Oduu Haaraya

Waa’ee Koree Caayaa wal qabate hubachiisa

Jaallan Gaddaa/Ayyaantuu.com

Nagaan haa dursu

Rakkoo Kaayroo keessaa jechuun Koree Caayaa baqattoota Oromoo biyya Masrii waan facaase dubbisnee jirra .Nuhi kan amma Kaayroo jiru fi isin kan biyya Faranjii jirtanis ilmaan Oromoo tahuu caalaa hamma tokko jiruu baqattummaa keessa baatanii akka dabartan fi muuxannoo kanas akka qabdan dursinee hubanna.

Kaayroo keessatti Waldaaleen Oromoo jiran inni tokko “Waldaya baqattoota Oromoo biyya Masrii“ kan bara 2004 dhaabbate yoo tahu, inni kuun kan bara 2011 Waldaya irraa fottoqee maqaaCaayaa tokkummaa baqattoota Oromoo biyya Masrii“ baafatee dha.

Asirratti kan isin yaadachiisuu feenu garuu jiruu baqattummaa rakkisaa kana keessatti, rakkoo jiru waliin hiikuu kan dandayu numa baqataa Oromoo biyya kana jiru malee, kan biraa akka hin jirree dha.

Koreen Caayaa maqaa dhayee Waldaya jechuus yoo baate “Jaarmaa Oromoo kan naannoo kana jiru fi kan farreen tokkummaa fi basaasota Wayyaanee ammate“ jechuun maal akka itti yaadame beekuun yoo isin kan biyya Faranjii jirtaniif tahe malee nuuf gaafii miti!

Barattoota Oromoo barmootaan biyya kana dhufanii (Universitii Azharitti) utuu baratan baqattummaatti hafan irraa kaasee, baqattoota Oromoo waggoota dheeraa Saudii Arabiyaatti jiraatanii Saudiitti jiruun itti jabaannaan biyya Masrii dhufan, dabalatee, kanneen yaroo dheeraa Suudaaniif Ertraa turan fi kanneen 1990 dura irraa kaasee Paaspoortii Soomaliyaa baatan waliin baqattoonni Oromoo hedduutu biyya kana jira, yoo kun Embasii Itoophiyaaf hojjachuu tahe, yookaan basaasummaa tahe, Oromoon biyya alaa keessattuu biyyoota Arabaa keessatti jiraate fi jiraataa jiru hundinuu basaasa Itophiyaa, kan Ertraa kan Suudaan jechuu dha.

Dhimma Hafooshaa kaasanii hafarsuu caalaa, xiyyeeffannaan ololaa “Suuraa nama tokkoo jedhu“ eenyuun akka hafarsamaa jiru beekna, waa hunda dura garuu Hafooshaan waan nannoon hundi qabu waan taheef sababii Hafooshaan wanni badu yoo jiraate madda galii malaan nyaattotaa waan taheef gara keennaa hojjatanii jiraachuu qabu jenna, kanumaanuu Kutaaleen Oromoo hundi kaluutti wal toohatuu fi wal gargaarsa jireenyaaf jedhanii Hafoshaa jaaratuun waan jiru yoo tahu “Suuraa nama tokkoo kan jedhame Suuraa Abbaa Jifaar “waan taheef, dabballeen odeeffannoo san isinii erge dursee dura dhaabbatuu kan qabu, baandaa bahaa kan ol, aantummaa joollee “Biiftuu Bahaa” ture.

Dhimma firummaa fi farrummaa ABO kan jedhames, waan haaraya miti. Dabballoota ABO kanneen ufiin jedhan Asmaraa fi Kaatuum Saudii Arabiyaa irraa dhufanii as jiran, biyyi Masrii nutti kennameera Jaarmaya hawaasaa diignee jaaruu qabna jedhan, tarkaanfii duraa maadhee Elemoo Qilxuu jedhu fi Biiftuu Bhaan eegaluu caalaa, olola dhimma baqataa Oromoo irratti dhiibbaa fi miidhama geessu irraa uf eegnee akka baqataa jiraachuun mirga keenya, baqataan Oromoo Kaayroo jiru hafee baqataan Itoophiyaa kan fayyadamaa jiru (Oromo Case) tahuun beekkamaa dha, kanaaf jecha jaarmaya hawaasaa kan ilaallu akka jaarmaya hawaasaa baqataa malee akka maadhee dhaabaa waan hin taaneef olola farrummaa fi firummaan wal xureessuu yaroon isaa eega dabre waggaan laakkayame dhiifnee waan yaroon amma itti jiru yaaduu fi hojjattuu barbaachisa.

Sababiin wal dhabbii Waldaya fi Caayaa kana jennee isinii erguu yoo dirqamne, rakkoo keenya himatuuf ummata Oromoon gayuu mirga keenya akka nuu kabajjan gaaftaa, san gayuu dura garuu rakkoon baqataa Oromoo Mooraalee fi Magaalota biyya baqattummaa keessatti argamtu ololaan akka hin hiikkamne beekanii Koreen Caayaa fi dabballoonni geggeessan baqataa Oromoof nagaa akka kennan gaafataa isin warri Meshaa sabqunnamtii geggeessitanis odeeffannoo bilisa hin taane burqaa nama tokkoo irraa fudhattanii utuu keessummeesssuu dhiistanii nutti tola. Dhuma irratti yoo barbaachise qaama dhimmi ilaalutti fi himanna kan jedhan, oduu irra turan waan taheef inni guddaan hujii isaanii fuuala dhugaa ilma Oromoo sodaachisuuf doorsisuu irratti kan hundaayee dha, itti milkaayuuf dhiisuullee muuxannoon isaanii ragaa harkaa qaban waan taheef murtii isaaniif dhiifna, UNHCR tahee biyyi Masrii baqataa hudaaf wal qixa waan taheef waan hojjatuu barbaadan isinitti dhaamuu utuun taane akkuma beekan kallattii dhaan yoo nutti ergan simatuu dandeenya.

Galatoomaa

Koree Huji Waldaya Baqattoota Oromoo Biyya Masrii

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …