Oduu Haaraya

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa

waldaa mirga ummata Oromoof qabsaawuf dhaabbate. Dhaabbanni kun leellistoota Oromummaa kan akka Maammoo Mazammir, Hayila maariyaam Gammada fi Taaddasaa Birruu faatin dhaabbate. Waldaan kun maqaa kan kan argate gosoota Oromoo gurguddoo lama kan Maccaa fi Tuulama jedhamanirraayi. Waldaan Macaa fi Tuulamaa kan dhaabbate bara 1960n keessa yoo ta’u kaayyoon isaas eenyummaa Oromoo gabbisuu fi mirga Oromoof qabsaawuuf ture.
‪#‎Seenaa‬
Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa magaalaa Finfinnee keessatti Gullalleetti bara 1963 hundeeffame. Koloneel Alamuu Qixxeessaa dura ta’aa waldaa kanaa ta’ee waggaa dheeraaf tajaajilaa ture.
Jalqaba Waldaan Maccaa fi Tuulamaa jalqaba kaayyon inni dhaabbateef:
Mana barnootaa ijaarudhaan Oromiyaa keessatti barnoota baballissuu
Buufata fayyaa ijaarudhaan rakkoo fayyaa Oromiyaa keessa ture furuu
Daandii geejjibaa baasudhaan ummata Oromoo walqunnamsiisuu
Namoota qaama miidhamtootaa fi hojii hin qabne gargaaruu
Boodarra garuu hacuuccaa ummata Oromoorra ga’urraan kan ka’e waldaan kun gara sochii siyaasaatti jijjiirrame.
‪#‎Damee‬ Adda Addaa Banuu
Waajirri Finfinnee dhaabbatee erga hojii eegalee booda, damee Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kutaa-biyyaa addaa keessatti akka banamu sochiin jalqabame. Akkaatadhuma kanaan damee Arsii banuuf, Usmaan Sheek, Galatee Xaddachoo fi Ahmad Bunaa filatamanii sochii jalqaban. Maanguddoon Oromoo Arsii Hajii Roobalee Turoo (Guutamaa Hawaas) waajira Finfinnee dhufanii walga’ii Fulbaana 1966 irratti hirmaatanii sochii naannoo Arsii jiru warra waajira muummetti beeksisan. Hoggantoonni waajira muummes Dheeratti dhufanii ummataan akka walbaran walii galan.
Warri bulchaa kutaa-biyyaa Arsii, waa’ee walga’ii kanaa erga dhaga’anii booda akka hin geggeeffamne waan hin barbaadneef Haaji Roobalee Turoo fi namoota walga’ii kana qindeessan hidhan. Haa ta’u malee, hoggantoonnii muummee kan Finfinnee jiran haaluma beellamaatin Dheeraa deemuf kutatan. Haaluma kanaanis koreen hoggantootaa Dheeraa seenan. Ummanni Arsii hedduunis ba’anii jila Finfinneedhaa dhufe kana haala hoo’adhaan simatan. Walga’ichis haaluma karoorfameen adeemsifamee kaayyoon waldaa kanaa ummataaf ibsame.
Bulchaa Arsii kan ture namni Saahiluu Difaayee jedhamu ummata walga’ii kanarraa ba’ee gara manaatti deebi’aa jiru kanaratti dhukaasa banuun namootarraan miidhaa geessisan. Lafa walga’iin irratti geggeeffamee fi naannoo san jiru hunda mootummaan waan dhaalee nama biraatif waan kenneefi ummanni irraa akka ka’u ajaja dabarsan. Ummanni lafarraa buqqa’e aanaatti, konyaatti, bulchiinsa kutaa biyyaatti iyyatanillee murtiin lafarraa ka’aa jedhu ittuma fufe. Dhumarratti Baqqalaa Nadhii gara mana murtii Hayila Silaasetti akka ol iyyatan gorsan. Hayila Silaasellee murtii gara gadiitti sinirratti murtaa’e cimseera jedhe. Ummanni lafti jalaa dhaalames ol ka’anii ‘u u u u u, yaa waaqa sitti iyyanna’ jedhanii iyyan. Hayila Silaasenis yaadasaa jijjiiree laftisaanii akka irraa hin fudhatamne murteesse.
Damee Wallaggaa dhaabuu keessatti Aadde Atsadee Habtamaariyaam, Qana’aa Gumaa, Tasammaa Nagarii, Bayyanaa Abdii, Abdiisaa Moosisaa, Ol’aanaa Baatii fi Taasisoo Eebbaa fi namoonni biroo qooda guddaa qabu ture.
Damee Harargee akka dhaabbatu Abdulaziiz Muhammadii fi Abdulrahmaan Laazimaa sochii guddaa godhan. Waajira Sidaamoo dhaabuu keessatti Tasfaayee Dagaagaan kan hoogganamu yoo ta’u namoonni Oromoo hin taane kan akka W/Amaanu’eel Dubbalaa faa akka itti hirmaatan himama. Waajirri Jimmaa ammoo Abbaa Biyyaa Abbaa Joobirii fi Dr Moggaa Firrisaatin hoogganame. Waajirri Iluu Abbaa Booraa Balaachoo Dhaabaa fi Dr Jamaal Abdulqaadiriin akka geeggeeffame himama. Waajirri Yererii fi Karraayyuu ammoo Adaamaatti hunda’ee Baqqalaa Waldee, Daadhii Fayyisaa fi Gammachuu Taffasaa faatin geggeeffame. Waajirri Baalee Sheek Huseen Muhammad (Huseen Suraa) fi Haaji Aadam Saaddootin hoogganame.
‪#‎Hidhamuusaanii‬
Sochii waldaa kanaa kan sodaate mootummaan gabroomfata Hayilasillaasee, waldaa akka hin sochoone bara 1966 dhorke. Hoggantootaa fi miseensota waldaa kanaa kan Finfinnees ta’e kan kutaa-biyyaarra jiran qabee mana hidhaatti naqe, mana murtiittis himannaa irratti bane. Galmeen himannaa hoggantootarratti baname bakka sadi’itti qoodama. Gareen tokkoffaan: Jeneraal Taaddasaa Birruu, Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, Seefuu Tasammaa, Daadhii Fayyisaa, Lammeessaa Boruu, Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuu, Hayilamaariyaam Gammadaa, Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Birgaader Jeneraal Daawit Abdii fa of keessatti qabata.
Garee lammaffaan ragaa sobaa ta’anii garee tokkoffaa keessa namoota jiranirratti ragaa akka ba’an mootummaan yaalee ture. Garuu isaan kana fudhachuu didnaan isanirrattis himanni baname. Gareen kun Taaffasaa Gammachuu, Tasfaayee Dagaagaa, Baqqalaa Mokonnin, loltuu Hayilamaariyaam Dimaanaa, fiixumaa Hiikaa faa of keessatti qabata.
Garee sadaffaan jalqaba mana murtii Baaletiin himataman. Boodarra garuu gara mana hidhaa Finfinneetti ol dabarfamana. Gareen kun Fitawuraarii Ahimad Imaamaa, Haaji Aadama Saaddoo Sheekaa, Giraazmaach Umar Huseen, Qanyazmaach Abuubakar Dargaa, Aliyyii Ahimad, Qaasim Huseen, fi Hasan Jimmaa faadha.
Manni murtii mootummaa fiwudaalaa ilaalcha diinummaatin, Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir adabbii du’aa yoo itti murteessu, koloneel Alamuu Qixxeessaa, Baqqalaa Makonnin, Seefuu Tasammaa, fi Daadhii Fayyisaarratti hidhaa cimaa waggaa kudhanii murteesse. Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuurratti hidhaa waggaa torbaa, Lammeessaa Boruu hidhaa cimaa waggaa shanii, fi Daawit Abdiirratti hidhaa waggaa sadi’ii murteesse. Kana malee, qabeenyi himatamtootaa kan Finfinnee fi kutaa-biyyaa jiru hundi akka mootummaan dhaalllamu murteesse.
Hayilamaariyaam Gammadaa reebichaa fi dararaa isarra ga’erraan kan ka’e mana murtii dhufuu kan hin dandeenye ta’ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Kan dhaga’uun Raas Immiruun waan gaddeef Hayilasillaasetti dubbate. Sana booda gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte.
‪#‎Sochii‬ Amma Irra Jiru
Waldaan WMT erga mootummaan ADWUI akka hin sochoone dhorkee booda biyya keessatti socho’aa hin jiru. Haa ta’u malee, yeroo ammaa deebi’e biyya Ameerikaatti of ijaarudhaan sochii gara agaraa gochaa jira.
‪#‎Gumaacha‬
Qabsoo farra diddaa gabrummaa Oromoo keessatti WMT ga’ee guddaa ba’e. Namoonni boodarra ABO hundeessan baayyen isaanii miseensota WMT kan turan yoo ta’u hundeeffama ABOf haala mijeesse. Kana malees, Oromoo dadammaqsee aadaa fi afaan isaatin akka boonu gochuuf shoora olaanaa ba’e.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Awustaraaliyaa; Xiyyarrii magaala Melbourne irra gadi siqee balali’uun barrefama mormii #OromoProtests fi Kaneen biroo qabate bararuufi

Seenaa qabsoo Oromoo ilmaan Oromoo biyya Ormaati godha jiran keessatti mormiin Hawaasni Australia Melbourne gochuuf …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *