Oduu Haaraya

WANTI OROMOO GOWWOOMSU MAALI LAATA?

Berhanu Hundee

Namni barumsa, beekumsa, dandeettii, mooyxannoo, hubannoo fi kkf hin qabne salphaatti (simply) waan tokkoon gowwoomuu danda’a. Namni waan asitti tarreeffaman kana keessaa tokkollee ta’u qabu garuu dafee hin gowwoomu; xinnaatullee osoo hin gowwoomin dura itti yaada

Sababni ani dhimma kana kaaseef, waan yeroo ammaa miidiyaa hawaasummaarratti argamaa fi dhagahamaa jiru tokko tokko wajjin waan walqabatuufi. Innis waayee Aktivistoota fi akkasumas hoggantoota jaarmayaa Oromoo tokko tokkoo ti. Aktivistootas ta’ee hoggantootni tokko tokko sababa fedheenuu haa ta’uu, OPDO/ODP/PP wajjin hojjechuuf jedhanii dafanii kaatanii biyyatti galanii; yeroo muraasa booda immoo as deebi’uu isaaniitu mul’ata. Sababni asii fi achi isaan fiigsu kun maali?

  • Hubannoo dhabuu dhaa?
  • Tooftaa siyaasaa tii?
  • Fedhii dhuunfaa guuttachuufii?
  • Ayyaanlaallattummaa dhaa?
  • Xiiqii namootni walirraa qabaniin kan walqabatuu?
  • Qabsoo uummataa kana keessatti obsa dhabuu dhaa?

Warran maqaa isaanii asitti kaasu dhiifama gaafachaa, mee fakkeenyota muraasa tokko tokko haa laallu.

  1. Mahaammad Adamoo biyyatti deebi’ee, hogganaa OBN ta’ee erga muudame booda yeroo dheeraa osoo hin turin achii ari’ame;
  2. Jeneraal Kamaal Galchuu, hogganaa waajjira MNO tokkoo ta’ee erga muudame booda innis osoo hin turin achii ari’ame;  
  3. Jaarmayoota biyyatti deebi’an keessaa ADOn, OPDO/ODP wajjin hojjechuuf jedhee kan dafee gale keessaa isa tokkoffaa dha. Yeroo tokko, jaarmayaan kun ODP wajjin akka walittibaqe odeeffamaa ture. Dhiyoo kana immoo, hoggantootni jaarmayaa kanaa kan biyya alaa jiran kan akka Dr Bayyaan Asoobaa, Dr Mesfin Abdii fi Obboo Amaan Kadir faa jaarmayaan isaanii kun akka diigame ibasnii turan;
  4. Dr Birhaana Masqal Abbaba Sanyii, kan mudhii qabatee ODPdhaaf falmaa ture, taayitaa argatee yeroo dheeraa osoo hin turin akka ari’ame dhagahame;
  5. Amma immoo wanti dhagahamaa jiru, warra PPn ittifayyadamaa turte keessaa Aktivistootni Oromoo lama, Obboo Garasuu Tufaa fi Hundee Dhugaasaa akka ari’amani himama.

Egaa kun fakkeenyota muraasa fi hamii osoo hin taane waan argamaa jiruu dha. Jarri kun hunduu ni gowwooman moo sababa maaltu akkana isaan godhe? Isaan kanarraa baratamuun ni danda’amaa laata? 

Yaa Oromoo kan koflaa taanee jirraa bara!!! Yoomuma ejjannoo cululuqaa qabaannee waan itti amannu tokkof dhaabbannee; isa kanas galmaan gahuuf obsaan hojjenna? Ofgaafadhaa!! Walis gaafadhaa!!!! 

Ammaaf kanuman jechuu barbaada; garuu dhimma kana yeroo biraan bal’inaan ittideebi’a.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …