Oduu Haaraya

Tattaaffiilee MM Dr Abiyyi fi Qormaattota Gurguddoo isa eeggatan

Tattaaffiilee MM Dr Abiyyi fi Qormaattota Gurguddoo isa eeggatan

 

Berhanu Hundee

Kutaa Lammaffaa

Muummichi Ministeeraa (MM), Dr Abiyyi hogganaa kallattidhaan uummataan filatame ta’uu baatullee, garuu yeroo gabaabaa keessatti jaalala uummataa akka horate; tattaaffiilee inni godhaa ture fi akkasumas bu’aalee fi/ykn jijjiirama bulchinsa isaa jalatti argaman tokko tokko barreeffama kutaa tokkoffaa keessatti ka’anii jiru. Tattaaffiileen MM hanga har’aatti godhaa ture kan dinqisiifataman ta’anillee, rakkoolee biyyattii tanaa furuuf; qormaattota ciccimootu isa eeggataa jiru. Rakkooleen biyyattii tanaa bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa ol hidda baasanii waan as gahaniif, dhugumatti baay’ee walxaxaa dha. Biyya akkanaa tana keessatti furmaata hundaafuu ta’u argachuun baay’ee rakkisaa dha. Barreeffama kana keessatti rakkoolee biyyattii tanaa hamma tokko kaaseen yaada kiyya irratti kennuu yaala.

Itoophiyaa ayidoolojii fi fedhiin adda addaa keessatti calaqqisamu tana keessatti furmaatni waloo argamuu ni danda’aa?

Biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun biyya sabaa fi sab-lammoota adda addaa kan Aadaan, Afaan, Seenaa fi Amantiin gara garaa keessatti mul’atan qofaa osoo hin taane, ijaarsa ishiitiin walqabatee biyya kaayyoo fi galiin siyaasaa akkasumas ayidoolojii fi fedhiin adda addaa keessatti calaqqisanii dha. Dabalataan immoo, Mootummoota Habashootaa dhufaa dabraniin biyyattiin tun ukkaamamtee humnaan bitamaa waan as geesseef, mana hidhaa sabootaa (prisons house of nations) jedhamtee yaamamti. Osoo sirni siyaasaa fi bulchinsaa diimookraatawa ta’ee fi walqixxummaan jiraatee, sabootni fi sab-lammootni eenyummaa adda addaa qaban nagaa fi jaalalaan waliin jiraachuun rakkisaa hin ta’u.

Haa ta’u malee, biyya humnaan ijaaramtee, qawweedhaan bitamaa as geese; biyya olaantummaan saba tokkoo keessatti calaqqisaa ture; biyya lubbuun lammiilee meeqaa keessatti dabre fi dhiigni dhangala’e; kan har’allee hin dhaabbatin tana keessatti, madaan hundaatuu fayyee; gaafiileen uummata deebii argatee; biyya hundaafuu haadha takka taatu ijaaruun baay’ee rakkisaa qofaa osoo hin taane waanuma danda’amuu hin fakkaatu. Fedhii fii tattaaffiin MM Dr Abiyyi biyya akkanaa tana tokko godhee jiraachisuu dha jedheen yaada. Gaafii guddaan asirratti ka’u garuu Akkamitti biyya tana tokko godhuun danda’ama? kan jedhu ta’a. Qormaata guddaa kanatu MM fi bulchinsa isaa eeggataa jira.

Garaagarummaa siyaasaa fi ayidoolojii

Akkuman barreeffama kutaa tokkoffaa keessatti ibsuu yaale, waayeen Minilikuu biyyattii tana bakkee lamatti waan baase fakkaata. Warri kaabaa Minilik akka gootaatti yoo faarsan; warra kibbaatiif inni garuu kan seenaan hin daganne diina hamaa ture. Warri kaabaa badii Minilik warra kibbaarratti raawwate sana amananii fudhatanii hanga araarri hin buunetti, madaan warra kibbaa kun tuttuqamaatuma jiraata. Kan nama gaddissiu garuu humnootni warra kaabaa tokko tokko waan Minilik godhe sana amananii fudhachuun hafee; siriidhaa sirni dulloomaan dur sun akka deebi’ee dhufu hawwu. Seenaa fokkataa sana faarsuudhaan madaa uummattooa warra kibbaa tuttuqaa jiru. Humnoota kana, kan mirga hiree murteeffannaa uummattootaa, sabootaa fi sab-lammootaa ukkaamsuuf,waan heera biyyattii tanaa keessatti lafa kaa’amee jiru Keeyyatni 39 akka haqamu kan barbaadan.

Keeyyatni 39 haqamuuf deema moo maal ta’a?

Warri isa kanaan morman sababuma fedhes dhiyeessan; hanguma fedhes jibban, keeyyatni kun waan qoosaan barreeffamee miti. Kuni injifannoo qabsoo bilisummaa sabootaa ti. Injifannoo kana balleessuun waanuma hin danda’amnee dha jedheen amana. Mirgi hiree murteeffannaa uummattoota waanuma Addunyaarratti fudhatama qabuu dha. Kun Itoophiyaaf addatti hin uumamne. Kanaafuu kabajamuun isaa dirqama ta’a. Warumti keeyyata kanaan mormanuu, inni kun mirga uumaa akka ta’e ni beeku garuu wanti isaan keeyyata kana balaalefataniif biyyattii tana gara diigamuutti geessuu danda’a jedhanii waan yaadaniif, keeyyatni kun akka haqamu gaafachaa jiru. Akkuma “Abjuu sodaatanii hirriiba hin dhiisan” jedhamu, biyyattii tana diiguu danda’a jedhanii keeyyatni kun akka haqamu taasisuun rakkoo biraa uumuu ta’a malee furmaata hin ta’u. Keeyyatni kun jiraatus jiraachuu baatus, yoo gaafiin uummata deebii hin arganne, diigamuu biyyattii tanaatti geessuun waan hin oollee bar!!

Sirni Federaalaa amma jiru kun fooyya’ee, diimookraata’ee ittifufama moo ni jijjiirama?

Warri keeyyata 39n morman, keeyyata kana akka addaatti laalaniiti malee, sirni Federaalaa kan naannoleerratti hundaaye kunis isaan hin gammachiisne. Isa kanaanis mormaa fi balaaleffataa jiru. Jaalatanis jibbanis, fudhatanis dhiisanis, inni kunis dhiiga fi lafee ilmaan saboota cunqurfamaniitiin argame. Kunis injifannoolee argaman keessaa isa guddaa fi hangafa dha. Keessumaayuu injifannoolee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) argamsiise keessaa kun isa guddaa dha. Oromiyaan kaartaarratti mul’achuu fi beekamuu kan dandeesse sirni kun ijaaramnaani. Isa kana Wayyaaneetu isiniif ijaare jechaa akka Habshootni waayee Oromoo gadi xiqqeessuu fi busheessuuf odeessan osoo hin taane, kuni bu’a QBO kan ABOdhaan hogganamu argamsiisee dha. Kanaafuu, sirni Federaalaa amma jiru kun caalaatti diimookraata’ee fooyya’a malee diigamuun gonkumaa waan hin danda’amnee dha.

Gaafiin biyyoolessaa Oromoo deebii argachuu danda’aa, akkamitti?

Inni kuni gaafiilee ciccimoo MM Dr Abiyyi tti qormaata guddaa ta’an keessaa isa tokkoo fi hangafa dha. Akka amma hubatamaa jirutti Dr Abiyyi gaafii Oromoo deebisuun hafee waan Oromummaa fi Sabboonummaarraa achi fagaatee deemu fakkaata. Waanuma ta’eefuu eeguun gaarii dha. Muddamanii waa jechuun gaarii miti. Kan ta’es ta’u, Dr Abiyyi rakkoo cimaa kana jalaa miliquu yaala moo gaafiin kun akka deebii argatu taasia? Yoo kana godhuu dhiise hireen isaa maal ta’uuf deema? Uummatni Oromoo keessumaayuu immoo Qeerroon kan sadrkaa kanaan isa gahan yoo fuula irraa gargalfatan maal ta’uuf deema? fi gaafilee biroo barreeffama kutaa itti aanu keessatti qabadheen dhiyaadha.

Ittifufa

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

Ulfaadhaa

 

Berhanu Hundee

Kutaa Sadaffaa fi Xumuraa

Garaagarummaan siyaasaa fi ayidoolojii Itoophiyaa keessatti mul’atan; dhimmi Keeyyata 39; waayeen Sirna Federaalaa amma jiru fi dhimmoota ciccimoon bulchinsa Muummicha Minsteeraa (MM) Dr Abiyyi keessatti qormaattota ta’an hammi tokko barreeffama kutaa lammaffaa keessatti ibsamanii jiru. Barreeffama kutaa sadaffaa kana keessatti qormaata isa baay’ee cimaa fi hangafa kan ta’e Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi gaafii biyyolessaa Oromoo laalchisee dhimmoota tokko tokko kaaseen yaada koo ibsuu yaala. Gara dhimma har’a kaasuu barbaadutti osso hin seenin dura waan tokko jechuun barbaada.

Akkuma miidiyaalee adda addaarraa argamaa fi dhaga’amaa jirutti, Habashootni keessumaayuu warri sirnni durii dulloomaan sun akka deebi’u hawwan tibba kana baay’ee wacaa jiru. Sababni wacuu kuni immoo Kaantiibaa Finfinnee isa haaraa muudame laachisee yommuu ta’u, isa kanaan mormuuf bulchinsa Obboo Lammaa fi Dr Abiyyi komachaa, qeeqaa fi duulas irratti gaggeessaa waan jiran fakkaata. Isaan kun warra, yeroo Dr Abiyyi haasa’a isaa keessatti Minilik faarse gammadanii dhiichisaa turanii dha. Har’a garuu fedhiin isaanii guutamuu hafnaan fuula isaanii Dr Abiyyirraa garagalfatanii, bulchinsa isaa qeeqaa jiru. Egaa, kunoo qormaatni Dr Abiyyi eeggatu tokko isa kana waan ta’eef, asirraa jalqabaa jira jechuu dha.

Bulchinsa MM Dr Abiyyi keessatti gaafiin biyyoolessaa Oromoo akkamitti deebii argachuuf deema?

Gaafiin Oromoo matumti isaatuu maali? jennee yoo gaafii kaasne, hiika adda addaatu kennamaafii jira natti fakkaata. Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) gaafii kanaaf yoo hiika kennu: sabni ykn uummatni Oromoo waraana Minilikiin humnaan weeraramee, biyyi isaa waan irraa fudhatameef, kun gaafii kolonii ti jedha. ABOn hiika seenaa kanarratti  hundaa’ee, uummatani Oromoo akka bilisoomu fi Oromiyaanis walaboomtee mootummaa birmadummaa ishii akka dhaabbatuuf qabsootti seenee; isa kana galiin gahuuf qabsaa’aa jira. Asirratti, akka hubannoo kiyyaatitti, kun kaayyoo fi galii ABO ta’ee, wanti jaarmayichi kun irratti xiyyeeffatu garuu mirgi hiree murteeffannaa uummata Oromoo kabajamee; uummatni kun yoo bilisummaa argatee, hiree ofii murteeffachuu danda’e, akkamitti fi eenyu wajjin jiraachuu akka barbaadu kan filatu uummatichuma kana jedhee waan amanu natti fakkaata.

Jaarmayootni Oromoo kan biroo immoo gaafii Oromoo akka gaafii diimookraasii fi ofiin ofbulchuutti waan laalan fakkaatu. Dhimma kolonii jedhurratti ABO wajjin waan waliigalan hin fakkaatu. Asirratti yoon dogongora na sirreessuu danda’u. Kanaaf, mootummaa birmadummaa Oromiyaa dhaabbachuun barbaachisaa miti; Oromoon ofiin of bulchee (Self Rule), uummattoota fi saboota Itoophiyaa wajjin bulchinsa waloo (Shared Rule) uummatee jiraachuu ni danda’a waan jedhan natti fakkaatu. Asirratti kuni fedhii uummata bal’aa Oromoo yoo ta’e, ABOnis kanaan waan mormuu fi dura dhaabbatu natti hin fakkaatu. Kanaafuu, jaarmayoota Oromoo jidduutti rakkoonuu jiraachuu hin qabu ture. Hundi isaaniituu fedhii uummata bal’aa Oromootiif kan dhaabbatan yoo ta’e, waliin mormuu maaltu fide??

Gara gaafii isa mata dureerratti ka’etti yoo deebinu, OPDOn hoo gaafii Oromoo akkamitti laalti? Akkamitti hiika kennitiif? Gaafii kanarrtti jaarmayoota Oromoo hafan wajjin keessumaayuu ABO wajjin waliigaluu dandeessi? Obboo Lammaa fi Dr Abiyyi hoo isaanumtuu waan kana akkamitti laalu? Yoo hiika gaafii Oromoo kana amananii fudhatanii, deebii barbaachisu kennuu yaalan, Habashoota wajjin waldhabuu waan ta’uuf, humnoota lama jidduu galu jechuu dha. Lakkii Itoophiyummaan araada jedhanii gama sana kan goran yoo ta’e, uummata Oromootiin waldhabuu ta’a. Waldhabuu qofaa osoo hin taane, yoo gaafii Oromoo deebisuu dadhaban, seenaa Oromoo keessatti waan badaa hojjetanii dabruuf deemu jechuu dha. Kanaaf Oromummaa ykn Itoophiyummaa filachuun dirqama ta’a jechuu dha. Kun isaaniif qormaata cimaa dha.

Gaafiin Oromoo gaafii Abbaabiyyummaa ti

Bifuma kamiinuu haa ta’u, wanti jaarmayootni Oromoo hunduu irratti waliigaluu qabu jedhee amanu, abbaabiyyummaa Oromoo mirkaneessuu dha. Abbaabiyyummaan Oromoo garuu karaa adda addaatiin laalama. Kuun akka Oromiyaa walaba taate ijaaruutti laalu; kuun immoo Oromoon Itoophiyaa keessatti ofiin ofbulchuu danda’ee; lafa fi qabeenya isaarratti abbaa ta’uu yoo danda’e, abbaabiyyummaa isaa mirkaneeffate jechuu dha warri jedhan jiru. Gama biraatiin yoo laalamu garuu humnootni Itoophiyaa kan waayee kanaan morman hedduu dha. Isaan kun gabaabumatti warra hiree murteeffannaa uummattootaa, sabootaa fi sablammootaatti hin amanne; warra Keeyyata 39 haqsiisuu barbaadanii dha. Humnootni kun walumaagalatti warra QBO dhabamsiisuu fedhanii dha. Bulchinsi Obboo Lammaas ta’ee kan Dr Abiyyi humnoota walfaallessan kana lamaan jidduu waan jiruuf, fedhii hundaatu eeguun baay’ee rakkisaa isaanitti ta’a.

Dhimmi Finfinnee fi kan magaalota Oromiyaa akka Diree Dhawaa faa maal ta’uuf deema?

Oromiyaan walaba taatee mootummaa birmadummaa ijjaarrattus ta’ee Itoophiyaa keessatti biyya ofiin ofbulchitu taatus, karaa lamaaniinuu dhimmi Finfinnee fi kan akka Dirree dhawaa faa dhimmoota laayyootti furmaata argatanii miti. Keessumaayyuu dhimmi Finfinnee baay’ee murteessaa waan ta’eef, isa kanaaf furmaata xumuraa argamsiisuun bulchinsa Obboo Lammaas ta’ee kan Dr Abiyyiif qormaata guddaa dha. Amanamus amanamuu baatus, fudhatamus fudhatamuu baatus, Finfinneen qaama Oromiyaa qofaa osoo hin taane, handhuura ishii ti. Kanaafuu karaadhuma fedheenuu yoo ta’e, abbaabiyyummaan Oromoo mirkanoofnaan, Finfinneen haadha ishii Oromiyaatti deebi’uun dirqama ta’a. Haa ta’u malee, humnootni har’a Kaantiibaan ishii Oromoo ta’eef gamaa gamanaa wacan kun gaafa Finfinneen Oromiyaa jala galte maal ta’uuf deemu? Gaafiin kun Dr Abiyyiif qormaata cimaa dha.

Walumaagalati, gaafiilee fi dhimmoota rakkisaa ta’an tokko tokkon asitti kaase malee, rakkoolee hedduutu jiru. Gaafiin Oromoo gaafii laayyootti deebii argatuu miti. Gaafii wareegama ulfaataa kaffalchiise fi ammas kaffalchiisuuf deemuu dha. Furmaata xumuraa osoo hin barbaadin dura mooraa Oromoo keessattuu dhimma kanarratti sirriitti waliigalamuu qaba. Hiika isaarratti waliigalteen yoo hin jiraanne, galii isaarratti waliigaluun hin danda’amu. Oromoon maaliif qabsoo kana jalqabe? Eessa gahuu barbaada? Akkamitti bakka barbaadamu sana gahuun danda’ama? Walumaagalatti egereen keenya maal ta’uuf deema? fi gaafiileen walfakkaatan baay’eetu ka’uu danda’u. Gaafiilee kanaaf deebii waloo argachuun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dhas. Dhimma kana yeroo biraan itti deebi’a. Ammaaf garuu barreeffamni ani mata duree “Tattaaffiilee Dr Abiyyii fi qormaattota isa eeggatan” jedhu jalatti kutaa sadiin dhiyeese asirratti xumura.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa.

Ulfaadhaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

JUXTAPOSING DEMOCRACY WITH THE GADA SYSTEM OF THE OROMO PEOPLE Part VI

    By Odaa Hora   Where does Gada depart from Democracy? In the preceding …

Yaada kanaaf deebisaa kenni