Oduu Haaraya

Utuun karaa deemuu mogoleen nabuutee…

Birkii Burqaa Kaleessaa

Aduufi dadhabbiin afuura nafuutee,, na laaffiftee jennaan gaaddisatti gore. Kan olsiinii hin qabne yaa mana uumamaa,, yoo jala bulanii olaanis yaa jamaa,, adaa nama nuffuu hin qabuum matumaa,, jedhee itti goreen taa’ee gaaddisasaa,,, dugdaakoo adeemsaaf hojiin na butuche, itti hirkifadheen afuura fudhadhe,, akkan bakkee jiruu achumaan dagadhee,, dadhabbiikoo jala mugaatiin dahattee,, nafuutee sokkite suuta nasossobdee.

Jireenya injifachuuf carraaquun dirqama,, anis bariin ka’een akka ilma namaa,, qoodakoo barbaachaaf roora’ee raafama,, kan hireen naaf qoodde hanga humnakootii,, ifaajee coradhee qabadhee harkatti,, anaa galuuf deemuu na qabde karaatti,, yaannikoo isheen hamtuun yoom haftee manatti??

Anaa aara galfiif muka jala taa’uu,, abjuumoo BIRZAAZA waansaallee hin beeku,, nafudhatee sokke anoo of hin beekuu… Geessee na dhiheessee waltajjii isaatti,, of qeeqi naan jedhe nutoo si beeknaatii,, utuu hin hambisin waa’ee gochaakeetii,, maaliif nukomatta ofiikeen of miitee,, yaadatu naguba jettee na hamattee,, maqaakoo hadheessuu hin wayyuu yoo dhiiftee ??

Jedhee na doorsisee nattillee bookkisee,, murtii natti kennee of eegi yoo feete,, siif wayyaa sii achi yoo hamiikoo dhiifte,, dinnaan kana caalaan si hidda jabeessee,, jechuun na doorsisee baasee nageggeesse. Mixiinis qoodashee barbaaddachuu qabdi,, ciiniintee baattattee ilkaan irraa qabdi,, bakka manasheetii lixuudhaaf boollashee,, yaroo as adeemtu anaaf karaa dhabdee,, galaa ilkaanirraa qabdu lafakeessee,, nacineeti egaa gugda qarxam gootee,, yoonni dammaquudha batee ala bullaa ??

Nan jette fakkaataa dubbiinkun dhuguma,, ciiniintee nakaaftee yaada kankoo keessaa,, manasheetti galuuf falmachuun dirqama,, karaa ittiin gahuuf yaroon achii ka’u,, aduun qaariteetti galuudhaaf manatti,, dachaa qabatteetti isheenis maaf teessi,, fiixee tulluu WALAL Akka waan dhungattuu,, morma irra keesseetti yarottiin mil’adhu.anis achii ka’een qabadhe karaakoo,, yaadakoo kamachaa isadhaam diinnikoo.

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …