Oduu Haaraya
siidaa calanqoo 2

Siidaan Wareegamtoota Calii-Calanqoo haala ho’an kabajamee oole jira.

 Siidaan suuraa ujjoollee cinatti argaatin jirtan kuni ammoo kan Gooticha Oromoo ‪#‎Bakar_Waareeti‬.

Abubakar-Waaree Goota Goota Caaluu kan akka Leenjisoo Diggaati Meeshaa waraana Ammayyaa hin ta’in qabachuun Waraana Abashoota meeshaa waraana Ammayyaa hidhate dura dhabbate Gotoota Oromoo lolchisee lolaa ture yeroo Minilik Meeshaa waraana Ammayyaatin Oromiyaa qabachuuf Waraana Ummata Oromoo irratti labsu.

Goota Ganama Farda yaabatee lola seenee osoo lolu lukni isaa takka irraa muramee Lola keessatti luka isaa kan muramee lafa bu’e osoo hin argin lola isaa itti fufuun lolaa oleetin yeroo lola irraa galgala gara mana isaa galu haati mana isaa Farda irratti yeroo ilaaltu luka isaa takka malee takka dhabdee, iyyiite yeroo gaaffatu, innis luka ufii yeroo ilaalu luka takka akka hin qabne arge!

lukni isaa Waraana keessatti diinan irraa muramtus essatti irraa muramtee fi yeroo kam akka irraa muramte beekuu hin dandeenye!!!!!!

Lukni sirraa muramuu miti qoreen xiqqoon takka yeroo si waraante eddoon qoreen si waraante sun hangam takka akka si dhukkubu sammuu kee uf gaaffadhuti deebii ufumaa ufii deebiisi.

Qabsoo isaan irratti wareegaman Dhaloonni ammaa kun galmaan gahuun dirqama keenya.

Seenaan bara baran isaan ni yaadata warra biyya fi sabaaf jecha lubbuu isaanii dhabe. Rabbiin jannaata haa keennuuf. warra akka qabsoon isaanii galma hin geenye hojjaata jiran ammoo lafee fi dhiigni isaani kan lafa irratti dhaggala’e sun isaan haa nyaatu.

INJIFFANNOON KAN UUMMATA OROMOO HAA TA’U!!

calanqoo1 calanqoo2 calanqoo3 calanqoo4 calanqoo5

Check Also

gadaa gujii

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota …