Oduu Haaraya

Wallaggaa Lixaa Keessatti Hiriira Mormii Itti-fufee fi Tarkaanfii Humnoota Mootummaa

Torban tokko duraa jalqabee, aanaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ka geggeessamaa ture hiriirri barattootaa fi tarkaanfiin humnoota mootummaa, Har’a, Godinaa Wallagga Lixaa keessatti geggeessamuu isaa dubbatu barattoonnii fi jiraattonbni Naannoo.

Keessumaa, aanaa Mana-sibuu, magaalaa Mandii fi naannawa isheetti hirriirri Roobii dabre jalqabe itti fufuu isaa irraa kan ka’e – humnoota mootummaatiin, namoonni magaalattii hedduun reebamuu hidhamuu isaanii dubbatu.

Achuma, Wallaggaa Lixaa – magaalaa Gullisoo keessatti immoo, Har’a barattoonni hiriira ba’uuf  ennaa sochii jalqaban humnoonni mootummaa gaazii imimmaansisu itti roobsuu fi rasaasa ol qabanii dhukaasuun addaan-facaasuu isaanii dubbatu – barattoonni.

Hiira magaalaa Guulisootti yaalame kana ilaacchisee, ka qaama mootumama aanichaa irraa telefoonaan gaafataman – Itti-gaafatmaa Dhimma nageenyaa aanichaa – Obbo Fiqruu Mullataas “Barattoonni sun otuu akka hiriira ba’uuf jiran hin gaafatiin humnota jeeqama kaasuu yaadaniin waan kaka’aniin, hiriirichi akka hin geggeessamne humnoota naga-eegumsaan dhaabsisamee jira.” jedhan.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …