Oduu Haaraya
fincila 75

VOA; Mootummaan Itiyoopiyaa uummata Oromoo Irratti Kallattiin Qiyyaafatee Dararaa Geggeessa

 

28.10.2014
Jaallannee Gammadaa

Gareen mirga dhalaf falmu ka sadarkaa Addunyaa AMNESTY INTERNATIONAL Itiyoophiyaan, saba biyyattii keessatti keessatti guddaa tahee lammiwwan Oromoo -mootummaa mormitan” sabaabaa jedhuun, itti xiyyeeffattee haala gar-laafina hin qabneen dararaa irratti geggeessaa jirti jedha gabaasaa haarawa Har’a facaaseen.

Oromoo ta’uu koo qofaaf” dararaa fi hiraarsi kun na irratti geggeeffama mata-duree jedhuun ka maxxansame gabaasaan Amnesty International haaraan kun Lammiwwan saba Oromoo kuma hedduutti lakkaawaman “ajaja seeraa ti ala hidhamuu, himannaa seeraa malee yeroo dheeraaf mana tursiisamuu, humnaan butamanii dhabamsiisamuu, dararaa deddeebi’ee geggeessamuu fi ajjeechaa humnoota mootummaaf saaxilamanii jiran jedha. Dhuga-ba’insa namoota dhibba lamaa olii walitti-qabuu isaa illee dubbata.

Qorattuun Amnestii Inteernaashinaal Kleer Beeston akka jedhantti bara 2011 hanga bara 2014 giddutti Oromoota yoo xiqqaate kuma shan ta’antu hidhame. Mootummaan itiyoophiyaa garuu irra deddebi’ee dararaan kun rawwatamuu haala. Silaa dararaa dhaqqabe jedhame kana qorachuutu irra ture jedhu.

Kanaaf jecha gareeleen mirga dhala namaaf falman Tokkummaan Mootummotaa komishinni Afrikaa kan waa’ee mirga dhala namaa dhimma kana gidduu seenanii qorannaa walaba akka gaggeessaniif gaafanne jedhu kleer Beestoon.

Gabaasa kana kan ilaaleen Jimaata fullee keenyaa Onkololeessa 31 bara 2014 kan fudhannee dhiyaannu ta’uu beeksiifna.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …