Oduu Haaraya

Shororkeessummaan siyaasa keessatti dhima tokkollee baasee hinbeeku.

Qilee irraa asdeebi’aa (Ezekiel Gebissa irraa)

Shororkeessummaan siyaasa keessatti dhima tokkollee baasee hinbeeku. Biyya keenyattis baratamuu hinqabu. Kanaafuu, Dr Dalasaa gad dhiisun waan nama gammachiisudha. Silumayyuu butamuun irra hinturre. Dhaadanaan qondaaltoti mootummaa eegalan tooftaa siyaasaa shororkeessummaa gadi ta’u miti. Innis dhaabachu qaba.

Amma dhimmi guddaan muddama toftaan siyaasaa dogongoraa ta’e qaamni siyaasa Oromoo lamaan uuman keessa seenne jiru laaffisuuf maaltu haahojjetamu isa jedhudha. DHDUOn ABO balleessuu tooftaa godhate ka’eera. Maqaa ol antuumaa seeraatiin waraana bobaafatee haleella irra jira. Garuu kana gochuu hindanda’u. Isa kana muuxannoo mootummoota Dargii fi ADWUI irraa barachuun nidanda’ama. Hoggantootnii ABO-Shaneen gama isaaniin lola yeroon irraitti darbeen geggesuu dhan, dhabilee siyaasa Oromoo hundi nu ballesu male dhimmi bira hin qaban jedhanii hedachuudhaan, gidiraa uummataa irra dhaabatanii bu’aa siyaasaa argachuu fedhu. Kun barbaachisaa miti. Yoo waregama baasuun barbachiselee baasuu dhaan ummataaf loltoota isaani bararu malee siyaasa DHDUO fi kara banuun tasa hin barbaachisu ture. Kana giddutti ummatni akka miidhamu gochaa jiru jarri lamaanu.

Amma muddama siyaasa jiru kana laaffisuuf sadarkaa sadarkaadhaan akkaataan itti laaffifamu jiraachuutu barbaachisa. Rakkoon amma jiru rakko siyaasaa makaa kan biraa hinqabnee waan ta’eef hoomaa waraanatiin furmaatni argamuu homtuu akka hinjirre, jiraachuus akka hindandeenye gamini lameenuu hubachuu qabu. Kanaaf, furmaata siyaasa barbaachuu qabu.

1. ABO-Shaneen waliigaltee mootummaa waliin seene kabajuuf murannoo agarsiisuu qaba. Loltoonni WBO obboloota isaanii Oromoo waraana mootummaa keessa jiranitti dhukaasuun hiika hinqabu. Tarkaanfii labsa addatti lola dhaabuu dursee ija-jabinaan fudhachuutu irraa eegama.

2. Wayita ABOn tarkaanfii kana fudhatu waraanni mootummaa immoo opereeshinii irra jiru adda kutuudhaan loltoonni ABO leenjiif akka gara mooraa seenaniif carraa kennuu qaba. Haala waliigaltee irra ga’ameetiin loltoonni ABO Humna Addaa Oromiyaa (Special Forces) ta’anii ijaaramuuf carraa argatu. Yaada kana, Obbo Lamma Magarsaa mangudooni yeroo itti dhiheesan fudhatanii malateesaniiru.

3. Ajejaan waraan ABO sadarkaa gadii akkuma sagantaa BBC Afaan Oromoo irratti waadaa seene hooggantoota siyaasaa ABOf abboomamuudhaan, akkasumas loltoonni isaa Humna Addaa Oromiyaa ummata naannoo ittisan ta’anii akka ijaaraman ilaalcha keessa galchuudhaan, loltoota ofii gara mooraa leenjii seensisuu qaba.

4. Koomishiniin Waloo Mootummaa Naannoo Oromiyaa (MNO) fi ABO keessa bahee ijaaramee jirus hojii irra oolmaa dhimma armaan olitti caqafamee tu’achuu qaba. Gaafa barbaachisaa ta’es qaamni sadaffaan jaarsolii biyyaa, abboota amantaa, abboota gadaa fi namoota bebbeekamoo ofkeessaa qabu ijaaramee hojiitti hiikamuu waliigaltee akkasii kana tu’achuu qaba.

5. Aangawoonni MNO gama isaaniin sababoota bishaan hinfuune eeruu dhiisanii godinaalee Oromiyaa lixaa daawwachuudhaan uummata jajjabeessuu qabu. Yaadni sodaa lubbuu isaaniif daawwannaa dhiisan jedhu sababa amansiisaa miti, waan fudhatamaas miti.

6. Caasaan bulchiinsaa naannoolee kanneenii deebi’ee ijaaramuu qaba. Uummanni naannoos yoo motummaan isaan waliin mari’atee namoota isaan fedhan bulchitoota taasisee remade ni fudhata.

7. ABOn gama isaatiin rakkinoota gara duraa jiran maqasuuf jecha, hooggansa haaraa uummachuu dabalatee, waan danda’ame hunda raawwachuu (fakkenyaaf partiiwwan Oromoo biroo waliin wal ta’uu ykn walitti baquu) qaba.

Rakkoon kun yoo hinfuramin biyyattiin waldhabdee hinbarbaachifne keessa seenuu malti. Lolli yeroo kanatti uumamu immoo ce’umsa amma eegalame kana ni gufachiisa, caccabiinsa jaarmiyaalee motoomaa (state) ni ariifachiisa, balaa kufaatii motoomaa dhalchuus nimala. Adeemsa karaa kanaa irratti qaamni injifataa ta’ee ba’u hinjiraatu. Qilee irraa asdeebi’aa. Diddan utaalaa itti seenaa. Ammas kanumatti jirtu. Garuu achi keessaa asdeebi’uun hinjiraatu. Kan hin hubbatu kessan rabbitu beeka

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …