Oduu Haaraya

Uummata Oromoo aangessuuf; humna Oromoo cimaa fi abdachiisaa uumuuf; Oromummaan caalaatti akka dagaagu taasisuuf maal godhuu qabna?

“O R O M O   F I R S T”

Berhanu Hundee

 

Kutaa Jahaffaa

 

Barreeffama kutaa shanaffaa keessatti jijjiirama biyyattii sana keessatti ta’uuf ykn godhamuuf deemuuf haalli keessa jirru hangam mijataa akka ta’e fi humni Oromoos hammam cimaa fi abdachiisaa akka ta’e hubannee waayee kanarratti hojjechuun barbaachisaa akka ta’u waan tokko tokko tuttuqeen ture. Bifuma kamiinuu haa ta’u biyyattii tana keessatti jijjiiramni tokko akka dhufu waan nama mamsiisuu miti. Wayyaanotni hanguma fedhan nuti cimaa dha ofiin jedhanis kufaatiin isaanii waan ooluu miti. Yoom akka ta’u beekuu qofaatu nama rakkisa. Jijjiiramni dhufuuf deemu kun immoo Oromoof bu’aa akka fidu humna oromoo cimaa fi abdachiisaa ta’e uumuun murteessaa dha. Barreeffama kutaa jahaffaa kana keessatti akkamitti mooraan Oromoo cimee humna jabaan uumamuu akka danda’u yaada tokko tokko dhiheessuun yaala.

Galanni Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi Sabboontota keenya kan wareegamaniif haa ta’uu, jijjiiramni bara 1991 argame sun waan Oromoon barbaadu fi hawwu hundumaa argamsiisuu baatullee, injifannoolee gurguddoo galmeessee jira. Oromiyaan kaarataarratti sararamuu fi Afaan keenya cunqursaa hamaa sana jalaa bahee, qubee ittiin barreeffamu, mallattoo eenyummaa fi bilisummaa kan taate “Qubeen Afaan Oromoo” akka hojiirra ooltu taasisee jira. Dabalataan, Sabboonummaan Oromoo guddachaa dhufuun jijjiirama guddaa dha. Hunda caalaa immoo qabsoon hadhooftuun tun dhaloota diinaaf hin jilbiiffanne “Dhaloota Qubee” dhalchuu dandeessee jirti. Kana hundaa Oromoon ittiin boonuu qaba. Haa ta’u malee, ammallee waa baay’eetu nu hafa; hanqinoota hedduu qabnas; hir’innis baay’eetu jira. Isaan kana sirreessinu malee humni Oromoo cimaa fi abdachiisaan uumamuu waan danda’u natti hin fakkaatu.

Gara gaafii akka mata-duree barreeffama kanaatti ka’etti yoo deebinu, uummata Oromoo aangessuuf akkasumas humna Oromoo cimaa fi abdachiisaa uumuuf, Oromummaan akka dagaagu taasisuuf waa baay’ee hojjechuu qabna. Hunda dura garuu, rakkoolee qabnu dhugumatti rakkoo biyyolessaa kan furmaata argachuu qabanii dha jennee amanuu qaban. Akkuma Faranjiin jettu: “The first step in a confilict (problem) resolution process is recognizing the problem.” Kanaafuu nutis dura rakkoolee keenya beekuu fi yoo kana hubanne booda furmaata waloo barbaaduu dha. Rakkooleen keenya maali? Akkuma beekamu uummatni Oromoo bar-dhibbee tokkoo ol sirna bittoota Habashootaatiin qoqqoodamee kan ture waan ta’eef, kana wajjin walqabatee rakkooleen nuti qabnu hammuma balina biyya teenyaa fi uummata keenyaa ti. Rakkoolee walxaxaa ta’an hedduu qabna jechuun barbaade gabaabumatti.

Rakkoolee qabnu keessaa isa ijoo ta’an tokko tokko kaasuuf, kan akka naanummaa fi gandummaa, ilaalcha siyaasaa, kaayyoo fi galii qabsoo Oromoo fi k.k,f. Walqunnamtiin Oromoon hawaasummaa Habashootaa keessatti isaan waliin qabu; kan gara amantiitiinis walittihidhamu; kan fuudhaa fi heerumsaan walittihadhamu kun hunduu rakkoole dabalataa dha. Karaa biraatiin immoo Oromootni hin dammaqin, ofhinbarin fi sirummaa Sabboonummaa Oromoo ofkeessaa hin qabnes waan jiraniif isaan kunis rakkoo biraa nutti uumu. Oromummaatti gufuu ta’u. Egaa, asirraa ka’een rakkoolee Oromoon qabu walxaxaa dha jedhe. Hanga rakkolleen kun hin hiikamnetti; hanga Oromummaan dagaagee hundaa hin hammannetti, tokkummaan dhugaa ijaaramee, humni Oromoo cimaa fi abdachiisaa ta’e uumamuu waan danda’u natti hin fakkaatu. Kanaafuu, hanga danda’ametti rakkoolee kana hubannee furmaata waloo barbaaduun baay’ee murteessaa dha. Qabsicha galii hawwamutti geessuu qofaa osoo hin taane, egeree keenyafillee murteessaa dha.

Gandummaa fi naanummaan gufuu Oromummaa waan ta’eef dhaabbachuu qabu

Rakkoolee Oromummaa miidhuu danda’an keessaa inni tokko gandummaa fi naanummaa dha. Ilmi namaa ganada fi naannoo ittidhalateef ilaalcha addaa fi jaalala qabaachuun seeruma uumaa ti. Kana hin godhinaa jechuun seeraa Waaqaatiin mormuu ta’a. Haa ta’u malee, Oromoon gandaa fi naannoodhaan walbarbaadee walqoqqooduun bu’aa inni qabaatu caalaa miidhaa inni saba keenyarratti fidutu caala. Oromummaatti danqaraa ta’a; Oromummaatti danqaraa ta’e jechuun, qabsoo tana sakaaluu danda’a. Qabsoon sakaalamtee galii ishii hanqachuun immoo Oromoo hundaa miidha. Warri gandummaa fi naanummaa afarsanis ta’ee warri kanarraa ofqusatan hunduu qixxuma miidhamu jechuu dha. Walumaan gabrummaa keessa ture. Kun bu’aa eenyuutiif jedhameetiree??

Ilaalcha siyaasaa, kaayyoo fi galii qabsoo Oromoo

Dhimma Oromoo kan baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’e kana keessatti dhiisii, jiruu dhuunfaa keessattuu, maatii keessattillee ilaalchi tokko jiraachuu hin danda’u. Kun uumaa ilma namaarraa madda. Kanaafuu, Oromoon ilaalcha siyaasaa adda addaa qabaachuun; karaa adda addaa laaluun; kaayyoo fi galii adda addaa qabaachuun ykn hawwuun nama hin dinqu. Haa ta’u malee, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti, hiikkaa gaafii saba/uummata Oromootiif kennamutu rakkoo uumaa jira natti fakkaata. Gaafiin Oromoo inni bu’uraa fi ka’umsi QBO maali? kan jedhu hubachuun rakkoolee qabnuuf furmaata fiduu danda’a jedheen yaada. Gaafiilee: Oromoon Habashootaan hin gabroonfatamne moo gabroonfatame? Abbaabiyummaa isaa deebisee argachuu barbaada moo diimookraasii barbaada? kan jedhan kanarratti waliigalteen yoo hin jiraanne, kaayyoos ta’ee galii tokko qabaachuun nama rakkisa.

Yoo dura kaayyoo fi galiirratti waliigalame, waayee karaa, tooftaa fi tarsiimoorratti waliigaluun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Kaayyoo fi galii adda addaa qabaachuun immoo jaarmayootni Oromoo gara garatti bixxilamanii humna jabaa osoo hin uumin akka hafan taasisa. Diinaa fi alagaadhaaf akka saaxilaman godha. Kuni Oromoof osoo hin taane diinaaf bu’aa fida. Rakkoo cimaan kun hubatamee, rakkoolee amma furachuu hin dandeenye boodaaf teechisanii; garuu waan Oromummaa dursu irratti waliigaltee uumanii; uummata keenya fi mooraa keenya humneessuurratti hojjechuun furmaati isa duraa ti. Kun dirqama Oromummaa fi lammummaa Oromoo ti. Waan Oromummaa dursurratti haal-dureen tokkllee jiraachuu hin qabu. Oromummaan gaafii keessa gale jechuun kisaaraa hundaa ti.

Walqunnamtii Oromoon hawaasummaa Habashootaa keessatti isaan waliin qabu

Akka yaada fi ilalcha kiyyaatitti, dhimmu kun akka namootni waan salphaa godhanii laaln osoo hin taane, waan Oromummaa gaaga’uu dha. Asirratti makmaaksa tokkon yaadadha. “Bakkee ooltu natti himii, eenyummaa kee sittan hima” kan jedhu dha. Dhugaa dha namni tokko bakkeedhuma oolee fi warra waliin ooles sanarraa waa fudhatee manatt gala. Waanuma achitti argee fi dhagahe sana fudhatee suuta suuta aadaa godhachaa deema. Bifuma walfakkaataa ta’e kanaan, Oromootni yeroo baay’ee Habashoota waliin dabarsan ykn jiraatan dhiibbaa adda addaatu osoo isaan hin hubatin isaan mudata. Waan Oromummaa ta’erraa isaan dagachiisa. Karaa salphaa ta’een yaadaan injifatamu. Aydoolojiin dogoggora ta’e sammuu isaanii keessatti akka uumamu godha. Waayeen akkanaa kun amantii, fuudhaa fi heerumsa keessattillee bifuma walfakkaataa ta’een mul’ata. Kanaaf, asirratti dammaqinsa fi hubannoo cimaadhaan ofeeggannoo godhuun; dhimma Oromummaa gaaga’urraa of eeguun murteessaa ta’a.

Jaarmayoota siyaasaa Oromoo

Dhimma kana yeroo biraan bal’inaan ittdeebi’a. Haa ta’u malee, barreeffama kutaa kanaa keessatti waan tokko tokko irraa tuttuquuf, ha’ra jaaramyootni fi dhaabbileen Oromoo kan kaayyoo fi galii adda addaa qaban baay’eetu jiru. Isaan kana hundaa walittifidanii akka jaarmayaa tokkootti ijaaruun waanuma hin danda’amnee dha. Kan biraa hafee, jaarmayootumt kaayyoo fi galii tokko ta’e ykn walfakkaatu qabanuu walitti dhufanii walittibaquudhaan jaarmayaa tokko ta’uu akka hin dandeenye waanuma hubatamuu dha. Sababaalee adda addaatu jiraachuu waan malaniifi. Anaaf garuu kun fudhatama hin qabu. Maaliif yoo jedhame, namootni kaayyoo fi galii tokko qaban; kan uummata tokkof qabsoofna jedhan, silaa tokko ta’uun hawwii osoo hin taane dirqama qabsichaa waan ta’uufi. Garaagarummaa xixiqqoo isaan jidduu jiran sababa godhatanii gara garatti bibixxilamanii jiraachuun isaaniifuu qaanii akka ta’e waan hubatan natti hin fakkaatu.

Dhumarratti, waliigalteen, tokkummaa fi/ykn tumsi jaarmayoota Oromoo qabsoo saba kanaatiif akkasumas egeree keenyafillee – egeree Oromiyaatiif baay’ee murteessaa akka ta’e hunduu hubachuu qabu. Dhimmi kun akka laayyootti laalamuu hin qabu. “Amma naaf ife jedhe ballaan ibiddaan mana gubee” jedhee makmaaka Oromoon. Maaliif waanan makmaaksa kana kaaseef sababan qaba; barreeffama kutaa torbaffaa keessatti haa laallu.

Hanga walitti deebinutti nagaatti.

Ulfaadhaa!

 

Barreessaa qonnamuu yoo barbaaddan: cilaaloo@hotmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Endless killing horror in Ethiopia

By: Asress Mulugeta The track record of the minority dominated Ethiopian government in the last …

Yaada kanaaf deebisaa kenni