebla 8 2009 ( Sambat-duraa darbee jechuudha) nannoo Oromiyaatti Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu irraa dhaabbata Shandoogi Dongi Ejiaa jedhamuu ergame fi Dr. Daadhii Wadaajoo irratti mallatteessan dhabbatichi akka hojii dhaabu gaafata.

Jiraattonni magaala bishooftuus “Gammanneerra” jedhan. Warshaan Shandoongi Dongi garuu wanti nurratti godhamee sirrii mitii, walitti dhufeenya investerootaa fi biyyaatti miidha jechuudhan qeeqan. Daayreektara Qeeraa harree Shandoogi Dongi Obboo Akliluu Tafarraa dubbisneerra.

Dhabbanni ‘The Donkey Sanctuary‘ jedhamu kunuunsa harree irratti hojiiatu gama isaatiin, mootummaan Itoophiyaa murtii kana irra gahuu dhinqisiifatee, kun baayyina harroota akka addunyaatti gadi buusa jennee sodaannee ture jedha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …