Waamicha Kora Uummataa Gurmuu Deeggarsa KFO irraa

Akkauma beekkamu Sadaasa 12, 2015 irraa kaasee sochiin saba Oromoo cimee mootummaa abbaa-irree jalbiiffachiisee jilbaan lafarraa shoqoqsaa jira. KFOn Sochii Duula filannoorraa kaasee mormii masterpilaanii fi lafaa dabalatee mata-duree ta’ee socho’uunsaa ni yaadatama.

Kanumaan wolqabatee hoggantoota isaa dabalatee woreegama guddaa kaffala jira.
Gaaffiiwwan :
“Hegereen Qabsoo Oromoo maal ta’a?” Fi “Tarkaaffiin itti aanu maal ta’a?”
“Maal gochuu qabna? Maaltu nurraa eeggama?”
jedhuu fi Haala Qabatamaa biyya keesssaa irratti mariin ni taasifama. Sochiin KFO biyyaa fi GD -KFO Idil Addunyaa maalirra akka jirus ibsi ni kennama.

Hundi keessanuu akka nuuf argamtanu kabajaan waamamtaniirtu.

Horaa Bulaa! Qabsoon itti fufa!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ilmaan Oromoo Galmee Malkaamuu Kinfuu Jalatti Himataman Guyyaa Hardhaa Mana Murtiitti Akka Dhihaatan Beekame !

  #RDH Adoolessa 25 2009 Ilmaan Oromoo galmee Malkaamuu Kinfuu jalatti shororkeessummaan shakkamuun hidhamanii jiran guyyaa …

Yaada kanaaf deebisaa kenni