Oduu Haaraya

Taayyee Danda’a osoo ati osoo dhugaa fi ummata Oromootiifi dhaabbattee …..

Taayyee Danda’a osoo ati osoo dhugaa fi ummata Oromootiifi dhaabbattee
jeneraalota woyyaannee ka gaafa Mooyaaletti ummata guyyaa adiin fixan JM saaxilee atis dubbii JM jedhe dugoomsuun ragaa baate san seeraatti haadhihaatanii jettee mootummaan mormitaa ture.
Silaa Geetaachoo Asaffaa qabaa fidaa jettee mootummaa cinqitaa ture
Silaa worra Maa’ikalaawitti nama torture godhaa bahan san seeratti haadhihaatanii jechuu qabdaa ture
Silaa ummataafi dhaabatee worra qabeenya Oromoo, lafa Oromoo saame fi xurii worshaalee gara garaa bahanii lubbuu ummata keennaa galaafataa jiran san dura dhaabbattee uumaafi uumama badeefi badaa jiruufi dubbattaa ture
Osoo ka dhugaa dubbatuutii waa’ee Finfinnee mootummaadhaan mormitaa ture
Ati garuu qoonqoo teetif jecha paartii bakka buutee dhugaa ummataa faallaa mormitaa.
Ati garuu waan tokko dhalannaan daftee amantaafi gosaan nuqooduuf worra barbaadu jettee ummata shoorarkeessuu barbaadda
Ati garuu woyta cufa ODPn akka waan mudaa tokko hin qabnee, akka waan hin dogoggorree, akka waan badii hin qabnee gootee dhiheesita. Kun ammoo abbaa irrummaa paartii tokkoo fadhuu kee muldhisa
Ati asiin dura Jaal Marroo (nama karaa itti fakaateen qabsaawwaa jiru) irratti waan jechaa baatee ni yaadatama. Wojjiin barachuu kee qofaa ragaa godhachaa waa heddu jechaa baate. Hardha kara JM gara galtee haqisaa jirta.
Mee waa takka lama si gaafadhaa
1. Mee gaafa ati ODP keessatti wonti kun Oromoodhaaf hin ta’u jettee mormite nuuf himi
2. Mee gaafa worri kaleessa nu fixaa bahan seeratti haadhihaatan jettee mootummaa kanaan mormite nutti himi
3. Mee gaafa waa’ee Finfinnee kaaftee mootummaa kana dura dhaabbatte nuuf himi
4. Mee gaafa Afaan Oromoo Afaan federaalaa haata’u amuumaan tana murttii itti kennaa jettee dubbatte nuuf himi
5. Mee gaafa iyyiinsa ummata godinaalee garaa garaa irraa kaadirreedhaan midhamaa jirra worri kaleessa numiidhe seeratti haadhihaatu jedhanii iyyataniif dubbatte nuuf himi. Fakkeenyaafi ummata Gadab Asaasaa
Kanaa fi kkf niif sin amanee. Kanaaf qoonqoo teetiifi paartiif malee ummataaf hin dhaabanne siin jenna
Mee amma ammoo kara dubbii ammaa tanatti haadeebinuu
Ati ummata Oromoo akkuma kaadiree keessanitti ilaalta natti fakaata. Ummanni waan isaaf ta’u addaan baasee beeka. Cal jedhee akkana godhi yoo jedhaniin ol ka’ee hin godhu. Ati waa’ee JM fi OMN hardhaa miti kan abaaruu eegaltte. Kun immoo waan Oromoo fi Oromummaa dalagu akka siif hin taane muldhisa.
Osoo ati nama yaada unbiased ta’e qabda ta’ee akka masaanuu wolitti hinaaftuu daftee wonti kun ta’eef hinaaffaa nobliitifii kitaaba barreefameeti hin jettuu turte. Yaada lama wol bira keettee kun kanaaf kun immoo kanaaf jettee mufti ummaataafi dhiistaa turte. Ati garuu kan yakku sihi, kan ragaa bahu sihi, kan murtessus sihi.
Mee ammas “madamar” 100% qulqulluudha rakkoo hin qabu jettee amantaa? Yoo hin ta’inii maal jetee qeequmsa dhiheesite ykn dhiheesita?
Mee bu’aan madamariin Oromoodhaf qabu maalidha?
Mee madamarima kanaa ifa siif ta’ee jiraatu ifa nuuf godhi
Mee akkamitti nama si ajjeesuuf dhufatti nadhaqabii itti iyyatta? As irratti kan natti muldhatu gooftaan keenna ummata keenna kan jedhu sun kijiba ta’uu isaati. Mallif jennaan gaafa rakko ummata ufiititti malee aangawoota ufiititti hin iyyatan. JM gooftaan isaa ummata isaatii ummata ofiititti iyyate
Osoo taatee dhiifama badii kaleessa hojataniif ummanni nagayatu caala jedhee isinii godhe irraanfachuu hin qabdanii ture. Garuu akka haaji Aadam Saaddoo jedhan isin najisa togoogooti dhiqamtanis hin xahaartan.
Osoo JM jiraatuu baatee isinii mitii biyyiti sun hin jirtuu ture. JM hin dogogoru hin Jennu garuu akka keesan hin kijibu dantaa ummataa irra hin dhaabbatu Oromummaafi Oromiyaa hin ganu jenna.
Isin ODPn amallee barachaa hin jirtan. Humni ummataa isiniif hin galle. Ummata tufatan. Isin aangoofi qawwee abdatan. Kun ammoo diinota keennaafuu homaa hin goone.
Kanaafu dafaa kara ummataa deebi’aa. JM ija ummata keennaa isinis dabalatee irraa dhaabbadha. Namoota yaalii ajjeechaa godhan dafaa ummataa ibsaa. Seeraaf dhiheessaa. Gad taa’aa JM wojjiin mari’adha. JM irraa baradhaa. Baruma baraan motummaan hayyuufi qaroo Oromoo nyaachaa Oromoo gabroomsuun tana booda hin taatu. Waan fedhetu dhufa malee

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …