Oduu Haaraya

Sirnoota shan uumanni Oromoo ittiin Oromiyaa Naannummeessu:-

Betru Dibaba
______________________________________________

Sirna federaalizimii Itoophiyaa keessatti, mootummoonni Federaalaa fi Naannolee aangoowwan qaban guutuu fi wal qixa. Guutummaa fi walqixxummaan aangoowwan mootummoota kanneenii guutummaa fi walqixxummaa lakkoofsan ibsamu osoo hin taane, guutummaa fi walqixxummaa aangoowwan sadan; seera tumuu, raawwachiisuu fi abbaa seerummaa qabani dha. Kanaafis, wal kabajuu fi wal tumsuu qabu; Heera Federaalaa keewwattoota 1, 8, 39, 47 fi 50(8).

Oromiyaan miseensa federeeshinii, Naannoo taatee hundooftu illee hojmanni waggoota 25 oliif turee fi ammas jiru kan Oromiyaa Naannummaan (Statehood) ga’e miti. Oromiyaan Naannummaa akeeka waliigaltee fedaraalizimiin ittiin ijaarame hanqachuu dhabuun dhadhabbina Mootummaa Naannichaa yookin/fi fedha aangessuu dhabuu Mootummaa Federaalan ibsamuu danda’a. Ta’us, uumanni Oromoo fi Oromiyaan adda ba’anii hin beekan. Uumanni kun uummata tasa abdii kute miti. Tarkaanfii uumanni fudhachaa jiru keessatti sirnoonni armaan gadii yoo raawwataman kaayyoon uummanni Oromoo Oromiyaa Naannummeessuuf qabu fiixa ba’a.

1. Sabboonummaa

‘Ani Oromoo dha!’ jechuun nama sodaatuf yakka, nama jabaaf gootummaa ta’uu hin qabu. Oromummaan mirga namummaa malee miira sodaa yookin gootummaa miti. Sabboonummaan of beekuu fi of kabajuu, fi ijaarsa xilsammuu fi tokkummaa uummataa ti.
Oromummaan aadaa, seera, siyaasa fi hawaas diinagdee Oromiyaa keessatti ibsamu mootummoota fuulduratti adda ba’iinsa, mormii fi diinummaa ta’ee fudhatamuu hin qabu. Uummanni Oromoo akka uummataatti, sadarkaa dhuunfaa olitti, Oromummaa ijaaruu fi ittiin sabboonuu qaba.

2. Birmadummaa

Birmadummaan uummata Oromoo yeroo hundaa harkuma uummata Oromoo turuu qaba. Birmadummaan uummataa uummatumaan kallattiin ibsamuu qaba. Oromiyaa keessatti, birmadummaan uummata Oromoo abbaa aangoo ol’aanaa Oromiyaa ta’uu waliigaltee kamiifuu dhiyaachuu hin qabu. Birmadummaan Oromoo mirga, dantaa, faayidaa fi abbummaa Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo argachuu qaba.

3. Dachee

Oromiyaan dachee tokko; qaama lafaa fi bishaan uuwwiste dha. Dacheen Oromiyaa kan yeroo yerootti jijjiiramtuu fi qaamni fedhe akka gogaa hoolaa gabaa baasee gatii guyyaatti gurguratu osoo hin taane, dachee tasgabboofte, tokkummoofte fi Oromiyaan qofti aangoo irratti qabdu ta’uu qabdi. Uummanni Oromoo dachee Oromiyaa irratti humna ittisaa fi lafa weerarame ittiin deebisu ijaaruu qaba.

4. Mootummaa

Uummanni Oromoo mootummaa fi dhaabbata adda baasee beekuu fi ijaarrachuu qaba. Mootummaa siyaasawaa Oromiyaa keessatti mul’atu ijaarrachuu qaba. Mootummaa siyaasawaa kanaafis aangoo sadan mootummaa goonfachiisuun Oromiyaa akka bulchu waliigaltee hawaasaa raawwachuu qaba.

5. Walitti dhufeenya

Bara ammayyaawaa kana keessatti uumanni Oromoo balbala Oromiyaa banaa gochuu qaba. Oromiyaan akka Naannootti, uummanni Oromoo akka Uummataatti beekamtii saboota biroo fi addunyaa bira ga’uu qaba. Walitti dhufeenya kanaan, sirni wal kabajuu, wal fudhachuu fi waliin jiraachuun baratamuu qaba.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

OROMIYAAN KAN KABAJAMTU YOO DAANGAAN ISII KABAJAME QOFA !

(Saphaloo Kadiir) Oromiyaa jechuun kutaa qama tokkooti, foon lafee qama tokko uwwisee jiruu dha. Akkuma …

Yaada kanaaf deebisaa kenni