Oduu Haaraya
Hawi Olani 2

walaloon barreessaa seenaa gootoowwani

By Hawi Olani Kesesa

 

Gootoota Oromo0

 

walaloon barreessaa seenaa gootoowwani

Awwaalame  hin hafnee hojiin harka saani

Ijaan arguuf demnaa dhalooni  haraanii

hojjatani darban hojiwwan gaggaarii

bilisa nu baasuuf ofi qabsa´ani

dagatamee hin hafnnee bu´aan qabsoo saani

daangaa oromiyaa dhigaan kabachisanii

afaan kenyaa hiddaan gad nu dhaabanii

alaabaa bilisummaa qabsodhaan fidani

Biqiltuu dhaabani ilmaan oromootaaf

afaan ofiin  baratee akka ittin barressuuf

adaa bonsaa qabuun akka ittiin bonuuf

ciqilee dinaa cabsee akka jiraatu barootaaf

Lubbun dararamee sibilaan hidhamee

boddee hin deebinee ittuu wareegame

lammii isaatif malee  bultoo mataa isaati takkaa kan hin yaadne

gootootnii oromo kan garaa kutatan

kan mirga oromo dhaaf dhugaadhaan falmatan

tokkummaa oromo kan dhigaan ijaartan

ummata oromo biraa galata ni  qabdan

dimaa magarisa dimaa kan isiin gad dhaabdan

alaabaa oromo kan itti waregamtan

yemmu isa ilaallu hundii oromotnii

qaamaan yoo darbaniis gotootnii

ni jiru nufaana janne jabaannaa qabsoonii

Dura Kenya jira  fiiriin hojii saani

Harsaa dhaan  dhabani ABO  jadhanii

takkaa hin buqqauu seenaan gootowwani

lubbuu isaan hamaaruu waaqayyoo gooftaani

kana  ka´aniruu dhebuu saba saani

yoom iyyuu hin duu ijii hojjii saani

sidaa seenaa oromo kaánii  darbani

warraa ofi dhabamee qabsoo asiin ga´ee

warrii lubbuun saani sabboonnumaa ijaaree

lubbuu deebi hin qabnee sabaaf dabarsani

abdii bilisummaa dhiigaan magarsaani

lubbuu keessan darbeef garaa sabaatu  gaddee

waaqnii nu hagargaaruu inni hunda umee

waaqnii nu hagargaaruu inni hunda umee

inni isiin kessan amaanaan gotootaa

yomuu karaatti hinhaftuu dhalotatu xumura

dukkana  kaleessaa dhiigaan nuf bantanii

tuulamaa fi maccaa yammu ijaartani

Eegaa maal jattani warri amma  jirtani

tasa hin dagannu  waadaa isaa kan saani

qabsa´an ni du´aa qabsoon itti fuufa

garbbuumaan hin kufaa

eegaa isa kana  kaayyoon gootowwani

seenaa awwaalamee warraa lafaa baasani

warra bilisummaaf gaaffi  lubbuu baasani

tokko lama mitti hedduudhaam isaani

Taaddasaa fi Adam Jiloo

Baaroo dhaa fi Gutamaa

Waaqo dhaa fi Baalchaa

Agarii dhaf Galmoo

Ashaa dhadhafi kulani

kana duwwaa  mitti heeddu dhaam isaani

kun hundumti isaan qabsoo irrati dhumani

Injifannoon   Ummata Oromoof!

Hawi Olani Kesesa

18/12/2014

Oslo, Norway

 

You can Contact me by the following email address hawiti@yahoo.com or hawiolani@gmail.com

 

 

 

 

 

 

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …

One comment

  1. Hawi Olani Kesesa Walaoo dhuga ka WBO bareesite.Baayee cimtuudha.Jajjaabadhu ittuma fufi.

    Hawi Olani Kesesa bravo go a head you written best Poeam that have message about Oromo Liberation From military.

    Lelisa