Oduu Haaraya

Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hojjettoota Mootummaaf

qeerroo

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ilmaan Oromoo Mooraa Mootummaa Wayyaanee Sadarkaa Garaagaraa Keessatti Argaman Hundaaf Waamichaa Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) Gaggeeffama Jirutti Akka Makamaaniif Waamicha Xumuraa Dhiheesse.

Gurraandhala 11, 2016 Finfinnee

Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun mootummaan wayyaanee kufaatii guddaa fi kasaaraa siyaasaa keessaa ba’uu hin dandeenye keessa gale keessa bahuuf tooftaalee dadhaboo armaan gadii sochii uummataa danquu fi qabbaneessee bittaa umrii abbaa irrummaa fi Master Pilaanii Finfinnee karoorfate hojii irra olchuun Irree Oromoo cabsee biyya itti fufinsaan bituuf akka karoorfate Qeerroon bilisummaa Oromoo gareen xiinxaltoota Siyaasaa ibsan. Qabxiileen Wayyaaneen akka tooftaatti lafa kaawwattee kunis:

  • Dhaaba ergamtuu harka TPLF’n hundeeffamte keessatti aangawoota olaanoo kaleessa meeshaa godhattee ittin uummata Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa fi biyya irraa arii’achaa turte yakkamtoota mormii uummataan kufanii jiran aangoo irraa kaasuu fi adabuun waan aantummaa uummataa qabdu of fakkeessuun yakkamtoota aangoo irraa kaasnee jirra jettee olola afaan fajjii ofuun sochii uummataa dura dhaabbachuuf shira diinummaa karoorfachuun hojiitti hiikaa jiraachuun;
  • Baatii darbee keessa karaa dhaaba ergamtuu Wayyaaneen media tti bahaa Master Pilaaniin dhaabbateera jedhaa jechuun aangawoota OPDO dirquun ibsa kennisiisuun ni yaadatama. Master Pilaanii Fenfinnee kan qopheessee Wayyaanee EPRDF/TPLF malee warrii ergama wayyaanee rawwachisuu qofaaf tolfametti OPDO’n aangoo kan hin qabnee ta’uun ifaadha. Dhimma Master Pilaanii Finfinnee irratti Mootummaa Federaalaa ibsa baasee haquu dhiisuun tuffii ergamtoota isaa OPDOf qabuu fi uummata Oromoof qabu kan muldhisuu ta’uun beekamaadha. Master Pilaaniin finfinnee caalaatti saffisaan hojii irra olaa jiraachuun shira wayyaanota kana ifatti uummataaf Saaxilaa jiraachuu.
  • Ilmaan Oromoo nagaa kanneen caasaa OPDO keessatti ogummaan ramadamanii sadarkaa garaagaraa irratti argamanii fi jaalala Oromummaa qaban, kanneen yakka Oromiyaa fi uummata Oromoo irratti rawwatamaa jiruu ni balaaleffatu jedhanii shakkaan caasaa hoggantoota yakkamtoota OPDO kanneen fincila warraaqsaa biyyoolessa Oromiyaa fi diddaa uummatan kufee rukuchaa jiran waliin; caasaa yakkamtoota mormii uummataan kufeetii jechuun hojii irraa arii’uu, taayitaa Ogummaa isaanii irraa kaasuu, hidhuu fi biyya irraa arii’uun tarkaanfii diinummaa irratti fudhachuuf akka jiran hubatamuu.
  • Riqicha uummatni Oromoo waggaa 24 ittin reebamaa, ajjeefamaa , mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii sarbamuun saamamaa ture ‘OPDO’ deebisanii ijaaruuf bakka yakkamtoota mormii uummataan kufanii fi sabboontoota profeshinaalaa fi Siivilii Sarvisii ilmaan habashaa dhalootaan 50% gadi dhiiga Oromoo of irraa qabanii fi kanneen saboota biro ta’anii Oromiyaa keessatti dhalatanii afaan Oromoo barreessuu fi dubbisuu danda’aniin OPDO haaraa hundeessuun bittaa umrii dheereeffachuuf shira uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti xaxamaa jiru ta’uu hubannee jirra!!

Hoggansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gareen xiinxala siyaasaa fi qabsaa’onni sabboontootni Oromoo, Sochii warraaqsaa qabsoo Bilisummaa Oromoo FXG cinatti haalaa adeemaa jiruu irratti marii gabaabaa gochuun ilmaan Oromoo caasaa mootummaa wayyaanee OPDO sadarkaa garaagaraa irratti argamaan hundaaf waamichaa ariifachiisaa fi isa xummuraa kallattiin dabarsee jira.

  1. Dhaabni Riqichaa jabaa mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF ‘f kan ta’ee ‘OPDO’n harka mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n naannoo Tigiraayi aanaa Adeetiitti hundeeffamte TPLF/EPRDF’n kan hoogganumuu fi bakka bu’aa uummata Oromoo waan hin taaneef hatattamaan diigamuu qaba. Ilmaan Oromoo utuu hin beekiinis ta’ee beektanii haalli jiruuf jireenyaa dhaaba kana keessatti miseensa hanga hoggansa sadarkaa Oromiyaa hanga bulchiinsa gandaatti argamtaan guutummaatti miseensummaa dhaaba kanaa dhaabuun yeroon gara Sochii warraaqsaa FXGtti makamuun uummata keessan dhiifama gaafachuun mirga keessanii fi mirga uummata keessanii kabachiisuuf waamichaa lammummaa isa dhumaa isiniif dhiyaate akka simattan jabeessinee isiniif dabarsina!!
  2. Yakkamaan yakkamaa adabuu hin danda’uu; Yakka waraanaa Oromiyaa keessatti loltuu Agaazii, humna ittisaa raayyaa waraanaa fi poolisii federaalaa bobbaasuun kan uummata Oromoo irratti yakka duguuginsa sanyiigenocide” labsuun rawwachaa jiru mootummaa federaalaa fi ergamaa mootummaa federaalaa OPDO ta’uun uummata Oromoo mitii uummata addunyaa hundaaf iyyuu ifaadha. Yakka ulfaataa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa federaalaa fi ergamtuu mootummaa federaalaa OPDO dha. Kanaafuu aangawootni sirna EPRDF/TPLF/OPDOn guutummaatti aangoo gadhiisuun seeraatti dhiyaachuu akka qabaan hubachiisuu; Ilmaan Oromoo nagaan sirnicha keessa jirtan bakka jirtan hundarratti warraaqsaa FXG finiinaa jiruu jabeessuun mirga uummata keenyaa kabachiisuu fi walbummaa Oromiyaa afaan irra ga’ee jiruu akka dhugoomsinuuf yeroon qabsoof birmannaa gootan amma ta’uu isin hubachiifna.
  3. Poolisootni Oromiyaa, milishoonnii Oromiyaa fi Ilmaan Oromoo waraana mootummaa wayyaanee sadarkaa garaagaraa keessatti argamtaan meeshaa waraanaa isin harka jiruu akka hin hiikkanne, yeroo amma kanatti qajeelfama mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO irraa isiniif darbuu akka hin fudhanne, sochii warraaqsaa fi hiriiraa uummata Oromoo dura akka hin dhaabbanne, saamichaa qabeenyaa fi yakkamtoota sochii warraaqsaa daheeffachuun sammichaa fi mirga ilma namaa sarbuuf kanneen socho’an qofa ittisuu irratti fuulleeffachuun uummata irraa dhalattan cina akka dhaabbattan waamichaa lammii keessanii gadi jabeessuun waamichaa dhumaa isiif dhabarsina!!, Rasaasa uummata Oromoo maatii keessan irratti dhukaafamaa jiru dhaabbattanii hin dhaggeeffatiina, duubdeebii akka kennitaan waamicha goona!!
  4. “Sunsummaan jijjiruun Ittoo hin Mi’eessuu”s Mammaksa uummata Oromooti. Yakkamtoota Sirna OPDO keessatti yakka ulfaataa mootummaa wayyaanee EPRDF/TPLF waliin ta’uun Uummata Oromoo irratti waraana labsaa turan; mootummaan wayyaanee hogganoota OPDO mormii uummataan kufan itti garagalee aangoo irraa rukuchuun uummata Oromoof bu’aa tokko illee hin qabu; Mootummaan wayyaanee bu’aa mataa isaa tiksuuf yakkamtoota yakkamtootan jijjiree bittaa umrii isaa dheereffachuuf malee akkuma olitti tuquuf ‘’Yaalle ‘’Yakkamaan Yakkamaa’’ sireessuus ta’ee adabuu hin danda’u!!, Aangawootni OPDO fi mootummaa naannoo Oromiyaa akkuma jedhamaa jiruu yoo ifaan ifatti kan adabamanii fi aangoo irraa kaafaman ta’ee, wanti nu gaddisiisuu hin jiruu, uummata Oromoof gaaffii isaa deebisuu akka hin taane hubachiisuun aangawootni aangoo irraa kaafamanii fi mootummaan wayyaanee hooggantootni sirna EPRDF/TPLF yakka waraanaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruuf itti gaafatama seeraa fi seenaa keessa bahuu kan hin dandeenye ta’uu ni hubachiifna!!
  5. Addatti ogeessotni ilmaan Oromoo ‘professional’ sirna EPRDF/TPLF/OPDO keessatti miseensa taatanii fi ogummaa keessaniin tajaajilaa jirtan yakkaa fi dabaa guddaa, tuffii sirni EPRDF/TPLF kun isiniif qabu hubadhaa, Uummatni Oromoo wareegama qaalii kanfaluun mirga isaa kabachiifachuuf tarkaanfii isa dhumaa irra ga’ee wayita jirutti itti gaafatamaa seeraa fi seenaa jalaa of baasuun sodaa malee wal gurmeessuun gara warraaqsaa uummatatti makamuun sirna kana dura akka dhaabbattan waamichaa dhumaa isiniif dabarsina

Injifannoon uummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo !!

Guraandhala 11/2016

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …