Oduu Haaraya

Uummanni Oromoo kan du’aa fi hidhamaa jiruuf wantoota torbaafi:

Yaadachiisa: Oromoota Hundaaf!
***************************************

Uummanni Oromoo kan du’aa fi hidhamaa jiruuf wantoota torbaafi:

1. Oromoon biyya isaa irratti ( Finfinne fi magaalota Oromiyaa keessa jiran hundumaa dabalatee) abbaa biyyaa ta’ee ofiin of buluchuu fi bittaa alagaa jalaa bahuudhaafi.

2. . Qabeenya isaa, lafa isaa dabalatee, gulummeeffachuu fi lafa haga ammaa hatameef qabeenya haga ammaa saamame deebifachuudhaafi.

3. Afaan Oromoo afaan hajjaa federaalaa ta’ee sadarkaa naannootittis ta’ee, sadarkaa biyyoolessaatitti afaan ofiiti fi ijjoollee isaatiin buluudhaafi.

4. Sirni fi seerri sadarkaa Oromiyaatii fi biyyoolessaatitti ijaaramu kan Oromoodhaan ijaaramuu fi, kan Oromoodhaan gaggeeffamuu fi, kan Oromoo fayyadu akka ta’u godhuu fi. (Kanaan booda, Oromoon aangoon kan alagaadhaan kennamuuf otoo hintaane burqaa aangoo ta’ee kan alagaadhaafuu aangoo hiru ta’uu qaba.)

5. Mirgoota eenyummaa saboota biroo kan biyya san keessa jiran kabachiisu fi isaanis dhugaadhaan hiriirsuu kan danda’u Oromoo ta’uu hubatee, sirna federaalaawaa kan dhugaa biyya san keesatti ijaaruudhaafi.

6. Yoo sirna federaalaa kan dhugaa ijaarree walfaana jiraachuudhaaf sabni kuun hawwii fi fedhii kan hin qabne ta’e, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoo kabachisuudhaafi.

7. Hidhamtoonni siyaasaa hundi hatattamaan akka hiikaman, Oromoota gara-jabeenyaan ajjeefamaniif gumaan bahee, warri ajjeechaa san raawwatan seerattii akka dhihaatan taasisuufi.

Warri akka dhaabaatittis ta’ee akka dhuunfaatitti warraaqxan wanni hojjettanii fi wanni jettan kaayyoowwan kana bakkaan gahuuf akka ta’e hin dagatiinaa!
#OromoProtests #EthiopiaProtests #AmharaProtests

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …