sheekkoo – Welcome to bilisummaa http://www.bilisummaa.com Oromia shall be free Mon, 20 Apr 2015 21:33:40 +0000 en-US hourly 1 https://wordpress.org/?v=5.5.1 Afoola Oromoo: Hibboo fii makmaaksa (kutaa lammaffaa 300) http://www.bilisummaa.com/afoola-oromoo-hibboo-fii-makmaaksa-kutaa-lammaffaa-300/ http://www.bilisummaa.com/afoola-oromoo-hibboo-fii-makmaaksa-kutaa-lammaffaa-300/#comments Mon, 20 Apr 2015 21:33:40 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=7172 Namni Afaanii fii  Aadaa isaa hin beeyne tokko  an Oromoodha ofiin jechuun ……

The post Afoola Oromoo: Hibboo fii makmaaksa (kutaa lammaffaa 300) appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>

Namni Afaanii fii  Aadaa isaa hin beeyne tokko  an Oromoodha ofiin jechuun ……

The post Afoola Oromoo: Hibboo fii makmaaksa (kutaa lammaffaa 300) appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/afoola-oromoo-hibboo-fii-makmaaksa-kutaa-lammaffaa-300/feed/ 1
Biyya Afaan Faallaa http://www.bilisummaa.com/biyya-afaan-faallaa/ http://www.bilisummaa.com/biyya-afaan-faallaa/#respond Wed, 11 Mar 2015 00:15:02 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=6833 Gamteessaa Sabaatiin Bara durii namichaan wayii biyya tokko keessa  jiraataa ture. Innillee yeroo wayii dhibamee mana yaalaa aadaa heddu dhaqee; qoricha adda addaa fudhatee of yaalaa ture garuu fayyuu hin dandeenne. Innillee gaafa tokko oduma oduu keessa biyya san keessatti mana yaalaa aadaa cimaan hundaa caalu biyyattii keessa jiraachuu dhagaye. Innillee iddoo san deemuuf odeeffannoo …

The post Biyya Afaan Faallaa appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
Gamteessaa Sabaatiin
Bara durii namichaan wayii biyya tokko keessa  jiraataa ture. Innillee yeroo wayii dhibamee mana yaalaa aadaa heddu dhaqee; qoricha adda addaa fudhatee of yaalaa ture garuu fayyuu hin dandeenne.
Innillee gaafa tokko oduma oduu keessa biyya san keessatti mana yaalaa aadaa cimaan hundaa caalu biyyattii keessa jiraachuu dhagaye. Innillee iddoo san deemuuf odeeffannoo barbaachisu namoota beekan irraa fudhate.
Namoonnis akkana jedhaniin:- Bakki qorichi itti argamu fagoodha; gaara gubbaa; namichaa qallaa dheeraatu nama waldhaana jedhaniin. Innillee guyyaa karoorsee gara yaala jedhameetti deeme. Woyta karaa bu’ee deemee bakka isaan jedhan gayu; karaan dheera jedhame garuu gabaabaa ta’uu isaa hubate gaarri isaan jedhan golba tahe. Namichas raajii itti taye faallaa haasayuun namootaa. Deemee deemee mana yaalaa jedhame gaye worri manallee seensisanii teessisanii erga jedhanii booda namittiin gabaabduun furdoon dhuftee maal akka dhibame gaafatte.
Isallee raajii itti ta’us callisee dhageeffachuu itti fufe. Isiinis erga rakkoo namichaa dhageeffattee; dawaan an siif kennu xinnoo dhaa guyyaa torbaa fudhattee erga jettee booda asitti deebitee haala isaa laallaa jetteen. Qorichas qalqalloo heddutti hartee fidde. Isallee raajii itti ta’ee akkana jedheen “An qoricha kana hin fudhadhu!” “Maalif?” jetteen.
Innis akkana jedheen”Kan fagootiin dhiyoo yoo jenne; kan dhiyootiin fagoo yoo jenne: Gaaraan golba yoo jenne; golbaan gaara yoo jenne: Dawaa yoo jenne summii jenna; summii jechuun keenna ammoo dawaa jechuudha! Atis summii naaf kennite!” jedheen. Namichaanis qorichaa fi namittis achumatti dhiisee biraa deeme.
Kanaaf akka afaan faallaa saniititti:-
Gabaabaa jechuun dheeraa jechuu; dheeraa jechuun gabaabaa jechuu
Halkan jechuun guyyaa jechuu; guyyaa jechuun halkan jechuu
Dhugaa jechuun soba jechuu; soba jechuun dhugaa jechuu
Beela jechuun quufa jechuu; quufa jechuun beela jechuu
Tole jechuun bade jechuu; bade jechuun tole jechuu
Dhiira jechuun beera jechuu; beera jechuun dhiira jechuu
Gaarii jechuun yaraa jechuu; yaraa jechuun gaarii jechuu
Jaarsa jechuun ijoolle jechuu; ijoollee jechuun jaarsa jechuu
kkf
Gamteessaa Sabaa

The post Biyya Afaan Faallaa appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/biyya-afaan-faallaa/feed/ 0
ODUU DURDURII!! (Duudhaa kunuunfamuu qabu) http://www.bilisummaa.com/oduu-durdurii-duudhaa-kunuunfamuu-qabu/ http://www.bilisummaa.com/oduu-durdurii-duudhaa-kunuunfamuu-qabu/#comments Thu, 25 Sep 2014 23:13:54 +0000 http://www.bilisummaa.com/?p=5689 ***************** Aadaafi duudhaa gabbataan hawaasa tokkoo osoo irraanfatamanii hinbadiin tooftaalee adda addaatiin dhalootaa dhalootatti akka darbu gochuun barbaachisaadha. Tooftaalee kanneen keessaa tokko duudhicha ijoollee ofii barsiisuudha. Duudhaaleen kunniinis kanneen akka durdurii ykn oduu durii, hiibboo, mammaaksaafi kkf dha. Duudhaa gabbataa ummanni Oromoo qabu keessaa tokko afoola. Afoola keessaa ammoo durduriin adda durummaan kan eeramuudha. Durduriin …

The post ODUU DURDURII!! (Duudhaa kunuunfamuu qabu) appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
*****************

Aadaafi duudhaa gabbataan hawaasa tokkoo osoo irraanfatamanii hinbadiin tooftaalee adda addaatiin dhalootaa dhalootatti akka darbu gochuun barbaachisaadha. Tooftaalee kanneen keessaa tokko duudhicha ijoollee ofii barsiisuudha. Duudhaaleen kunniinis kanneen akka durdurii ykn oduu durii, hiibboo, mammaaksaafi kkf dha.

Duudhaa gabbataa ummanni Oromoo qabu keessaa tokko afoola. Afoola keessaa ammoo durduriin adda durummaan kan eeramuudha. Durduriin ykn oduun durii Oromoo biratti bal’inaan beekama. Durduriin yaroo baay’ee kan himamu ijoolleedhaafi. Ijoolleen jiruufi jireenya keessatti wantoota isaan mudachuu malan ilaalchisee hubannaa akka argataniifi akka qarooman gochuu keessatti dur druriin shoora guddaa taphata.

Kana malees ijoolleen waa’ee aadaa, amantiifi seenaa hawaasasaanii, akkasumas waa’ee bineensotaa, mukeeniifi dimshaashumatti uumamaafi qunnamtii uumama waliin qabaachiun isaanirraa eegamu dur durii keessatti akka ilaalaniifi akka baratan ni taasifamu.

Walumaagalatti durduriin sirna ijoolleen bashannanaa duudhaaleesaanii ittiin baratan akka ta’e hunduu kan irratti waliigaluudha. Oromoonis haala kanaan fayyadamaa aadaafi duudhaasaa dhalootaa dhalootatti dabarsaa akka dhufe kan seenaafi duudhaa Oromoo beeku hundi ni hubata.
Kanaafuu aadaa miidhagaan kun dagatamee akka hinhafne kan dhimmi isaan ilaalu hundi shoorasaa taphachuu qaba jachaa dur duriiwwan Oromoo biratti bal’inaan beekaman keessaa muraasasaa kan Waldaan Malkaa jedhamu qopheesseefi intarneetiirraa arganne akka armaan gadiitti isin dubbisiisna.

Leencaafi waraabessa:

Leencaafi waraabessatu waliin jiraatu turan. Leenci sangaa qaba. Waraabess immoo sa’a qaba. Isaanis dabareedhaan walii tiksaa turan. Guyyaa tokko, gaafa dabaree leencaa sa’aani waraabessaa dhalte. Leenci waatii dhalatte fudhachuu barbaadee dil’uu sa’attii fuudhee qaama sangaasaatti suuqee waraabessaan, “Kunoo sangaa kootu dhale” jedheen. Sana booda wallolanii bineensota jaarsummaa baafatanii bineensonni hunduu dhufanii qamaleen hafnaan guyyaa biraatti beellamatan.
Guyyaa beellamaa kanas qamuun akkuma amalashee turtee dhufte. Oggaa isheen dhuftu bineensonni kuun odaa jalatti walgahanii turan. Leencis qamaleedhaan akkana jadheen, “Jaarsummaa koo tuffatteeti moo maaliif turte” jedheeni. Qamuunis lakki gooftaa tuffadhee osoo hinta’in lafa tarsa’ee (baqaqee) tokko otoon suphuun ture jetteen. Leencichis, “Lafti ni suphamaa maaliif sobda”? jennaaniin isheenis deebistee, “Sangaan ni dhalaa”? jettee muka kortee jedhama.

Leencaafi jaldeessa:

Jaldeessatu haadha manaa leencaa jaallatee ani bareedaan kun sijaalladhe jedhee haadha manaa leencaatti hime. Isheenis tole jetteenii galtee, “Osoo ati jirtuu jaldu tortoraan sin jaaladha naan jedhe” jettee leencootti himti. Obbo leencoonis mala malee haadha manaasaatiin akkas jedheen. “Guyyaa tokko inni hinjiru jedhiitii marqaa marqii waami. Ani immoo baaxii manaarran taa’aa jedheen”. Isheenis marqaa marqitee jalduu waamte. Innis dhufee marqaa erga nyaatee booda, “Ana moo obbo leencoo keetu irra bareeda” jedhee haadha manaa leencaa gaafate. Isheenis situ bareeda jetteen. Booda osoo obbo leencoon amma sitti dhufee maal goota? jettee gaafatte. Innis, “Hinsodaadhu” jedheen.

Yeroo kana obbo leencoon baaxiirraa gadi bu’ee jalduudhaan, maal asii goota jedhee gaafannaan, “Rakkadheen kadhaa dhufe” jedheen. Ittaansee obbo leencoon funyaan kee kana maaltu akkana godhe? jedheen. Jalduunis ganamaafi galgala waaqa osoon kadhuun akkas ta’e jedheen. Leencoon deebisee ‘hudduu’ kee kana hoo maaltu akkana godhe? jedhee gaafate. Ganamaafi galgala mukarran foqoqa, isaatu akkas nagodhe. Harka kee kana hoo maaliif akkas ta’e? jedhee gaafannaan, ganama rirma galgala ammoo ija mukaa funaanuutu na luqqise jedheen jedhamaa.

Sardiidaafi lukkuu:

Bara durii sardiidaan ganamaan kaatee otoo nyaatashee barbaaddachaa jirtuu lukkuun warra tokkoos heddummatanii otoo nyaatasaanii barbaaddachaa jiranii kormaan hindaanqoo tokko iyye. Sardiidaan sagalee kana dhageessee sagalee keetu baay’ee natti tolee mee irra deebi’ii naaf jedhi jetteen. Kormaan lukkuus lukaan lafatti ejjetee ijasaa lamaan dunuunfatee osoo iyyuu sardiidaan utaaltee morma kormaa lukkuu qabatte.
Hindaanqonni kuun baqatanii gara manaatti deebi’an. Sardiidaan kormaa lukkuu fudhattee osoo fiigaa jirtuu kormaan lukkuu sardiidaadhaan akkas jedhe, “Osoo ati lallabdee lukkuulee hedduun deebi’anii waan dhufaniif iyyi” jedheen. Sardiidaanis tole jattee yeroo iyyitu kormaan hindaanqoo sardiida harkaa bahee muka irra bahe jedhama.

Warra gowwaa:

Abbaa manaafi haadha manaa gowwaatu biyya tokko keessa jiraataa turan. Guyyaa tokko karaa deemuuf galaa qopheeffataniiru. Galaansaaniis bassoodha. Osuma deemanii bishaan bassoo ittiin basseeffatan barbaacha gara lagaatti goran. Laga gahanii bassoo isaanii hiikanii bishaan guddaarratti firfirsan. Yeroonsaa ganna, yaroo lagni guutu waan ta’eef bassoosaanii jalaa fudhatee yemmuu deemu haati manaa bassicha qabuuf bishaan keessa lixxee deebi’uu dadhabde.

Abbaan manaas taa’ee ishee eegaa turee isheen deebi’uu didnaan, “Maalif bishaan keessaa hinbaatu jedhee” dhakaa itti darbannaan dhiigni ol faca’e. Yeroo kana abbaan manaa gowwaan sun, “Ana kophaatti dhiistee kophaashee bassoo barbareedhaan nyaattii” jedhee innis bishaanicha keessa seenee lubbuun warra lamaanii bishaaniin badde jedhama.

Qocaafi sinbirroota:

Guyyaa tokko qocaan beela’ee osoo karaa deemuu sinbirroota waamicha dhaquuf qophaa’anitti dhufe. Innis sinbirrootaa eessa deemaa jirtu? jedheen. Isaanis bakka dhaquuf jedhan ittihiman. Qocaanis maal ta’aree yoo na fudhattanii deemtan jedheen. Rakkoo hinqabu. Koochoo tokko tokko siif kenninee nu waliin deemta jedhanii akkuma jedhan kennaniifii osoo balali’aa jiranii maqaan kee eenyu jedhanii gaafatan. Innis maqaan koo ‘hunduma keessanii’ jedhee deebisef.

Erga bakka waamichaa gahanii booda ani waanan dubbii beekuuf isiniifin dubbadha jedheenii tole jedhaniin. Innis erga dubbatee booda dhangaan kun eenyuuf qophaa’e? jedhee gaafate. Isaanis hunduma keessaniif jennaan qocaanis dhageessanii maqaan koos hunduma keessanii. Dhangaan kun kan qophaa’e hunduma keessaniif waan ta’eef dhangaan kun anaaf qophaa’e jedhee sinbirroota irraa ari’atee qofaasaa nyaate.
Haata’u jedhanii sinbirroonni gara manasaanii galuuf koochoosaanii irraa buqqifatanii yeroo ka’an haadha manaasaatti akka ergaa himaniifiif akkas jedhee itti dhaammate, “Yemmuun balali’aa dhufu waan laafaa balbalarra kiyya dura naa hafi, yeroon achi gahun gadiitti of dhiisaa jedhe jedhaatii itti naaf himaa” jedhee itti himate. Isaanis ergaasaa jijjiiranii, “Waan qara qabu kan akka eeboofi aalbeefaa balbalatti gadi naaf baasii na eegi Isheenis qopheessitee eegdee irratti of gatte. Isaanis, “Cubbuun abbuma miiti” jedhanii mammaakan jedhama.

Leencaafi dhala namaa:

Bara durii leenci tokko osoo bosona keessa deemuu daa’ima saamtonni haadhaafi abbaa irraa ajjeesan tokko argatee gara mana jireenyaasaatti fudhatee gale. Sana booda lafeedhuma ofii nyaatuufi lafeefi waan dhugamu obaasee guddise. Mucaan sun erga guddatee booda dhala namaatti maxxanuu jalqabe.

Adeemsuma kanaan namoota wajjin yaada waljijjiiruu jalqabe. Achumaan, “Silaa ati ilmoo namaati, akkamitti bineensa bosonaa waliin jiraachuu dandeesse?” jedhanii gaafannaan anaaf abbaa kooti; reeffa abbaa koofi haadha koo jidduudhaa kaasee na fudhatee galee kan naguddise, abbaan koo kanan akka lubbuu kootti jaaladhu isuma. Kanaafuu, anis gara abbaa koottan galaa isinis nagaan naa bulaa jedheenii gara mana ‘abbaasaatti’ gale.

Mucichi guyyaa sana yaa galuu malee hanguma namaan walargu waa’ee leenca wajjin jiraachuusaarratti gaafiin dhiyaataaf. Deebiinsaas sanuma ta’ee osoo jiruu guyyaa tokko galgala warri ati yeroo hunda gara abbaa koottan gala jettee leencuma kana wajjin jiraachuuf deemta. Hanga ammaatti waan badaa tokkllee irratti argitee hinbeektuu? jedhanii gaafannaan waan gaaffiinsaanii itti baay’ateef deebii tokko kennuuf dirqame. Kunis fedhii namootaa guutuudhaaf jecha, yeroo na hammatee rafu bobaansaa natti xiraaya malee waan badaa tokkoyyuu irratti argee hinbeeku jedheenii; jedhaa nagaan bulaa, ani nan galaa jedhee biraa bahe.
Yeroo sanatti alli waan dukkanaa’eef namni hinargu, leencichi mana jala dhaabbatee dhageeffachaa ture. Erga mucichi bahee booda dura kaatee manatti galee eege. Erga mucaan galee, “Maal ilma koo eessa turtee dhufte? jedhee gaafate.

Mucaanis, “Asumaa osoon sanyii mukaa funaannadhuu natti galgalaaye,” jedheen. Achumaan, leencichis bakka mucaan ture waan beekuuf akkasumas waan inni jedhe hundumaa waan dhagaheef aaree eeboo manaa qabu fuudhee, “hoodhu na waraani!” jedhee mucaatti kenne. Achumaan mucaanis reeffa haadhaafi abbaa kootii gidduudhaa na kaastee naguddiftee ammaan na geessee. Aani ofan waraana malee akkamittan si waraana? jedheenii deebiseef. Achumaan mucaanis ajaja dirqamaa waan itti ta’eef, leencicha waraane. Leencichis erga waraanamee booda erga na waraantee hanga madaan koo fayyutti, wanta argatte mara natti funaanii na wal’aani jedheen.

Mucaanis tole jedhee, waanuma argate funaanee hanga madaansaa fayyutti wal’aane. Leencichis erga madaansaa fayyee booda ofitti waamee; ilaali, madaan ati eeboodhaan nawaraante fayye. Jechi ati gaafa sana mana fira kee teessee jette sun garaa kootii hinbaane. Ani guddisee si hinnyaadhu. Atis gara fira keetti. Anis bobaa koo xiraa’aa wajjin gara bosona kootii jedheenii gaggeesse jedhama.

The post ODUU DURDURII!! (Duudhaa kunuunfamuu qabu) appeared first on Welcome to bilisummaa.

]]>
http://www.bilisummaa.com/oduu-durdurii-duudhaa-kunuunfamuu-qabu/feed/ 1