Oduu Haaraya

Wal-Gahiin KG OPDO Wal Dhabdee fi Qoodmiyaan Milkii Malee Adda Bahe

Bitootessa 21,2013, Finfinnee (Gabaasa Qeerroo) — Walgayiin Qaamolee OPDO Miseensota Giddu Galaa Bitootessa 17 hanga Bitootessa 20, kaleessatti itti ture.

Dhimmi walgayii isaanis inni jalqabaa qorannoo fi gamaggama hojiiwwan darbanii irratti ture. Wal qorannoo isaanii kana irraan ka’ee gara Gumii (Koree giddu galeessa hoji raawwachiistuu) jedhu irrattis dabalata walgayii isaanii gaggeeffachaa turaniiru.

Haata’u malee walgahichi akka barbaachisaa ta’etti deemuu dhabuun walii isaanii gidduutti jeequmsii fi walittibu’iinsi uummamee wal diiguunii fi garee adda addaatti wal qooduun walitti mufachuudhaan walgayii wal diigumsaan adda bahanii jiru.

Akka gabaasaa caasaa hojii qabsoo achi keessaa gaggeessaa jiru irraa nu gahetti gumiitti galanii erga mariyatanii booda garee 4tti akka wal qoodan ifatti beekamee jira.

kanneen kunis wal mormuu fi sadarkaa naamusaan ala ta’etti wal mufachuun walgahii adda diiganii jiraachuun gabaafama. Gareeleen arfan kuniis:-

1. Garee Alamaayyoo Atoomsaa
Isa Jalatti:
1.1   Kumaa Dammaqsaa
1.2   Muktar Kadir
1.3   Aster

2.  Garee Abbaa Duulaa
Isa jalatti:
2.1   Abiyyii Ahimad
2.2   Lammaa Magarsaa-Waajjira Induustirii
2.3   Fiqaaduu Tasammaa-Dhimma dargaggoo irratti
2.4   Tolasaa Gaddafaa
2.5   Damisee Shittoo
2.6   Alamayyoo Ijjiguu
2.7   Warqinee Gabayyoo-poolisii federaalaa

3. Garee Dirribaa Kumaa
3.1   Tasfaye Tulluu
3.2   Bazzuu
3.3   Alamaayyoo Taganu

4.  Garee Juunaddiin Saadoo bakka inni hin jirretti kanneen mufii qaban
4.1   Abraham Adulaa
4.2   Musxafaa A/Simar
4.3   Nuuree Qamar
4.4   Bakar Shaallee

Haala kanaan walgayii isaanii mareen xumurachuu hanqatanii diiganii adda akka bahanii jiraachuun gabaasaan nu gahe addeessaa.

Waldiigumsa kana kan fide irra caalaatti hojiiwwan waggaa darbanii gamaggamuudhaan dadhabinaa fi wal amantee dhabuu irratti; akkasuma dhimma fi hojii hawaasummaa irratti, hojiin hojjennu maalif bakkeetti saaxilamaa, qaamni mormitootaa addatti ammoo ABOn iccitii keenya akkamiin dhaga’aa kun nu gidduudhaa bahaa jiraachuun keessa keenya maadheeleen ABO fi caasaan isaa akka jiran beekama jechuun gama biraan ammoo rakkoolee miseensa keessa jiru gubbaadhaa hanga goodatti,  rakkooleen jiran naannummaadhaan, malaammaltummaadhaan miseensonni keenya boodatti jechaa akka jiru, aangotti fayyadamuu sirni bulchiinsaa gaggeefama jiraachuu isaatiini kkf irratti walitti bu’uunii fi wal diiguun qaamoleen OPDO kun yaadaan wal dhabanii wal gayii isaanii milii malee xumuranii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Qeerroo

For Amharic Readers

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …