Oduu Haaraya

Ummanni Oromoo mirga isaa kamiyyuu kabajsiifachuuf qaama biroo irraa hayyama tolaa eeggachuu hin qabu. Hireen isaa harka isaa jira.

 

Finfinnees ta’ee magaalota gurguddoo Oromiyaa bifa Oromoo uffisuuf jalqaba ummanni Oromoo gahee isaa bahuu qaba. Dhaloonni ammaa gahee isaa yoo sirritti bahate magaalota Oromiyaa kan Oromoo godhuun salphaadha. Gaafas Finfinneenis ‘Riitimii’ magaalota naannawa ishee jiraniitiin ragaduun ishee hin hafu. Waan ta’eef ati dargaggoon Oromoo magaalota Oromiyaa karaa naamusa qabeessa ta’een Eenyummaa Oromoo irratti deebisii ijaari. Seenaa fi Afaan keetiif kabajaa kennuudhaan warri biroos akka kabajan karaa nagayaatiin dirqisiisi. Akkamiin? Na hordofi!
__
1. Ammarraa jalqabee Oromiyaa keessatti waldaalee daldalaa Afaan kee kabajamaa kanaan tajaajila siif hin kennine itti fayyadamuu dhiisuudhaan mormii kee itti argisiisi. Manneen Nyaataa, Manneen Dhugaatii, Isteeshinarii, Manneen gurgurtaa Uffataa, Dhiheessitoota meeshaalee ijaarsaa (construction) fi kanneen biroos tajaajiloota isaanii Afaan beektuun yoo siif hin kennine tajaajila isaaniitti hin haajamin. Afaan warra biroo immoo baradhu. Si fayyada. Tajaajiloota kee bal’inaan qaqqabsiisuuf si gargaara. Kanneen tajaajila siif kennuu barbaadan immoo Afaan keetiin si keessummeessuun dirqama ta’a. Yeroo ati kana gootu dhaabbileen ammayyaa’oon Afaanii fi Eenyummaa warra biroo kabajan hoj-maata isaanii jijjiiranii daldala isaanii itti fufu. Dhaabbileen boodatti hafoon haaluma duraanii sana itti fufsiisuu barbaadan immoo addunyaa daldalaa keessatti dorgomuu dadhabanii ofumaaf cufamuun dhaabbilee afaan keetiin tajaajila siif laataniin bakka bu’u. Kanaaniis Obboleewwan kee kan moggatti dhiibamaa turan carraa hojii ni argatu. Humnaan dirqisiisanii eenyummaa irratti fe’uun ykn manaa fi qabeenya isaanii irraa buqqaasuun furmaata hin ta’u. Garuu Eenyummaa kee kabajuudhaan akka kabajan dirqisiisuu ni dandeessa. Dabalataanis Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka ta’u yeroo gaafattu “Magaalotuma Oromiyaa keessattuu afaan daldalaa ta’uun kan tajaajilaa jiru afaan Amaaraati” mormii jedhu warra siitti dhiheessan ofirraa qolachuufis kanaan ala filannoo biraa hin qabdu.
__
2. Hojii muuziqaa artiistoota Oromoo irraa bituudhaan artistoota deeggaruun dirqama keeti. Artistoonni Oromoo ummata Oromootiin ala maal qabu? Warra Oromoo hin tahin kan hojii muuziqaa Afaan Oromoo bitan meeqa beektu? Oromoonni hojii Afaan Oromoo hin tahin bitan hoo hangami? Artiistoota keessan kabajaatii kabachiisaa. Seenaa, Aadaa, Duudhaa fi Eenyummaa keessan hojii muuziqaatiin warri leellisu isaani. Haguma isin deeggarsa gootaniif takka isaaniis hojii fooyyaa’aa qabatanii dhiyaatu. Jireenya artistoota Oromoo jireenya artiistoota Burundii fi Ruwaandaa kan baay’ina ummataa miliyoona 8-10 qabanii waliin walbira qabaa ilaalaa. Garaagarummaan isaa dachii fi samiidha. Inumaa fagoo hin dhaqinaa weellistoota Tigriffaa fi Guraagiffaa weelliistoota Afaan Oromoo kan hordoftoota miiliyoona 40 qabanii waliin mee wal bira qabaa. Garaagarummaa guddaatu jira. Maaliif? Artistota kee ati waan hin kabajneefi. Kuni immoo artistoota hojii Filmii fi Tiyaatiraa irratti bobba’anis ni hammata.
__

3. Kitaaboota Afaan Oromootiin barreeffaman bituudhaan yaada isaa irratti mari’adhaa. Qeeqas waliif kennuudhaan damee maxxansaa kanas guddisaa. Barreessitootaa fi Walaleessitoota dargaggeeyyii jajjabeessaa. Bu’urri har’a kaa’amu dargaggoota kumaatamaan lafaa dhufaa jiraniif boru daandii saaqa.

Na Amani kabajaa Ofiif kennuudhaan ni injifatta!

Via: Hamza Mohammed.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AJJEECHAAN UUMMATA OROMOO YOOM DHAABBATA?

    Berhanu Hundee   Akkuma hunduu beeku, jijjiirama har’a biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti …

Yaada kanaaf deebisaa kenni