Oduu Haaraya

Wali galteen hoggantota Sudaan kibbaa jiddutti IGAD finfinne keysatti gad-geysaa jiru fashalun isaa gabaafame jira.

Hegeree Oromiyaatiin

Akka burqaan Oduu Anaadol ibsetti Pri/ Sudaan kibbaa wali galtee kana mallateysuuf guyyaa 15 jubbatti debine wal-marihanne debina jechuu hogganttota IGADitti himatanii jiru.

Itti Aanaan Sudaan kibbaa Dr/Riyaak Mushaar wali galtee kana fuula jaraa duratti mallateysee jira.

Garuu Selvaa keer mallateysuu dhabuun kuni hogganttota IGAD kan akka Ugaandaa , Keniyaa , Sudaan , Jibuutii , Sumaale fi Ethiopia gar-malee kan dallanssise jiru tahuun gsbaafame jira.

Hogganttota IGAD irraa kan dura galma walgayii dhitani bahan Pri/Ugaandaa Yuwerimusevene hoggaa tahan burqaan oduu anaadol
“rakkina maaltu jira nu ibsuu dandeysaa jennaan ” mummicha ministera ethiopa gaafadha jechuu qofa dubbate jiraachuun isaa gabaafame jira.

Waytuma sana haylamaaram dassaalanyi fi Pri/Jibutii U/Umer gelle fi Pri/Sudaan Umer Al-Bashiir walfaana gadi bahuudhaan isaanii dallanssu qabu magaalaa finfinne gad-dhiisani bahuun isaani bekkame jira.

Pri/Keniyaa Uhuuruu kenyaattaan halkan edanaa bahuuf qophii xumurate jira.

Keysa beytonni haala IGAD akka ibsaa jiranitti hoggantonni IGAD fashaluun isaani guddaa isaan xiqqyesullee kan guddaa xiqqaate garuu hogganttota motummaa ethiopia keysaafu hogganaa araara kanaa kan tahee obbo siyyuum musfrn tahuun bekkame jira.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …