Oduu Haaraya

Walii Galtee Hoogantoonni Qabsoo Oromoo Mooraa Qabsoo Oromoo Humneessuu fi Tokko taasisuu Irratti Taasisan Ilaalchisee, Ibsa Koree Sochii Fincila Oromoo (KSFO) Irraa Kenname.

 

Adeemsi qabsoo bilisummaaf taasifamu bu’aa ba’iiwwan jajjabaa fi hadhaahaa kan qabu yoo ta’u; bu’aa ba’iiwwan kanneen keessaas, yaadaan wal dhabuu qabsaa’otaa, addatti hoogantoota gidduutti uummamu isa tokko ta’uun waan mamii qabu miti. Yaada xixiqqooniis ta’ee, yaada bu’uuraan walii galuu dhibuun qabsaa’ota gidduutti uummamuun seenadhuma qabsaa’ota adduunyaa kamuu keessatti mul’ataa turee fi har’as itti jirudha. Waan guddaan yaadaan wal dhibuu otoo hin ta’iin, dhibdeewwan xixiqqoo cinaatti dhiisuun bu’aa uummataa dursisiisuun ammoo hunda caalaa bilchinaa fi ga’umsa ta’uu irra dabree karaa adeemsa qabsoo gaggeeffamuu kan gabaabsu ta’a. Wal dhibdeen hoogantoota qabsoo Oromoo gidduutti irra deddeebiin mul’ataa turees dhugaa kana irraa kan hin fagaatnee ta’ee, karaan bilisummaa uummata Oromoos akka dheeratu ta’ee jira.

Kanaaf, dhibdeewwan xixiqqoo cinaatti dhiisuun, bu’aa uummataa irratti xiyyeeffachuun, gaaffii fi hawwii uummanni Oromoo tokkummaa mooraa qabsoo Oromoof qabu dhugoomsuu irra dabree, waamicha Koreen Sochii Fincila Oromoo (KSFO) irra deddeebiin taasiseef deebii kennuun, qabsoon uummata Oromoo karaa amansiisaa fi abdachiisaa irra gahee akka mul’atu ta’ee jira. Walii galteen taasifame kun kanneen mooraa qabsoo Oromoon ala jiraniifuu fakkeenya guddaa ta’uu akka danda’u hubatamuu irra, uummanni Oromoo warreen kophaa fiiganiif kanaa booda kan gurra hin kenninee fi yeroon isaa irra dabruu dursee waan hubateef, qaamonni qabsaa’ota Oromoo kamuu mooraa qabsoo tokkoome kanatti hin makamiin hafan yoo jiraataniis, mooraa qabsoo tokkoome kanatti makamuun kan filmaata hin qabne ta’uus akeeka guddaa akka ta’ee mul’ata.

Walumaa gala, walii galtee hoogantoonni Adda Bilisummaa Oromoo (Jijjiramaa, Adda Bilisummaa Oromiyaa, Gurmuu Qabsaa’otaa fi miseensota Adda Bilisummaa Oromoo( GQM-ABO),Miseensota Koree Yeroo Adda Bilisummaa Oromoo (KY-ABO) fi Miseensotaa fi Hoogantoota ABO Durii, nam-tokkee fi qabsaa’ota gidduutti taasifame, uummata Oromoo kan boonsee fi abdachiise waan ta’eef, seenaa qabsoo Oromoo keessatti galataa fi bakka guddaa kan qabdan ta’a. kanaafiis, uummanni Oromoo addatti dargaggoonni mooraa qabsoo tokkoome kana cinaa hiriiruun bilisummaa uummata Oromoo akka dhugoomsan hiree guddaa ta’a jennee amanna.

Dhuma irratti, hoogansi mooraa qabsoo humneeffame kana keessatti muudame, hoogansa maqaan muudamee bara baraan taa’u otoo hin ta’iin, imaanaa guddaa uummanni itti kenne kana hubatee, bilchinaa fi obsaan dhibdeewwaan qabsoo uummata Oromoo keessa jiru sakatta’ee, falaa fi mala itti kennuun alaa fi keessaan qabsoo uummata Oromoo irraatti dhiibbaa guddaa (Influence) uumuun waanjoo gabrummaa uummanni Oromoo waggoota hedduuf baatee jiru, irraa mulqee bilisummaa Oromoo akka dhugoomsu hawwii keenya isa guddaa ta’uu ibsina.

Injifannoon Uummata Oromoof!!!

Ibsa Koree Sochii Fincila Oromoo (KSFO).

Caamsaa, bara 2015.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …