Oduu Haaraya

Waamicha Lammii Oromiyaa (Oromiyaa National Association)

Yeroo ammaa kana Biyyi keenya badaa, Uummanni keenya dhumaa jira. Haalli Biyyi fii Uummanni keenya itti jiru, ennaa lammiin iddumaa jiruu owaatuu fii birmachuu qabu dha. Biyya fii Uummata waliin qabnu kana badii fii dhumaatii jalaa baasuuf, biyya keessatti daa’imini otoo hin hafiin lubbuu saanii nuuf wareegaa jiru. Nuti, lammiiwwan Oromoo biyya aambaa jirru, qaamaan uummata keenya bira dhaabbannee haqa keenya fii Biyya keenya falmachuu carraa hin qabnu. Haata’u malee, iduma jirrutti karaa danda’amu hunda Uummata keenya bira dhaabbachuun dirqama lammummaa ti.

Sababaalee haala kana keessa nu galche, fii akka keessaa hin bane nu danqe keessaa tokko, gurmoofnee qindoominaan haqa keenya falmachuu hanqachuu dha. Uummanni keenya kan ijaarame caala, kan hinijaaramne tu harka-baay’ee caala. Tokkummaan humna akkuma jedhamu, Oromoon ilaalcha siyaasaa, amantii fii Kutaa ala, wal-taanee akka Oromootti dirqama lammummaa bawuu qabna. Furmaanni rakkoo keenyaa inni duraa akka uummataatti lammummaan ijaaramuu dha.

Kanaafuu, sababa kanaan dura adda-adda nu fageesse irra tarkaanfannee, harka wal-qabannee, gurmoofnee qindoominaan bakkuma jirrutti uummata keenya bira haa dhaabbannu.

Dirqama lammummaa bawuuf akeekni keenya sadarkaa lammummaa-tti ijaaramnee,

  • Ijaarsonni Oromoo walta’anii waliigalteen akka dhimma Oromoo tajaajilan dhiibbaa irratti gochuu
  • Beekkumsa fii qabeenyaan Uummata keenya bira dhaabbachuu fii hamilee saanii jajjabeessuu
  • Biyya aammbaatti sagalee Oromoo taanee, rakkoo Oromoo muldhisuu fii tumsa argamsiisuu
  • Miseensa mootummaa Itophiyaa ta’an, kan gidiraa uummata keenya irraan gahan, mana seeraa adunyaa irratti akka dhiyaatan gochuu
  • Sirna Aadaa keenyaa dhimma itti-bawuudhaan, rakkoollee nu walakkaatti dhalataan furuu fii araara buusuu
  • Aadaa keenya dagaagsuu fii ijoollee keenya, seenaa, aadaa, afaan, walumaa-gala waan Oromoo fii Oromiyaa barsiisuu
  • Dhimma Oromoo ilaalchisee, qorannaa gochuu fii marii (seminar, conference, workshops, exhibition etc.) qoppheessuu fii gaggeessuu
  • Dhiibbaa fii gidiraa Oromoo irra gahaa jiru, ajjeechaa, hidhaa, daraarama, saamicha, walumaa-gala duula mootummaan Itophiyaa sanyii Oromoo lafarraa duguugee, Oromiyaa dhuunfachuuf adeemsisaa jiru addunyaa guutuutti beeksisuu, mormuu fii dura-dhaabbachuu.

Dhimma kanarratti mariyachuu, furmaata tilmaamuu fii dirqama lammummaa bawuuf Oromoonni hundi kabajaan affeeramtaniittu.

Koree Qindeessituu

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …