Oduu Haaraya

Tartiiba Qubeelee Afaan Oromoo jijjiiruudhaan kufaatii qulqullina barnootaa dandamachiisuun hin danda’amu.

 

Barreessaan : Abonketi Fayissa
===========================================
Oromiyaa keessatti sababa qulqullinni barnootaa kufeef, barattootni sadarkaa tokkoffaa Afaan Oromoo dubbisuu fi barreessuu dadhaban; kanaaf immoo furmaatni barbaachisaan tartiiba qubee afaanichaa jijjiiruudha jetti egaa warri OPDO. Kufaatiin erga uumamee booda sababa sababa hin taane tarreessuun hin barbaachisu. Duraan dursa sababoota kufaatii qulqullina barnootaa kana dhugaatti addaan baasuutu barbaachisa. Ani barnoota sadarkaa tokkoffaa Afaan Oromootiinan baradhe. Ammas mana barnootaa Oromiyaa keessa jiru tokkottin barsiisaa ta’ee hojjetaa jira. Hanqina dandeettiin dubbisuu fi barreessuu barattoota manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran mudateera jedhamaa jiran kanaaf sababootni dhugaa ta’an hedduun (kanneen siyaasaan hanqaaqaman dabalatee) kanneen dur yeroo aniyyu baradhu irraa eegalanii hanga ammaatti akka aadaa manneen barnoota Oromiyaa hanga fakkaataniitti wal harkisanii deemaa jiran keessa muraasa isaanii mee walumaan haa ilaallu.

1) Manneen barnootaa hedduu (kanuma ani amma keessa jiru kana dabalateeyyu) barsiisonni saayinsii barnoota Afaan Oromoo sirriitti baratanii gahumsaan eebbifaman yommuu gara manneen barnootaatti ramadaman OPDO n akka diinatti ilaalti. Kunis jalqabbiin afaan keenya, Afaan Oromootiin barachuu gumaata ABO fi hayyootni Oromoo hedduun irratti wareegamanii dhiiga isaaniitiin nuuf kennan waan ta’eef (OPDO’n ofii isheetiif gootas hayyuus hin qabdu), barsiisota kana garee ABO’tti ramaduudhaan dhugaa jiru ilmaan Oromoo barsiisu jedhanii shakku. Kanaafuu, bakkoota hedduutti barsiisota ciccimoo ta’an Afaan Oromoo akka hin barsiisne hojiirraa ari’aa; kaan immoo gosa barnoota biroo akka barsiisan dirqamaan godhamaa ture, jiras. Afaan Oromoon egaa barsiisota ( waan daree barnootaa seenaniif qofa namoota maqaaf barsiisaa jedhamaniin) fi waan ofitti amanamuummaa hin qabneef qofa OPDO’f amanamoo ta’aniin barsiifama. Namni ofiifuu sirriitti barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye egaa afuura qulqulluu(?)tiin barataa eebbisee qulqullina barnootaa fidaaree?

2) Daree barnootaa tokko keessatti giddu-galeessaan barattoota 80 olitu barata. Kun immoo barsiisaan tokkichi/barsiistuu tokkittiin turtii wayitii tokkoo daqiiqaa 40-45 keessatti qabiyyee barnoota guyyuchaa barsiisee, hojii daree kennee, hanqina barattoota kanaa sirreessuudhaan guutuu mitiiti, maqaa isaanii hanga akaakayyuutti waamee fixuufiyyu ulfaataadha. Egaa barsiisuun akka qeesii habashaa bishaan facaasanii jamaa walitti qabame kana waliin gahuudhaaree?

3) Dhugaa dubbachuuf taanaan ofuma mataa koo irraa ka’ee yoon dubbadhe, ani barsiisaa ta’uuf hawwiis fedhiis hin qabun ture. Hiriyoonni koo hedduun amma waliin jirrus ta’e kanneen ani bakka biraatti beekus akkasuma. Garuu, biyya kana keessatti namni hunduu waan fedhii isaa barachuuf carraa waan hin arganneef barsiisummaa akka riqichaatti itti fayyadamee har’umaaf taatus mataa koo danda’ee jiraachaa gara biraatti ce’uuf qofan itti seene. Kanumaaf egaa barsiisaan hedduun yeroo ammaa kana kan inni barsiisummaa lagatee keessaa baqataa jiruuf. Ergan Oromiyaa keessatti barsiisaa ta’ee asis fedhii ijoolleen Oromoo waa beekuuf qabdu ilaalee dheebuu isaanii kana baasuuf hammamuu yoon carraaqe, bu’aa barbaachisaa buusee hin beeku. Namni waan fedhii fi jaalalaan hojjetu irratti bu’a-qabeessa ta’akaa!

4) Dareewwan barnootaa manneen barnootaa Oromiyaa keenyaas ta’an; kan Itoophiyaa martuu galma wal gahii beeloftootaati jedheen hiika ani. Maaliif jennaan, barsiisaan mindaa gahaa waan hin arganneef ni beela’a, barattoonni isaas tarsiimoo misooma baadiyyaa dadhabaa mootummaan dadhabaan miidiyaa irratti qofa odeessuuf baafateen maatiin isaanii waan hiyyoomaniif ni beela’u. Namni dhimma baruu-barsiisuu qabu hin jiru jechuu kooti. Waa’ee barnootaa odeessuun qofti manneen barnootaa fi hojmaata isaa irratti jijjiirama waaraa fidaaree?

5) Yeroo ammaa kana egaa hanqinni barsiisaa Oromiyaa qofa osoo hin taane guutummaa impaayerittii Ixoobiyaa kanayyu mudateera. Kafaaf immoo sababni ijoon isa gareen sobdootaa (mootummaan) manneen barnootaa heddumminaan ijaarree waan babal’isneefi tarsiimoo barnootaa daree tokko keessatti yoo baay’ate barsiisaan tokko barattoota afurtamaaf (1:40), jedhu qabannee hojjechaa waan jirruuf jedhu miti. Hojmaatni manneen barnootaa keessatti dura-taa’ota manneen barnootaa utuu gahumsa hooggansa mana barnootaa hin qabaatiin malaammaltummaa fi ergama OPDO galmaan gahuuf kaa’amaniin waan laamsha’ee fi yaada ani qabxii sadaffaa irratti eeruuf yaaleen barsiisaan garbummaa mana barumsaarraa hurii of baasuutti kutate. Isa kanaaf immoo mootummaan akka furmaataatti barattoota ofiifuu kutaa 10ffaatti kufan ganda keessaa barbaadee miindeffamanii akka isaan barsiisan godhe. Haala kana keessatti egaa qulqullinni barnootaa ergamaa waaqaatiin gara daree barnootaa haa dhufuuree?

6) Dubbiin garagaltoo taanaan tajaajilaa hawaasaa (civil-servant) biyya kana keessa jiru keessaa barsiisaan isa akka malee tuffatamaa ta’aa dhufeera. Dhawaatuma kanaatiin, hojiin barsiisummaa immoo jibbamaa dhufeera. Kun immoo sadarkaan ofitti amanamummaa barsiisotaa akka quucaruuf shoora mataa isaa taphateera. Hangamuu sabboonaa yoon ta’e; ijoollee Oromoo barsiisuuf yoon kutadhe, nama na tuffatu daree seenee dhugaatti barsiisuun ni ulfaata. Utuuma anuu barsiiseetii, hammi hubannaa barataa koo isiniin haa tilmaamamukaa!

7) Yeroo ammaa kanayyu, jechuun jaarraa qaroome kana keessattillee, maatiin ijoollee Oromoo hedduun aadaadhumaaf barataa mana barnootaatti ergaa jiru. Mee kanumti ilmi/intaalli isaa/ishee kutaa meeqa akka baratan hin beekneyyu haa dhibukaa! Barataan maatii isaatiin hin hordofamu; hin deeggaramu taanaan barsiisaa qofti qulqullinaa fi bu’aa barnoota irraa argamu gonkumaa fiduu hin danda’u.
Sababni inni biraan dhimma daree dhuunfaa jedhamu kanadha. Daree dhuunfaa jechuun kutaa tokkoo hanga afuriitti barsiisaan tokkichi/tokkittiin haa barsiisu isa jedhu. Barsiisaan sun ijoollee barnoota A,B,C,D… 0.1,2,3… jedhanii reefuu eegalan egaa akkuma mataa isaa/isheetti qaree doomsa jechuudha mitiiree? “Sa’a abbaan gaafa cabse, ormi ija jaamsa” jedha Oromoon. Kanaafuu, waa’een afaanii waa’ee eenyummaati. Abbaan argite lafumaa kaatee akka barbaadde gochuu hin qabdu; hin dandeessus.
Itti fufa…
Aboonkeeti Fayyisaati
Caamsaa 6, 2017
Finfinnee

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Afaan Oromoo Fii OPDO

Waxabajjii 06, 2017   Akkuma ummata isaatti afaan Oromoo tiis afaan guddaa dha. Afaan kuni, …

Yaada kanaaf deebisaa kenni