Oduu Haaraya

Taajjabbii Irreecha bara kanaa!!!

 

Guyyoota darban keessatti uummanni Oromoo hundi dammaqinaan Irreecha bara kanaa irratti akka hirmaatuuf biyya keessaaf biyya alaa irratti yeroo odeeffannoon raabsamaa turetti duulli guddaan “Irreechi kan amantaa Waaqeffataati nuun bakka hin bu’u,warri amantaa Waaqeffannaa hin hordofne bakka sanatti akka hin argamne…..” jechuu dhaan Duulli cimaan karaa Interneetii fi kanneen biroon nurratti banamee ture. Duula kana kan nurratti taasise namootuma keenya waan ta’aniif duula isaanii kana ifatti baasnee mormuu dhaan diinota keenya gammachiisuu hin feene.”Duula keessaniif Uummati deebii ni Laata!!” jennee callisne. Guyyaan kaleessaa duula kanaaf deebii quubsaa taatee darbite!! Tarii namoonni duula kana nurratti godhan Irreecha akka Amantii Waaqeffataatti qofa beekuu danda’u. Osoo guyyaa kaleessaa Hora Arsadeetti argamnii daawwatanii garuu duula bobba’an kanaaf dhiifama ni gaafatu.

Garuu bakka kanatti argamanii daawwaachuuf carraa sana hin arganne waan ta’eef namoonni bakka kanatti argamtan wantoota naannoo kanatti raawwatamaa turan waan tokko osoo itti hin dabalin irraa hin hir’isin uummataaf ifa akka gootan shakkii hin qabu.gama kootiin taajjabbiin koo akka armaan gadiiti.uummanni miiliyoonaan Lakkaa’amu guyyaa kaleessaa Arsadiitti kan bobba’e “Irreechi Amantaa ebeluuti” jedhee miti.salphaamatti ibsuu dhaaf dirreen Irreechaa uummata Oromootiif “Dirree Bilisummaati!!” mootummaan wayyaanee dimookiraasii isheen mirkaneesseera jettee dhaadattu uummata Oromootiif guyyaa kana qofa.uummanni Oromoo guyyaa kana dhukaasi tokko osoo irratti hin banamin sodaa tokko malee waan barbaadeen ni dhaadata,waan barbaade ni morma,waan barbaade ni faarsa,paartileen siyaasaa kanneen seera biyyattiin baafatteen “shororkeessitoota” jedhaman guyyaa kana akka gootummaatti ni faarfamu,ni Leellifamu,ni Galateeffamu!!Mootummaan wayyaanee uummata Oromoof guyyaa kana mirga akkasii kan laattuuf jaallattee osoo hin taane dirqamteeti.sababni isaas bakki kun bakka itti uummani shawaa argamu qofa miti,bakka itti uummati booranaa argamu qofa miti,bakka itti uummanni arsii argamu qofa miti,bakka itti hordoftoonni amantaa Waaqeffataa argaman qofa miti,bakka itti hordoftoonni amantaa Kiristaanaa argaman qofa miti,bakka itti hordoftoonni amantaa musiliimaa argaman qofa miti,bakki kun bakka itti Oromoon naannoo hunda irra jiraatu wal arguu dhaaf Tokkummaa dhaan walitti bobba’u dha!! Uummata Miliyoonaan lakkaa’amu kana irratti dhukaasa banuun dhumni isaa maal akka fiduu danda’u mootummaa Wayyaanee caalaa kan bareechee beeku hin jiru.kanaaf callistee ilaaluun dirqama itti taate. 

Salphaamatti Oromoon Hora Arsadiitti kan wal ga’u Irreeffachuuf qofa miti.kan achitti argamee dawwatetu guyyaan kun uummata Oromoof maal akka taate beekuu danda’a.hawwiin kiyya inni guddoon Tokkummaa kaleessa Hora Arsadiitti mul’ate waggaatti osoo hin taane yeroo mara arguu dha. Akka kun hin taaneef namoonni shira xaxaa jirtan garuu kana booda waan wal bira darbinu miti.Diina dhiifnee wal irratti bobbaana!!! Dhuma irratti eebba Guyyaa kaleessaa Abbaan Gadaa Bayyanaa Sanbatoo osoo eebbisaa jiranii sababa hin beekamneen osoo isin hin dhaggeeffatin addaan citen isiniif xumura!!!

“waleensuu kormaa ta’aa
Diina yaabbii dhawwadhaa
Andoodee kormaa ta’aa
Bonaaf ganna lalisaa
Galaana abbayyaa ta’aa
Dhugan isin hin hanqisin
Cirracha abbayyaa ta’aa
Hammaaran isin hin fixin
Oromoon nagaa haa taatu
Qabeenyi oromoo haa eegamtu
Bofa ta’aa diina hiddaa
Gufuu ta’aa gufachiisaa
Walii galtee nuuf haa kennu
Kan dubbii nu barbaadu rabbi nurraa haa qabu
Kan humnaan nutti duulu rabbi nurraa haa qabu
Kan oromoo addaan baasu waaqni nurraa haa qabu
Kan oromoo cunqursu rabbi nurraa haa qabu…..!!!

Waaqni jaalalaa fi tokkommaa keenya cimsee warra bara dhufu hora Arsadiitti wal argu nu haa godhu!!!

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …