Oduu Haaraya

Ummanni oromoo eeboo Abbaan Duulaa fi waahiloonni isaa ittiin waraanan ofirraa buqqisaa jiru

Baarentuu Gadaa Irraa

 

Erga wayyaaneen uummata Oromoo weerartee waggaan 26 darbeera. OPDOn har’a  fakkeessiif akka waan aantummaa uummata Oromoo qabduu qabaa gadi na dhiisaa jechaa jirtus erga Wayyaaneedhaan uummata Oromoorratti ijaarmtee waggoonni 27 darbaniiru.  Dhaabni tun guyyaa gaafa ijaaramteerraa kaatee dirqama Wayyaaneerraa fudhatteen uummata Oromoo  keessumaa qaroo ilmaan isaati bobbaate yakkoota lakkoofsa hin qabne raawwachaa turuu fi jiraachunis beekamaadha!. Dhaabni yakkamtuun maqaa uummata Oromootiin daldalaa turtee fi jirtu tun gaafa ijaaramturraa kaatee dirqama Oromoo gabroomsuu, saamuu kan dide ammoo ajjeesuu, hidhuu,dararuu fi biyyaa godaansisuu itti kennitee kan bobbaafte booji’amtoota waraana dargii turan kanneen akka Abbaa Duulaa fi waayiloota isaa ti.

Abbaan Duulaa waayiloota isaa kanneen akka Kumaa Dammaqsaa, Dagifee Bulaa, Suleeymaan Daddafoo, Baacaa Dabalee,Alamisheet Dagifee,Ittafaa Tolaa fi kanneen biroo waliin ta’uun waggoota 26n darban  wayyaaneef ergamaa dhugaa ta’ee dalageera. Booji’amaan kun booji’amtoota  waayiloota isaa dabalatee ergamtoota  biroo  kanneen  Oromoo  saamanii deegsuu,hidhanii hiisisuu, ajjeesanii ajjeechisiisu irratti isaan gargaaran  dabalachuun  waggoota 26n darbaniif uummata Oromoo goolaa tureera.

Lammaa Magrsaa, Abiyyi Ahimad , Warqineh Gabayyoo, Dammallaasha Gabramikaa’eel, Alamaayyoo Taganuu, Dammaituu Hambisaa, Asteer Maammoo  fi kan fafakkaatan  kanneen waggoota 26n darbaniif Booji’amtoota akka Abbaa Duulaa Gammadaa fi Kumaa Dammaqsaatti makamanii ummata Oromoo madeessaa turan keessaa muraasa ta’uu uummanni Oromoo quba qaba. Jarreen kun  keesumaa yeroo ammaa kana  yakki isaan  Wayyaanee waliin ta’uun uummata Oromoorratti raawwachaa jiran yakka waggoota 26n itti turaniif ragaa guddaa fi argisiiftuu dha. Har’a  yoo waraanni Wayyaaneen leenjiftee hidhachiiftee uummata Oromootti bobbaafte Aga’aazii fi Liyyuu hayiliin Sumaalee ajjeechaa sukanneessaa fi jumulaa raawwatu, yoo Oromoo kuma dhibba 6 ol qayee fi qabeenyarraa buqqisu, dhibbootaan ajjeesuu fi kumootaan madeessu karaa miidiyaa adda addaa as bahanii holola gaggeessuu malee wanti isaan  miidhaa Oromoorra gahe kana dachaasuuf qabatamaan fudhatan hin jiru. ergama wayyaaneerraa fudhataniin kan aantummaa Oromoo qaban fakkeessanii haa hololan malee dhiiga Oromoo dhanagalahe, qabeenya Oromoo mancaheef itti gaafatamtuu kan taate wayyaaneedhaan yoo waa jedhan hin muldhannees, hin dhagahamnes.

Kan isaan yeroo ammaa itti jiran maqaa uummata waraana wayyeen bobbaafte liyyuu hayilii sumaalee kanaan horii funaanuudha. Holola fakkeessii gaggeessuun bara bittaa fi saamichaa Oromoorratti dheereessuuf tattaaffachuudha. Isa kana ammoo kanneen dursan keessaa tokko, booji’amticha abbaa Duulaa Gammadaa fi ergamtoota dhahaata dhaaba jalee kanatti makaman kanneen akka Lammaa Magarsaa, Abiyyi Ahimad,  Addisuu Araggaa  fi Warqinaa Gabayyoo fe’i.

Eeyyee fakkeessitoonni maqaaf dhaaba Oromoo OPDO jedhamuu ijaarre  jedhanii  ittiin of waaman kunneen  eenyummaan isaanii yoo saaqamee ilaalame  wayyaanee ta’uun eenyufuu ifaadha. Jarreen kun waan amma uummata Oromoorratti wayyaaneedhaan raawwataa jiru kana akka waan haaraatti amma arganii fi dhagahanii of fakkeessuuf yaalanis isaawuu diraamaa siyaasaa wayyaaneen shaakalchiifteen warruma waggaa 26n darbaniif ummata Oromoo ficisisiaa turan ta’uu Oromoon tolchee beeka.  Waggoota 26n darbaniif akka  dhaaba Oromoo hin ajjeessinitt, akka Oromoo saamanii hin saamsisiniitti, akka waan  Oromoo hidhanii hin hisiisinitti of muldhisuuf yaalanis Oromoon ragaa waliin isaan beeka.

Booji’amtoonniii fi ergamtoonni dhahaata dhaaba ergamtuu wayyaanee taate OPDOtti makaman kunneen Keessumaa Lammaa Magarsaa, Addisuu Araggaa fi Abiyyi Ahamad nama aantummaa uummata Oromoo qabu fakkaatanii  hololli gaggeessaa jiran  addatti ammoo Diraamaan abbaan Duulaa  tibba kana itti jiru  diraamaa dhama hin qabne, diraamaa fokkisaa dha.  Diraamaan kun mammaaksuma “Bineensi biyya hin beekne dhaqee itillee naaf afaa jedhe” isa  jedhan san fakkaata, akkasumasi.  Abbaan Duulaa  meeshaa Wayyaaneedhaan tolfameedha. Meeshaa kanatti kan dhimma bahaa  turee fi jiru ammoo abbaadhuma tolfateedha. Kan waggoota 26n darbaniif argines kanuma. Abbaa Duulaa Qofa osoo hin ta’inis  Waayiloonni isaa warri  dhaaba ergamtuu OPDO jedhamtu tana keessa turanii fi dhahaata itti irkatan akkasuma warra sammuu Wayyaaneetiin dalaguu dha.

 Tibba Darbe  Ergamtichi Abbaa Duulaa  Gammadaa jedhamu yoo karaa Tv fi Raadiyoo gadi bahee  holola haar’aa wayyaaneen qindeessitee itti kennite hololu dhageenyee agarree jirra.  Namni kun holola isaa kanaan “Ergan  aangoo qabuun  mirga Oromoo kabachiisuu hin dandeenyee aangoon irra jiru Afayaa’ummaan natti haa hafu, gadi dhiisee jira”.  Jedheera.  Ergamtichi kun “afyaa’ummaa koon gadi dhiisa malee OPDO dhaaboo koo gadi hin dhiisu, hojiilee dhaabni  kiyya natti kenne nan hojjedha” jedheerasi. Eeyyee nama  holola Abbaa duulaa kana irra isaa qofa ilaaluu fi yakka  Abbaan Duulaa fi Dhaabni isaa OPDOn waggoota 26n darbaniif uummata Oromoo irratti keessumaa ilmaan isaa sabboontotarratti Wayyaanee waliin ta’ee dalage quba hin qabne  “namni kun  aantummaa uummataa waan qabuuf kunoo aangoo guddaa qabu gadi dhiise” jechuu mala. Dubbiin garuu akkasii miti, diraamaa  

Wayyaaneen qindeessite dalagaa jira. Fakkeessuuf odeesse malee haangorraa bu’uufis hin  jiru.! Kan amma ammatti muldhachaa jirus kanuma!

Abbaan Duulaa diraamaa baayyee fokkisaa ta’e dalagaa jira.  Diraamaa  akkanaa ammoo nama waa hubatuu mitii  daa’ima  harma hin gu’inilleen ittiin  moogsuun hin danda’amu. Duraan dursa abbaan duulaa eenyu  kan jedhuuf uummata Oromoo qofaafii mitii uummattoota impaayeerittii keessa jiran maraafuu ifa waan ta’eef ibsa dabalataa hin barbaadu. Abbaan Duulaa ergamaa Wayyaaneen dhaaba OPDO jedhan bixxiltee itti kenniteedha. Namni kun ammoo  aantummaa Wayyaanee malee gongumaa aantummaa Oromoos ta’e aantummaa uummata kamiituu hin qabu. Namni kun nama uummata Oromoo fixaa fi ficisisaa, saamaa fi saamsisaa tureedha. Kan biraa haa hafuutii yoo tibba kana wayyaaneen  “Mana marii nageenya biyyooleessaa” /National security council/  jettee wayyaaneen murna maqaa nageenyaatiin duula uummata Oromoorratti bane ajjeechaa raawwatu hundeessitu  Abbaa duulaas ta’ee qondaaloonni OPDO kanneen akka Lammaa Magarsaa fi waayiloonni isaa harka dhahanii fudhataniiru.

Namni waggoota 26f hogganaa OPDO, Pireezidaantii naannoo Oromiyaa, minsteera Ittis biyyaa, Afyaa’ii mana marii yeroo 2f  ta’ee tajaajjilaa ture  kun har’a ka’ee yoo ani quuqamaa uummata Oromooti, isaaf jecha kunoo aangoo tokkoo gadi dhiise jedhu kan amanu eenyu..? diraamaan akkanaas of gowwoomsuu yoo ta’e malee eenyuyyuu gama kanaan gowwoomsuun hin danda’amu.

Odoo Abbaan Duulaa jiruu Oromoon waggoota 26n darbaniif Aga’aaziin dhumaa ture, sabboontonni  Oromoos tika Wayyaaneetin ija isaa duratti dararamaa fi  mana hidhaatti guuramaa turan. Namni kun Yoo ilmaan Oromoo waggaa 26 guutuu ija isaa duratti maqaa ABOn dhuman eessa ture..? Har’a maaltu dhalateetiree kan namni yakkamaan Wayyaanee waliin waggaa 26 guutuu Oromoorratti yakka hojjetaa ture kun dulluma keessa ennaa soorama bahuuf jirutti hirriibarraa dammaqe..? Yoo Oromoon mirga isaa waan gaafate qofaaf shororkeessaadha jedamu inni aangorra hin turreeyyuu..? eeyyee tureera. Kanumarraa ka’uun kan amma Abbaan Duulaa itti jiru yoo danda’e diraamaa adda addaa dalagee Duula qabsoo Oromoo kallattii jijjiruti.  

Mee hayyee, Tole Abbaan Duulaa har’a hirriibaa dammaqe haa jennu. Ykn  wanta liyyuu hayiliin uummata Oromoorratti raawwataa jirutu aarsee dammaqse haa jennu. Mee  aantummaa uummata Oromoo waan qabuufis  jennee humnumaan haa amannu. Kana amannee kaanee namni kun dhuguma yoo qulqullummaan wantoota tarreeffaman kanaaf jedhee Af-yaa’ummaa mana marii uummataa ykn paarlaamaa gadi dhiise,  yoo dhuguma Oromoof nahe, Yoo onnee qabaate maaf  miseensoota OPDO hunda amansiisee mootummaa feederaalaa kan wayyaaneen gaggeeffamu, kan ummata Oromootti waraana bobbaasee ficisiisaa jiru san keessaa gutumatti  dhaaba isaa fudhatee hin bane. Kana hin dandeenye yoo jedhame ammoo maaf  aangoo qabuu hundumaa gadi dhiisee, OPDOyos gadi lakkisee hin bane ykn maaf yakkaa fi shira Oromoorratti  waggoota 26n darbaniif  Wayyaanees ta’e OPDOn  uummata Oromoorratti raawwachaa turan adabaabaayitti baasee himee ykn saaxilee Oromoo dhiifama hin gaafanne….?   Inni  garuu kana godhuu hin feene, kaayyoo isaas miti.  Inumaawuu  yoo dubbatu kan dhageenye “dhaaba koo OPDOn akka cimuun hojjedha”  yoo jedhuudha.  Kun maal jechuudha jennee yoo salphumatti ilaalle  OPDO uummata Oromoorratti cimsuun Wayyaanee cimsuudha, maaliif jennaan Wayyaaneen OPDO kan ijaarteef dantaa Oromoof osoo hin taane dhimmi ishiitiifi. OPDO qabattees waggoota 26n darbaniif Oromoo saamaa, ajjeesaa, hidhaa fi biyyaa godaansisaa turteetti.  Kanumarraa ka’uun namani kun Diraamaa  haaraa wayyaaneen qindeessiteef, kan bor-iftaan adeemsa keessa agarru hojechaa jira malee dhuguma miidhaan Uummata Oromoo itti dhagahameetii miti. Aangoon inni gadi dhiise hin jiru. Namni kun  duraanis  lakkoofsaaf maqaa Oromootiin achii taa’ee haa daladalu malee aangoo mirga Oromoof dhaabbatu harkaa hin qabu. Kanarraa ka’uun Abbaan Duulaa achirraa

ka’ees dhiisees qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti waan dabalus waan hirrisus hin qabu.

Oromoon osoo Abbaan duulaa Fi waayiloonni isaa maqaaf aangoo  gurguddaa qabatanii addawaawii ykn IHDG keessa taa’anuu, keessumaa Osoo Abbaan Duulaa waraana Wayyaaneetti karaa argisiisee  hidhaa jjeechaa, saamicha raawwachaa jiruu qabsoo isaa FXG  finiinsee sadarkaa har’a irra jiru kanarraan gahe. Oromoon fuunduraafis Abbaa Duulaas ta’e fakkaattoota akka isaa  ergamtoota OPDO ofiin jedhan kanneen akka Lammaa Magarsaa, Abiyyi Ahimadii fi kannene biroorraa daboon  bilisummaa isaaf eeggatu hin jiru. Hololli isaan gaggeessaa jiranis qabsoo Oromoo gongumaa gufachiisuu, ykn duubatti deebisuu hin danda’u. Har’a  Oromoon alaa manaa  bilisummaa isaaf  ka’eera. Eeboo Abbaan Duulaa fi waayiloonni isaa wayyaanee waliin ta’anii Ittiin waraanan Ofirraa buqqisaa jira. Kun jabaatee itti fufuu qaba. Eeyyee Oromoon holola diinaaf osoo gurra hin kenniin qabsoo isaa, qabsoo bilisummaa cimsee itti fufuu qaba. kan faayidaa qabuu fi galmaan nama gahus isa kana malee holola  fakkeessii diinni dhiphuurraa ka’ee hololuu miti.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …