Oduu Haaraya

WAAMICHA HAALA YEROO IRRATTI ADDA BILISUMMAA OROMOO, “ABO TOKKOOME”

WAAMICHA HAALA YEROO IRRATTI ADDA BILISUMMAA OROMOO,
ABO TOKKOOME” IRRAA JAARMAYOOTAA SIYAAS OROMOO FI
MURNOOTA HAWAASA OROMOO BAL’AAF GODHAME:

G/G 1. ABO, J/ Galaasaa Dilboon hoogganamu.
2. ABO, J/ Daawwid Ibsaan hoogganamu.
3. ATWO, B/G/ Kamaal Galchuun durfamu.

Akkuma hunda keenyaan hubatamutti Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo hadhooftuu
woggoota dheeraa godhe keessatti, bu’ura irraa kaasee bu’aa bahii hedduu akkasumas
haala wal-xaxaa fi ulfaataa keessa cichaan dabarsee asi gahe. Amna qabsoo woggoota
dheeraa godhe kana keessattis, falmaa gita bitoota dabran woliin taasiseen woreegama
ulfaataa fi lubbuu ilmaan Oromoo qaqqaaliin heddu itti kaffalee injifannooleen heddus
galmeesisee jira.

Dhaabni keenya ABOn qabsoo har’a daraartee sadarkaa ol aanaa geette tana galmaan
gahuuf akeekaa fi galii isaa irratti hundaawee gummaacha guddaa godhee, godhaas jira.
Adeemsa qabsoo kana keessatti, danqaalee heddutu nu mudate. Wol dhibdeen mooraa
dhaabaa keessatti yeroo adda addaatti uumame danqaa qabsoo ta’uudhaan qabsoon akka
fuula duratti hin furgaane wantoota ukkamsanii qaban keessaa isa guddicha. Galteen kun
yeroo adda addaatti, qabsaawota Oromoo facaasee, mooraa qabsoos haphisee injifannoo
akka jaarmayaatti argamu males hanqisee jira. Dhibdee kanaaf furmaata waaraa gochuuf
yaaliin yeroo adda addaatti godhamus osoo hin milkaa’in hafee jira. Kunis bu’aan isaa,
umrii gabrummaa ummata keenya irratti dheeressuu fi mooraa qabsoo Oromoo laaffisuu
yoo ta’e malee jaarmayni Oromoo tokkoos akka galtee kana irraa hin fayyadamne ni
hubanna. Yaaliiwwan armaan dura godhaman irraa barmootni fudhatamee, rakkoo kana
hundeedhaan furachuun, hamilee fi miira guutuun fuula gama qabsoo deebifachuun
murteessa jennee amana.

Kanaanis wol qabatee, koreen hojii raawwachiiftuu ABO haala yeroo fi galtee mooraa
qabsoo Oromoo keessatti yeroo adda addaatti uumamaa ture irratti xiinxala bal’aa godhee

jira. ABOn akkuma asiin dura mooraa qabsoo Oromoo tokkoomsuuf yaalii hedduu fi
waamicha godhaa turee, ammas qabsoo tana xumura itti godhuuf mooraan qabsoo Oromoo
tokkoomufi humna’un barbaachisaa akka ta’e cimsee itti amanas, ejjennoo kanas qaba.
Kanaafis koreen hojii raawwachiiftuu ABO, jaarmayoota Oromoo kan biyya alaa jiran
hundaaf waamicha armaan gadii dhiheessee jira.

1. Jaarmayootni Oromoo kaayoo, akeekaa fi tarsiimoo wol fakkaataa
akkasumas mooraa qabsoo Oromoo tokkoomsuu irratti hubanna waloo qabnu,
mariidhaan mooraa qabsoo Oromoo cimsuun murteeysaa ta’uu hubannee waamicha
isiniif goona.
2. Miseensotaa Adda Bilisummaa Oromoo kanneen rakkoolee yeroo adda adda mooraa
qabsoo Oromoo keessatti umamuun faffacaatanii mufachuun manatti deebitan
yaaddo keessa jiratan, kaayoo kaleessa itti dadhabdanitti akka deebitaniif,
akkasumaas deeggartoota dhaaba keenyaa hundaaf waamicha addaa isiniif goona.

3. Manguddoon, hayyootni, abbootiin amantii fi murnoota adda adda hawaasni
Oromoo abbaa qabsoo taatan akkuma armaan dura wol dhibdee mooraa qaboo
Oromoo mudate kana furuuf yaalii heddu cichaan godhaa turtan ammas mooraa
qabsoo Oromoo kana mataa wolitti hidhuuf obsaan akka yaaltanii fiixa baaftan isin
gaafachaa, yaalii armaan dura gotaniif ABO kabajaa fi ulfina guddaa isinii qaba.
Akka jarmaya keenyattis tumsa barbaachisu akka nuufi gootan kabaajan isin
gaafanna.

4. Qeerroo fi Qarreen Oromoo bu’ura irraa kaasee duguguruu qabsoo tanaa ta’uudhaan
woreegama ulfaata kafalaa qabsoo asii geettanii jiratan. Qabsoo hadhooftuu
woggoota muraasa dabraan keessatti godhameen woreegama gurguddaatu itti
kafalame. Tarsiimoon masakamtanii, naamusa guddaa fakkeenya saboota Itoophiyaa
fi ummata Adduntaatiifis ta’uun qabsoo finiinsitanii, ifaajee abbootaa fi haawwota
keessanii sadarkaa ol aanaa irraan geettanii jirtu. ABO gumaachaa fi woreegama
qaalii isin kaffaltaniif ulfinna guddaa qaba. Seenaanis yoomiyyyuu bara baraan isin
yaadata. Injifannoolee woreegamaan galmeeffaman kana of duuba akka hin
sigigaanne utubuudhaan, isinis mooraan qabsoo Oromoo mataa akka wolitti hidhattu
dhiibbaa fi tumsa barbaachisu akka gootan waamicha isinii goona.

Dhuma irratti, hawaasni Oromoo bal’aanis mooraa qabsoo fafcaate tana wolitti deebisuuf
tumsa fi dhiibbaa barbaachisu akka gootan ABOn waamicha isinii godhaa, ammas qabsoo
tana fiixaan baasuuf akkuma armaan duraa deeggarsaa wol irraa hin citne godhaa turtan
danboobaa fi hamilee guutuudhaan akka qabsoo ummata oromoo bira dhaabbattan
kabajaan isin gaafanna.

ADDA BILISUMMAA OROMOO,

ABO TOKKOOMEE”

INJIFANNOO UMMATA OROMOOF!!
TOKKUMMAN HUMNA!!
Wxabajjii 11 , 2018

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …