Oduu Haaraya
sheek hamiid bookee

Sheek Haamid Booke Du’aan Addunyaa kana Irraa Godaanani

(RDH)

Ina lilaah Wo inna Ileeh Raaji’uun !

ODUU AMMA NUGAHE

Raadiyoo Daandii Haqaatin
Wiixata Woxabajjii 22 / 2007

Godina Harargee lixaa Aanaa Bookee xiqqoo Aradda 06 ganda waldayaa Keysatti Barnoota suufiyya Ahbaash Barsiisaa Kan turan Sheek Haamid Bookee Maqaan Isaanii kan dhalootaa Sh/ Haamid Aliwadaay Du’aan Adunyaa kana Irraa Godaanani .

Sheek Haamid Bookee Ummata Muslima Warra towhida Aanaa Bookee Xiqqoo keysatti Argaman humnoota seeran Alaa walin waaliigaluun Rakkina Hammana hin jedhamne Irratti raawachiisaa Akka turaniif akkasummas Fatwwa kaaseta Raayya fi Kan Abdooshe Aliiyi dhagahuun hin baqahu haraama jechu isaani isiniif gabaasun keenya ni yaadatama .

Akkasummas Qaamota mootumma wojjin tahuudhan Masjiidin Waabiya nuf kenamu qaba waabiyootin masjiida Rabbii baleeysa jiru jechuun sochii akka godhaa turan Hawaasa naanicha irra beekun dandahameera .

Sheek Haamid Bookee Nama barnoota Ahbaashi Barsiisuun Namoota Heddu Qubsiise yoo ta’u Harargee lixaa Aanaa Bookee keysatti bakka Hadraa Mowlida Itti geggeysan 5 oli Nama hundeyse fi magaalawwan Godina Harargee lixaa Keysatti Argama hedduu keysatti Darasaa Ahbaashi Qubsiisun Magaala Baddeysaa , Magaala Galamsoo , Magaala Machaaraa Dabalatee hedduu Keysa Facaasaa Akka ture Namoonni Isaan Beekan Nuuf Eeraniru.

Shek Haamid Bookee Guyyaa Sanbata dheengadda kan Du’aan yommu tahu Dilbata Kaleessaa Awwalchi Isaani Aanuma Bookee Xiqqoo Aradda 06 Ganda Waldayaa keysatti Akka Raawatame Beekuun danda.amera.

Ammaf Namni sheek Haamid Bakka buufamu Beekamuu Baatus Namni Shek Zeynuu Jedhamu Bakka buufamuuf Shakkamaa Akka jirus beekameera.

Fuulduraaf Shirkiin Anicha Keysatti humna Akka Dhabduu fi Aanichi gochoota shirkii babaldhiisan irraa Akka Qulqullaahu Namoonni Dubbachaa Akka jiran hubatame jira.

Fedhii Duniyaa guutachuf jecha Hardha Qaamota Mootumma wojjin taane hawaasa keenya Roorifinus Booru ful dura Rabbi dhaabachuun keenya hin olu !

Duuti Nama Qalbii qabuuf Barnoota gudaadha !

Ina lilaah Wo inna Ileeh Raaji’uun !

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …