Oduu Haaraya

Wal ga’iin Waldaa Qorannoo Afriikaa Baranaa keessatti hirmaannaan OSA guddaa ture

Jaallannee Gammadaa

17.12.2013

WASHINGTON, DC — Waldaan qorannoo Afriikaa wal ga’ii isaa kan baranaa booltimoor Yunaaytid Staates keessatti baatii Sadaasa darbe geggeesse.  Waraqaan qorannoo Oromoo ilaallatan hedduun hayyoota Oromoo akkasumas lammiiwwan ameerikaa fi Afriikaa kibbaan dhiyaatanii jiran.

Waldaan Qorannoo Oromoo wal ga’ii kana irratti carraa guddaa argachuun isaa waraqaa qorannoo Ormoo ilaalu heddumminaan dhiyeessuuf dandeessisuu isaa ibsameera.

Afriikaa kibbaa Yunivarsitii Keep Taawoon irraa kan dhufan Saandraa Sheel qorannaa ijoollee Oromoo baroota kuma kudha saddeettaffaa keessa biyya irraa garbummaan gurguramanii kan ilaaleen wal ga’ii waldaa qorannaa Afriikaa qofa irratti otoo hin taane Yuniversitii Joorj Taawon fi hawaasa Oromoo Waashington DC fi naannoo ishee jiraniif ibsanii jiru.

Gaafii fi deebii Professar makuriyaa Bulchaa fi Dooktoor gulummaa Gammadaa wajjin geggeeffame caqasa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …