Oduu Haaraya

TOOPHIYAA TOKKOOMSINAAN OSOO DHUGAA TAHEE,…!!

Ferhan Abdulselam 

Itoophiyaa tokkoomsinaan, hogguu nutti fayyadamuun
Aadaaf Afaan keessan malee, kan keenya dhabamsiisuun
Gabra nu godhattanii, ormatti nu gurgurachuun
Kan san dide ajjeechaan, haala mijeeffachuun
Mi’aa gabroonfachuu, hedduu dhandhamtanii
Jaarraa 21ffaa keessas, obsuu dadhabdanii
Abjuu akkanaatiin, ammas deddeemtanii?

Akka Itoophiyummaan, isiniif bu’aa buuftetti
Ummata keenya immoo, lafarraa haaxooftee jirti
Akkuma seenaan keessan, garummaa Itoophiyaa himutti
Kan keenya immoo, miidhaa nurraan gahe hima nutti

Osoo dhugaa tahee Itoophiyaa tokkoomsuuni
Harma dubartii murtuu, garaa jabaattanii?
Harka dhiiraa kuttuu, dura dhaabbattanii?
Nama kuma 70 yeroo takkatti ajjeeftanii?
Dhiiga Oromoo akka lolaatti yaaftanii?
Milyoona 10′rraa 5′tti nu deebiftanii?
lafa teenya qabachuuf turee, nu fixxanii
maaliif sobdu ree “Le Andinet” jettanii?
Takkaa hin argamne diinni akka keessanii
kan rifaatuu hin qabne, bineensa caaltanii

Waan isin nu gootan, kunoo addunyaa ragaa
‘New York Times’ gaabaase, waggaa 139 duraa
waa hedduu maxxansee, xiqqon sii tuqa irraa

“Dubri Abisiiniyaa akka malee babbareedanii
hedduu nama hawwatan, ijaa fi dhaabbiin isaanii
Biyya Gaallaa irraa fidaman saamamanii
Biyya qabeenyaan badhaatuu, biyya babbareedoowwanii
Diinni isaan moo’atee, harka diinaatti kufanii
Dubra isaanii gabaa “Gallabaat” geessanii
Daldaltoota garbaa,kan Arabaatti gurguranii
Dubra amala gaarii, waliin jireenya beeytu
Tan amanamoo taate, Afrikoota biroo caaltu
Namoonni baayyeen isaan bitachuu barbaadu
Sababa kanaaf gatiin isaanii olkaatuu
Yeroo dubri biroo ‘Pound’ kudhan baaftu
Dubri tunniin ‘Pound’ kudha shanitti kan gurguramtu
Abisiiniyaarraa dhufti haa jedhamu malee
Hanga ammaatti tan biraa hin garre Gaallaa malee
Osoo Abisiiniyaa tahanii Kiristaana tahuu malee
Garuu cufti Kiristaanaa miti tan nuti agarre”

August 2, bara 1874′tti New York Times gaabaase
Hin sehinaa waan ani lafaa kaasee walaleesse

Gaafa calii Calanqoo, harma muraa Aanolee
Harka muraa aabbolee, yaadadhu gullallee
Lagadhu ‘Teddy Afro’, hin dhugin baddallee!!!

Ferhan Abdulselam London, UK irraa

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …