Voices for voiceless

(http://voicesforvoiceless.blogspot.se/)

Nama tuffatan saree jalatti dhaanu: barbaachisummaan OPDO hanga Woyyaaneen Oromiyaa seentee hiddaan lafa qabattu qofaaf ture: erga hidda gadi fageessafatanii, Woyyaaneen OPDO iyyuu balleessuuf waan maqaa Oromoo qaburratti duulli banameera.

Oduu Oromiyaa Miidiyaa Neetworkiin guyyaa kaleessaa (8.6.2015) gabaaseen, balaa ibiddaa magaalaa Finfinnee, markaattoo iddoo Sharaa Taraa jedhamutti tibbana ka’e ture gabaasuuf, ogeessi kaameraa, konkolaachisaafi rippoorterri dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa miidiyaalee biyya keessaa kan biro wajjiin achitti argaman. Haa ta’u, malee gaazexeessitoonni kunneen, waan namni hin yaadneefi isaan hin shakkinetti isaan mudate. Poolisoonni Federaala, gaazexeessitoota Raadiyoofi TV Oromiyaa gaazexeessitoota biraa addaan baasuun qabanii reebanii(tumanii), keessumattuu ogeessi kaameraa Obboo Leellisaa Nagarii hospitaala Paawuloos akka seenan gabaafameera.

Wanti nama ajaa’iba, opdon gogaa Oromo’oo, akka tolee sa’a harkuutti uffattee jirti malee, dantaa Oromootiif akka hojjataa hin jirree Oromoo dhiisaatii ormille ni beeka. Haa ta’uutii garuu, habashootaafi Woyyaanotatti maqaan ‘Oromoo’ jedhamu alaarjikii itti ta’uudhaan mataa dhukkubsuu irra dabree, dhaabuma ofii ijaaran shakkan. Haati hattittiin ilmoo ishee hin amantu akkuma jedhamu, woyyaaneefi habashoonnille gocha isaanii waan beekanuufi opdo misikiina shakuun bir’atan.

Waa’iloonni koo yeroo ani Dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa keessa hojjataa ture waliin hojjachaa turre hedduun dhaabata san keessaa dhiibbaafi cunqursaa hedduun ari’amaneeran. Akka carraa ta’ee isaan keessaa anille, namoota ajaja woyyaaneetiifi mallatoo opdo tiin ari’ame keessa nama tokko. Dhaabbata san keessatti, marsa duraatiifi gara gaazexeessitoota torbaa bara 2011 anaan dabalatee ari’ane. Yeruma san, ammoo gaazexeessitootaa Oromoo qulqulluu ta’an, Oromummaa isaanii qofaaf hedduu isaanii achuma dhaabbata san keessati mana kitaabaa, kutaa meeshaa, kutaa taa’anii yaada uummataa bilbilaan fuudhaniifi kkf ramaduun hamilee isaanii caccabsanii irra deeman.

Bara dhegendaa (2014), ammoo dubbii maaster pilaanii ka’een wal-qabatee, Oromoo qulqulluu qofa ta’uu isaaniitiif gaazexeessitoonni 17 dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa keessaa ari’amaneeran. Ariisaa gaazexeessitoota Oromoo guyyaa tokkotti namni 17 oli miidiya tokko keessaa ari’amuu isaaniitiif addunyaarratti rikeerdii ta’ee galma’ee. Dhaabbanni mirga gaazexeessitoota biyya lafaatiifi falmu CPJ (Committee to Protect Journalists) dhimma gaazexxeessitoota Oromorratti raawwatame kana faana dhahuun gabaseera.
https://cpj.org/…/twenty-ethiopia-state-journalists-dismiss…

Mudannoo kan biraa, miidiyaalee Itoophiyaa irraa adda baasanii, dhiibbaa gaazexeessitoota Dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaarran gahan isinitti haa himuuti. Barri isaa bara dhengeeddaa (2014), yeroo ayyaanni saboota, sabi-lammootaafi uummattoota Itoophiyaa naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajamee turetti, garoota jilaa naannoolee sagalii Itoophiyaa hunda keessaa dhufaniifi jala bultii ayyaana sanaarratti magaalaa Harar keessatti simmannaan taasifameef. Miidiyaaleen biyya Itoophiyaa hundinuu ayyaana gabaasuuf achitti argamuun asiifi achi fiiguun aadaa sabaafi sab-lammootaa hedduu waraabaa gabaasaa turan. Guyyaa sanatti, ammas dubbiin akka Obboo Leellisaa mudatee, gaazexeessitoota Dhaabata Raadiyoo TV Oromiyaa (DhRTO) wanti isaan sirumaa hin yaadin isaaniin mudate.

Sunille: Gaazexeessitoonni DhRTO kunneen, garee jila saboota Itoophiyaa hedduu bakka bu’uun, ayyaanarratti argamuuf dhufan garii isaanii akkuma isaan wal-duraafi dubaan magaalaa Hararii gahanii qubataniin dubbisaa turan. Yeroo garuu, gareen jila naannoo Tigiraay dhufan, gaazexeessitoonni DhRTO, mooraa imaltoonni garee jila naannoo Tigiraayii itti boqatan seenanii warabanii oduu hojjachuuf yaalanitti, seensefamuu dhoowwaman. Gaazexeessitoonni, waraqaa eenyummaa baasanii Tigirootatti muldhisan…ammalle numa dhoowwan. Garee biroo waraabaa akka turan amansiisuuf yaalanille, gonkumaa gaazexeessitoonni Oromiyaa mooraa imaltoonni garee jila Tigiraay irraa dhufan seenuu akka hin dandeenne jala sararanii itti himan.

Gaazexeessitoonnille akka saree dhufteetti eegee saabatan dhiisanii deeman. Yaa OPDO, erbeen siin qaban haa baddu! Woyyaaneen maqaa Oromootiin, Oromiyaa ittiin saamuuf si ijaartee, akka farda gaariitiifi akka kondomiitti sitti gargaaramuun dhuma keeti boolla kosii keessa buusuuf yeroo deemamu garaan kee si hin aaruu? Maqaa keetiin yoo uummata Oromoo fixan sitti hin dhaga’amuu? Yaa OPDO, maqaa Oromootiin suma yoo wayyaaneen hudduu keessa si dhiittu, Oromoon siif garaa hin gubatuu? Yaa OPDO, aangoo lubbuu qabdulle sitti hin kennanuu aangoo harcaatuu malee; ati erguu hin dandeettu ergamuu male. Silaa biyya keetiratti namni jara erguun male siidha; garuu erguun osoo sirra jiraatuu hanga yoomiitti ergamtaa? Awwaalli siif qotamaa jiru yoom sitti mul’ataa? Qaanii maqaa keessaniin Oromoorra gahaa jiru yoom isinitti dhaga’amaa…?

Woyyaaneen akkuma garaafi lafa Oromoo baraa dhufteen, kallattii hedduudhaan kabajaan isiin OPDOfi Oromoof qabdulle gadi bu’aa dhufe. OPDO kan ijaaraniif, duraan Oromiyaa ittiin seenuuf. Woyyaanonni erga Oromiyaa seenanii qabataniin booda, barbaachisuummaan OPDO gadi bu’aa dhufeera. Ofumaa isaaniitiif OPDO lammeessoo ta’aniiran. Kanaafuu OPDO, isin balleessuuf isinitti deemaa jiran. OPDO yoom siif galaa? Bishaan dhangala’e dhaqqabanii hin waraabanu lakkii OPDO?

Woyyaaneen qabeenna Oromoo saamtee galuuf dhufte; amma ammoo lafuma keenarratti waggaa dhibba akkuma Nafxanyootaa nu gabroomsuuf karooraa maaster pilaanii baafattee magaalota naannoo Finfinnee jiran fuchadhuun “…ni misoomsinaa; Oromoon gadi haa dhiisuu…” jedhan. silaayyuu Woyyaanumatti biyya bulchaa jiraa, maaster pilaaniin kun bulchiinsuma OPDO jalatti maaliif haa misoomuu jedhuu dhiisanee? Yoo xiqqaate afaan hojii OPDO afaan Oromooti…kunuu Habashootaafi Woyyaanotaaf mataa dhukkubbiidha. Dubbiin maaster pilaanii kanaan akkana jechuun isaanii, “…kana booda hin barbaachiftanii, biyya barree jirraa… akka feenee keessa deemna, tokkoon kee yoo dubbatte ‘likki yigaal’, qorsa siif qonneerra…” jechuun kanumaaf. Yaa OPDO yoom siif galaa…?

Gama biraatiin akkuma OPDOfi Oromoolle tuffataa dhufaniin, sagantaa Afaan Oromoo Dhaabbata Raadiyoofi TV Itoophiyaa keessaa ni cufane; hojjatootta sagantaa Afaan Oromoorra hojjatan gara 60 gahan diiganii bittineessane. “yoo barbaaddan gara naannoo, Oromiyaatti galaa afaan Oromootiin hojjadha; sanii miti jennaan afaan Amaaraatiin hojjadhaa..” jedhaman gaazexeessitoonni Oromoo Televeshiiniifi Raadiyoo Itoophiyaa keessa hojjatan. Gariin isaanii Adaamaa gara Dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa dhufan. Gariin isaanii ammoo ni faffaca’an. Kuun isaanii ammoo afaan Amaaraatiin hojjachuuf dirqamanii gadi itti taa’an. Gaazexeessitoonni gara Adaamaa dhufan, haalli achi ture isaan simachuu dide. DhRTO Adaamatti argamulle, miidiya maqaa Oromoo uffateeru malee, hojiin isaanii kanuma Raadiyoofi TV Itoophiyaa san caalaa hamaadha.

Dhaabbanni Raadiyoofi TV Oromiyaalle, dhaabbata habashoonni Afaan Oromoo danda’an keessatti of ijaaranii, gaazexeessitoota Oromoo qulqulluu ta’anitti, haadha masaanuu (haadha buddeenaa) ta’uudhaan iddoo itti dararaman ta’ee argame. Oromoon haadha ofiirraa adda baafamee, haadha buddeenaatiin hanga yoomii rakkataa? Oromummaan qofti maaliif badii ta’aa? Kun yoom OPDOtti mul’ataa? OPDO Oromoo qulqulluu ta’an maaliif warra gumaa Oromotti ta’uuf deemanii? Maaliif waamicha qomoo isaanii isaaniif godhamaa jiru didanii orma dhaga’aa jiru….? “Mucaan nyaanyaa jedhe nyaachuu hin oolu” jedha mammaaksi Oromoo. “Xiqqoo turra malee, numa urra jette booombiin…”

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

BAAY’INNI UMMATAA NAMA YAADDESSAA

Baay’inni ummataa nama yaaddessaa Akkamitti baana rakkoo kana keessaa!! Namni maa akka lukkuu ilma hanqaaqaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *