Oduu Haaraya

Walitti Bu’iinsa Daangaa fi Deebii Angawootaa

Adda Oromoo Abboo, adda bilisummaa tokkummaa Oromoo, Kongresii biyyoolessa Oromoo fi paartiin walabummaa Oromiyaa jedhaman torban darbe ibsa baasan.

Hidhattoonni naannoo Somaaleetii dhufan aanaalee fi gandeen Oromiyaa daangaa irra jiran irratti haleellaa raawwatan kan hin dhaabanne ta’uun isaan yaaddessuu isaa ibsaniiru. Hidhattoonni kun humnaan dachii kan nama harkaa fudhatan, namoota nagaa kan ajjeesanii fi qabeenyaa kan saaman ta’uu paartileen arfan Oromiyaa keessa sosso’an kun beeksisaniiru.

Torban dabe qofaa illee Harargee Bahaa aanaa Gursum keessatti haleellaan wal fakkaatu raawwatamuuf namoonni nagaan du’uu isaanii dura taa’aan kongresii biyyoolessa Oromoo obbo Tolosaa Tesfaayee ibsaniiru.

Haalli isaa Somaalee Itiyoopiyaas haa ta’u mootummaa naannoo Oromiyaa biratti kan beekamu ta’uu obbo Tolosaan beeksisanii furmaata hatattamaa argachuu akka qabu illee dubbataniiru.

Motoummaan naannoo Oromiyaas gama isaan dhimma isaa quba qabaachuu beeksiseera.

Gama biraatiin haleellaa daangaa irraatti namoota hidhataniin raawwatamu ilaalchisee furmaata arguuf command post fi naannolee lamaaniin yaaliin godhamaa kan jiru ta’uu itti gaafatamaan waajjira komnikeeshinii mootummaa naannoo somaalee Itiyoopiyaa obbo Idiris Ismaa’el beeksisaniiru.

obbo Idiris akka jedhanitti hidhattoota naannoo daangaa Oromiyaa irraa dhufantu aanaalee daangaa naannoo keenyaa irratti haleellaa raawwataa jiru.

Kanneen haleellaa sana raawwatan mootummaa naannoo Oromiyaa, uummatichaa fi waaltaalee isaa kan bakka hin buune ta’uu isaaniif humnootii farra nageenyaa alaa dhufan jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …