Oduu Haaraya

SHIRRI QABSOO OROMOO GALMA GAHUU HANQISE DHALOOTA QUBEETIIN GOOLABAMUU QABA!

(Ija gandummaatiin osoo hin tahin ija oromummaatiin dubbisii, waliif dabarsi)

(Saphaloo Kadiir irraa)

Galma hanqachuu qabsoo Oromoo tan dabare keessaa waa laalanii barachuun deemsa qabsoo arraa saffisuu daran galma gahiinsa dhugaatiis nu gonfachiisa. Galma hanqachuu qabsoo Oromoo tan dur irraa gootoonni kumaatamni irratti kufaa tureefi arraas ittuma jiru tana sababni galma hanqisan danuu tahullee inni guddaa fi ijoon tokko shiraa fi daba adeemsa qabsoo keessatti yeroo gara yerootti mudachaa ture akka tahe namuu ni beeka. Shiraa fi dabni qabsoo Oromoo danqaa ture kun yeroo gara yerootti cicciramuu dhaaba qabsoo Oromootiif kan sababa tahe yoo tahu, san keessaa jalqaba addaan dhilliyyamuu dhaaba qabsoo Oromoo tokkicha xumura bara 1970’moota bakka lamatti qurxee dha. Adda Bilisummaa Oromoo keessatti shirri mudachaa ture danuu yoo tahu ka’uumsa addaan fottoqiinsa kanaatiif ammoo akka sababa guddaatti kan kaafamu wareegamuu Jaal Baaroo Tumsaa akka tahe himama. Haa tahuu malee seenaan wareegamuu jaal Baaroo Tumsaa tan dhugaatii fi xaliilli san hanga ammaa ifatti baatee beekkamu baattuus akka warri yeroo san turan himanitti gariin shirri guddaa fi hamaan tokko yeroo sanitti qabsoo Oromoo danquuf kan akeekamee raawwatame akka tahetti dubbatu. Garri tokko ammoo saaminsa aangootiif shira xaxame ja’an. Garri tokko ammoo miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo kan sammuun fayyaa hin qabne tokkootu tasa itti dhukaasee wareege ja’an. Hanga arraatti garuu hogganoonni fi gaggeessitoonni Adda Bilisummaa Oromoo kan yeroo san turan, kan iccitii dubbii tanaa gad fageenyaan beekan hangi tokko arraas lubbuun jiraatan illee humaa hin hafuursine. Wareegamuu Jaal Baaroo Tumsaatiin wal qabatee shirri cilee dibatuuf Jaarraa Abbaa Gadaa irratti kallattiin deemsifamuun waliin wal qabatee Waraanni Bilisummaa Oromoo bakka lamatti bahuun wal waraanuu jalqabe. Sababuma kanarraa ammoo Addi Bilisummaa Oromoo bakka lamatti cabe. Bu’ureessaan ABO fi hogganaan WBO, qabsaawaa hangafaa fi abbaan qabsoo bilisummaa Oromoo sooreessi Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa shira sobaa hamaa irratti oofame irraa onneen butte utaalee ABO irraa achi bahuun IFLO hundeessee qabsoo isaa itti fufe.

Akka tahettuu haa tahuu malee waanuma jabaateetu Jaarraa dhaaba jalqaba bu’urreessee qabsoo jalqabsiise irraa achi dhiibee kan biraa isa hundeessise malee waa laaftuu miti warri ja’uus hanga ammaa ni jiran. Jaarraan IFLO bu’ureessee qabsoo hidhannoo diina irratti fudhatu itti fufuuf yaaluus garuu akka yaadetti laaftuu hin taaneef. Maqa xureessi Jaarraan Oromiyaa araboota jala galchuu deema ja’u fi Jaarraan amantiif malee Oromoof hin qabsooyne ja’uus xiixuu jalqabe. Irra baayyeen warri qabsoo Jaarraa Abbaa Gadaa Ahmad Ibn Ali Gaazii (Ahmad Giraany) waliin walitti hidhuus hin dhabamne. Dhugaan jiru ammoo Jaarraan deeggarsa qabsoo Araboota irraa argachuu qofaaf malee dhimma kana mara keessa hin turre. Oromiyaa keessatti qabsoon abbaa biyyummaa Oromoon gaggeessu diina irratti osoon tahin kan walirratti xiyyeefate ture jechuun ni danda’ama. Wal waraansi ABO fi IFLO jiddutti fottoqa irraa jalqabame akkuma itti fufetti osoo deemuu dhuma irra wayyaaneen Oromiyaa dhunfachuudhaan goolabame ture. Warri yeroo san WBO fi IFLO keessa turaniis akka himanitti lola diina irratti godhamu caalaa kan ABO fi IFLO jiddutti godhameetu irra hamaa ture ja’an. Jalqaba bara 1990’mootaa aniis siyaasaa wal xaxxuu gad fageenyaan beeku baadhullee yeroo Oromoo fi Tigreen wal waaraanan hanga tokko niin beeka ture. Dilas joollummaa hin qabu waan taheef dubbii wal waraansa ABO fi IFLO jiddutti naannoo keenyatti gaggeeffamaa ture amma yoon yaadadhu waa taajjabuu hin oolle. Dhugumatti naannoon ani itti dhaladhe Baha Oromiyaa ona Oborraa fi Meettaa jiddutti yeroo sanitti guyyaa ABO fi Tigreen wal waraante irra kan ABO fi Jaarraa (IFLO) wal dhooyte akka baayy’atu niin yaadadha. Aniis kanumarraa ka’een adeemsa qabsoo Oromoo danqee fi galma hanqise keessaa sababni guddaan tokko ciminaa fi gootummaa wayyaanee yookaa sodaattummaa fi tarsiimoo siyaasaa wallaaluu hogganoota qabsoo Oromoo qofa osoo hin tahin kallattiin wal waraanuu dhaaboota qabsoo Oromoo kan akka ABO fi IFLO faa jiddutti uumamuu akka tahettiin fudhadha.

Eega Addi Bilisummaa Oromoo fi IFLO’niis moohinsa wayyaaneetiin biyya keessaa tufamanii bahan boodaas shiraa fi dabni qaama qabsoo Oromoo addaan dhilliyyuu fi imala isaanii sakaalu ittuma fufee dhaaba qabsoo Oromoo bakka heddutti addaan qaanxeesse. Baroota 20’moota dabran kanaas sababni dhaaboota qabsoo Oromoo afaaniin malee qabatamaan qabsoo keessaa moggatti tufees shirri yeroo adda addaa tooftaa jijjiiraa as bahuu daran hammachuun dhaabni bakka heddutti akka cabu godhaa ture kun ammaas akkasumatti itti fufee jiraachuu isaa agarra. Tooftaa shirri kun ittiin gaggeeffamaa ture fi jiru keessaa muraasni nama qabsoo Oromoo fuul-duratti ni tarkaanfachiisa ja’anii shakkan sakaaluu, namoota sammuu qara qabanii fi hojii adda addaa hojjatan maqaa balleessuu fi seenaa isaanii xureessuu, nama afooshaallee jaaru yoo arkan kallattiin irratti xiyyeeffachuun dhoqqee dibuu, maqaa amantii, gandummaa fi lagummaa irratti maxxansuu, namoota oromoof quuqaman kan ammoo geengoo isaanii keessa hin jirre seenaa sobaa itti uwwisuun akka Oromoon jibbu godhuu, hojii namoonni ciccimoon hojjatan dura dhaabbachuun mormuu, akka namni isaanii alatti waa hojjatu kamuu if jibbee inaadaan karaa isaan itti maqaa xureessan san seenu godhuun, warra isaan keessa ture kan adeemsaa fi shira isaanii kana baree irraa achi fottoqu kamillee akkuma Jaarraa Abbaa Gadaa san diina caalaa kallattiin waraana irratti bobbaasuu, namoota adeemsa cubbuu isaanii dura dhaabbatu dhooksaan lubbuu galaafachuu, osoo namni hin goobanin waan yaada dhugaa dubbate qofaaf gantuu fi goobanaa godhuu fi akka sabni Oromoo wal afaan deebi’ee wal nyaatu, wal jibbu godhuudhaan akka tahe waan dhooysaa jiruu miti. Jaarmayoota qabsoo Oromoo kan baroota booda kana ABO irraa fottoqan mara kaan gandatti galchanii, kaan cubbuu addaa itti uumanii cilee dibuun ajeeysanii, kaan ammoo dhaaba gantootaa godhanii… haaluma kanaan hanga arraa laamsheessanii injifannoo cubbuu irratti gonfachuu dandahanii jiran.

Walumaagalatti warren maqaa qabsoo Oromoo qabatanii afaan qofaan qabsaawaan kun kaayyoo fi akeeka dhaabni hundaa’eef san gatanii, kallattii qabsootiis diina irraa nama Oromoof hojjatu irratti xiyyeeffatanii kan deemaa turanii fi arraas tooftaa addaa jijjiiranii kan itti jiran tahuu waanuma Oromoon marti beekuu dha. Qabsoon jaroota kanaa akeekaa fi kaayyoo dhaabaa tan ganamaa san hojii irra oolchuun bilisummaa fi walabummaa Oromoon barbaadu san mirkaneessuu osoo hin tahin hawwii fi fedhii dhunfaatiin jaamanii, shiraa fi dhara qabsoo Oromoo keessa diriirsanii namoota isaan irraa fottoqee fi kan tirachuu imala qabsoo isaanii kana hifatee xurree qabsoo injifannoo kutaaraan galmeessuu dandeessu tilmaamu mara dhoqqee ajooytuu kijibaan dibanii eega moggatti baasanii booda akka Oromoon isaan malee namni nuuf qabsaa’u waan jiru ja’anii abdii muranii, harka kennanii amanan godhuun san booda barbaadan qabsaa’uu, barbaadan ammoo kan qabsaa’u macalaasaa jiraachuuf waan abjootan fakkaatu. Shira isaanii kana warri muraasni yeroo dheeraa dura keessatti arkanii irraa malachaa kan turan tahuus garuu Oromoon harki 80 shiraa fi dhara isaanii guututti baranii, arkanii, mirkaneeffatanii kan harka jalaa fudhatan ammoo baroota lamaan qabsoon harka duwwaa biyya keessatti gaggeeffamaa turte kana akka tahe ni hubatama. Qabsoon Oromoo isaan malee akka galma gahuu dandeessu kan hubatan warri sammuun siyaasaa dulloomteen qabamte kun hanguma duraanuu ibsa ejjannootiin illee taatu diina irratti qabsaawan sanuu hurgufanii dhiisanii galma gahiinsa injifannoo qabsoo Oromoo kana hanqisuuf shira isaanii haareyatti xaxanii wayyaaneef tumsa bahaa kan jiran fakkaatu.

Tooftaan jarri siyaasaan harkaa doobante kun itti fayyadamanii qabsoo Oromoo akkuma dur qancarsuuf itti deemaa jiran hedduu tahuus san keessaa muraasni akka armaan gadii kana taha.

1) Hayyoota sabboonummaan irraa calaqqisu kan taligaa fi tooftaa adeemsa qabsoo Oromoon godhaa jirtuuf yaada tinnisaa laatan, warra Oromoon jaaramuu qabdi jechuun Oromoo jaaruutiif sossoo’u jalqaban mara laamsheessuu, nama afooshaallee taatu fedhiifi beekkamtii isaaniitiin ala walitti qaban mara hojiin ala godhuu,
2) Dhaabbiilee hawaasummaa kan akka miidiyaa faa kan sabni Oromoo harki caalu jaalatan, deeggaranii fi jala hiriiran maqaa xureessuu, balaaleeffachuu fi diina waan Oromoo diiguu jaalatu waliinillee hiriiranii diiguuf yaaluu
3) Oromoon qabsoo jalqabde mara dhiiftee akka ifiif wal afaan deebi’an godhanii Kutaa, lagaa fi amantiin wal nyaachisuu, walitti duulchisuu fi guutumatti adeemsi qabsoo baroota lamaan kana godhaman akka miidhaa malee bu’aa hin buusin fakkeessanii afuufuun Oromoo guutumattuu qabsoo irraa abdii kutachiisuuf wixxifachuu,
4) Akkuma wayyaaneen gowwaa Oromoo kan hin baratin, OPDO jattee uumuun qabattee umrii gabrummaa isii Oromoo irratti dheereeffachaa jirtu, jarri siyaasaan harkaa bade kuniis gowwaa baradhe ifiin ja’u qabatanii Oromoo afaanfaajjeessuu, saba arrabsiisuu fi namoota wahi taatee quuqama qabaniifi qabsoo baroota lamaan kana godhamte yaadaan tinnisan irratti cubbuun duulchisuu,
5) Ajandaa namoota dhunfaa mata duree guddoo godhatanii hafarsuu, wal dhabbii namoota lamaa wal dhabbiifi wal diddaa Kutaa Oromiyaa fakkeessanii afuufuu, kana malees ilaalcha amantiitiin akka Oromoon ija keessa wal laalee walitti gaarrinfatu godhuuf tattaafachuu,
6) Adeemsa qabsoo baroota lamaan kana gaggeeffamaa ture micciiruun akka ajandaan isaa dagatamu, akka Oromoon wal dhahiinsaa fi walitti bu’iinsa adda addaa wal jiddutti uumuun wal balaaleeffatu godhuun abdii kutachiisuuf yaaluu,
7) Oromoo bakka lamatti baasuun warra biyya keessaa fi warra diyaaspooraa jechuun qoodanii warri diyaasfoora kun tokkolleen akka Oromoof quuqama hin qabne fakkeessanii kijiba afuufuun akka Oromoon namoota tokko tokko kan geengoo diinaati ala jiraatee adeemsa warraaqsa godhamaa turee san karaa dandahuun gargaaraa ture shakkuu fi balfu taasisuu,
8) Qeeqa, yaadaa fi olola bu’ura hin qabne, kan raga fi qabatamni isaa hin jirre, yaadoota diigaa fi humaa irraa hin baratamne, taajjabbii afanfaajjii fi arrabsoo uumuun namoota sabni kun ni qabna ja’anii abdatan irratti afuufuun akka Oromoon ija isaa diina irraa naanneessee namootuma kaleessa jaalatan kana ija shakkiitiin mil’atan godhuuf tattaafachuu,
9) Qarooma dhaloota qubee, tokkummaa Oromoon jaaratte kana dagachuun hanga isaaniif dandahametti harka diinaa keessaan gamtummaan Oromoon jaarratte kun akka diigamu, akka faca’u, akka Oromoon ammallee waggoota danuuf gabrummaa jalatti gombifamu godhuuf karoorfachuu,
10) Kutaa Oromiyaa tokko dhaadheessanii Kutaa tokko tuffachuun akka Oromoon qoodamiinsa kalee san caalu keessatti kuftu godhuuf, namoota amantiin gargarii yoo tasa dhimma hojii, dhimma dhunfaa fi fedhii isaanii irratti walitti mufatan mata duree micciiranii akka waan gandummaan, gosummaan ykn ilaalcha amantiitiin walitti bu’anii fakkeessuun lallabuu,
11) Dhaabbiilee, jaarmaya, waldaya, gumii fi ijaarsoota Oromoo kan qabsoo amma Oromoon itti jiru kana deeggaran mara jaarmayoota, dhaabbiilee gandaa, gosaa, amantii fi qabeenya dhunfaa akka tahetti fakkeessaanii hafarsuu,
12) Namoota yaada isaan oofan kana dura dhaabbatan, warra yaada qabatamaa qabatee shira isaan oofan kana morman, warra qabsoo Oromoon isaanii alatti godhaa jiran kana deeggaran kan biyyoota dadda’iifa akka biyyoota Afrikkaa keessa jiran filanii diinaaf dabarsanii kennuun, warreen macalaasuun laaffattuuf ammoo maallaqa xiqqaan ukkaamsitoota itti bitanii dhooysaan lubbuu gaaga’uun injifannoo shiraa galmeessuu kajeeluuf karoora baafatanii hoji seenuu fi kan biro danuun tooftaalee qaamni qabsoo Oromoo dulloomee if haaroomsuu dadhabe kun wayta ammaa Oromoo gabrummaa jala tursiisuuf qabatee deemaa jiruun keessaa isaan muraasa.

Eegaa! yaa ilmaan Oromoo kabajamoo, tooftaa fi shira addaa hamaa gabrummaa jalatti Oromoo doobansuuf garee fi murna maqaa Oromoo himatuun diriirfamaa jiru kana haaloota dhiheenya miidiyaa hawaasaa irratti arkaa jirru irraa laaftumatti ni hubattan ja’een yaada. Eega agoobara Oromoo irratti funyoo dharaa fi shiraatiin diriire kana beeknee ammoo, haala kamiin Oromoon qabsoo isaatiin diina kallattiin beekan wayyaanees dabalatee, fira diinoomee dhooysaan gabrummaa jalatti nu waarsuuf hidhatee deemu kanaas injifachuun moohinsa Oromummaa gonfachuun danda’ama kan jedhu yeroo biraan qabadhee dhufa. Hundaafuu Oromoon akka Oromootti gamtummaa bu’ureeffate tana cimsannee galii keenya dhugaa gahuuf haa tattaafannuu. Shirri qabsoo oromoo galma gahuu hanqise dhaloota qubeetiin cicciramee, deemsi isaatiis goolabamuu qaba ja’een yaada. Geengoo diinaa cabsuu qofa osoo hin tahin mooraan qabsoo Oromoo tan cubbuun, shirrii fi dharri keessatti wal hore, tan masluuffummaan walakkatti saartee qe’ee gowwaa fi daafanaan qofti keessatti wal gahe fakkaattu fi kijibni keessatti waare tun marti qabsoo dhaloota qubeetiin akka qulqullooytu shakkii hin qabu jechaan barruu tiyya guduunfee arraaf goolabe. Horaa bulaa!

Oromiyaan qabsoo haqaa fi dhugaa qofaan ni walaboomti!

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Caamsaa, 2017

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!!Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Concomitant therapy of OLF will abort the incogitable humilation against Oromo people

By Dr.B.K.Deressa War is the central problem of international relations. For as long as humans …

One comment

  1. kosii,wasaka fi xurii beekataa?Kun sani.Hawwaasa keessatti akkanatti hin diddigin.Seenaa kan beektu fakkeessuuf kijiba lafa guuttaa!Jaal’attus jibbitus Oromoo fi warri Oromoof qabsaawan tokkuma.Ati fi farreen akka kee ololaan adda fageessuu ykn diina walitti gochuu hin dandeessan.adda addummaan jiraatus waanuma furamu.Wanti tokkummaa Oromoo hanqisu tasumaa hin jiru.Hin dadhabin.Taqayyuura!

Yaada kanaaf deebisaa kenni