Oduu Haaraya

Shaneen Ekeraa Fira Dhabaan Awwaala Dhabde

Shaneen ekeraa fira dhaba reeffi awwaala dhabe. Gurmuu yaadaa fi karoora /blue print/ rakkoo saba Oromoo fi hawaasa cunqurfamaa waliin hiddaan furu ajaja Shaabiyaan itti kennitu malee hin qabne.

Bulchitoota Shaabiyyaa- Mootummaan Ertiraa qunnamtii godhee fi Shaneen walitti hidhatuun Naqfaa miliyoona waggaan remade addaan qoodamuu barate gariin akka Tolee sooqqidda irratti qicaa harkuun sobataa elmatan Saba Oromootiin gowwoomsuun yoo aanjaan argame bakka Wayyaanee buufatuu osoo hafuura keessatti ittiftu Qabsoo Oromoo naafifte. Ufii tuffatamtee Saba Oromoo tuffachiifte,
Gaafa J/Kamaal Galchuutii fi J/Hayluu Gonfaa faa gootota Oromoo waraana mootummaa keessaa sirna Wayyaanetti ibidda hidhatanii fi qawwee itti gargalfatan buqqifatanii qaamaan itti makamanuu Shaneen qaata duute.
Kama waraana /WBO/ facaaftee Dirree falmaa onnsitee fi jaarmaya siyaasaa biyya keessaa madda diinaggee dhuunfatuu irratti osoo wal morkaan oddeessa diina /Wayyaanee/ dabarsitu,gaagaasisuun eeguma maqaa 3/ ‘ABO, Alaabaa fi SBO’ qofti hate Saba Oromoo hafuura itti deebise.
Warri keessa beeku gariin “lmaan Oromoo tarkaanfii gootummaa san fudhatuu eega hin oolin yoo san gara Ertiraa dhaquu, ABO /Shabiyaa fi Shaneen/ gaggabsitetti dabalamuu manna osoo achumaa lola Wayyaanee garagalchuu godhanii silaa yoosuu hawaasa Oromoo sochoosu, rakkoon hin mudatu, doggogora.. faa” jedhee amanuu dubbatu gadin qabanne.
Gurmuun hawaasaa harki guddaan gadi fageessee xiinxallu ammoo faallaa yaada armaa olii murtii qajeelaa fudhatuu “ABOn wal dhuunfatuun akkasumatti Dhaabota Oromootii fi mormtoota biraa waliin Tokkummaa, humna jabaa ijaaruun hawaasa keessaa-alaan sochoosuun yoma gabaabdutti sirna Wayyaanee diiguu herreguun hin dogoggorre faa..” jedhee yaada dhugarraa madde kennuun gargaaraa as dhufe. Dhugaan jiru ammoo kanuma taya.
Dhugaa san ammoo wanti hanqise dhiibbaa Shanee fi Shaabiyaa akka taate mamaa hinqabu.
Uumaa fi aadaan Shanee yoo madda rakkoo hangafa
1-Jalqabumaa kaasee gareen naannaya tokkoo bakka hoggana ABO qabatuun yaada hamaa bakka gurmuu Nafxanyaa fi Wayyaanee uf buusee dhaalaan ummata Oromoo biraa gabroonfatee bulchuun xaxamee.
2-Garee gahummaa fi walii hingalle /incompetent and incompatible/ ijaaratuun QBO handhuuraa daldala madda diinaggee maatii godhatuun irratti waljijjiiraa
3-Yoo maraa dhawa /tarsiimoo Qabsoo –“Laakkofsa gurmuu firaa guddisuu, diina ammoo xiqqeessuu /haphisuu” jedhu faallaa garagalchuun /diina guddisuun fira facaasuu faa/ dalaguun Sabaa fi Sablammoota ufitti qabuu dhiisii tokkummaa saba Oromootuu dharu aadaa godhate
4-Lammii Oromoo gosa, /naannya/ biraa keessattuu yoo dandeettii fi yaada tarkaanfataa qabu taatee boruu-hegeree jijjiirama fiduun liqimfamuun sodaate gara hogganaa dhiyaatuu mitii akka miseensummaan qooda QBO hamileen hin gummachine sakkaaluun maayii akka osoo homaa hin dalagin gaaddisa jalatti lubbuun wareegamu ykn abdii kutatee ganu godhuu,
5-Lammii Oromoo gara biraa qofaa mitii Oromoo tarkaanfataa akka sirnaa yaadu naannaya /gosa, gandaa fi amantii/ sanitti dhalatee yoo yaada garee-Siyaasa Booyyee /Dhaaduu
“All animals have right, some animals have more right.” Jedhuu G.Orwell kitaaba ‘Animal Farm’ barreesse ibse fakkaatu hin qabaanne bakka gaafatamaarraa dhiibuu. Ammaan tana abbootuma garee QBO gaadite ijaartee biraa lafa maraa turte galgalaan seera Wayyaaneen /constitution/biyyaan dhabamsiisaa turtee fi ittiin jirtu dhugoomsuun harka itti kennatuu cidha godhatuu dhagawuun dhaasa.
6-ABO jaarmaya miseensa waa maraan hoggana caaluun akka nafa guutuu mataa hinqabnee /’headless torso’/ jedhamu fakkaatu hoggana ‘cichaa’ malee cimaa akka hin horanne horatuu bultii hin baafanneen humna siyaasaa fi waraanaa jabaa godhuu hanqise.
2-Shaabiyaan ammoo rakkoo mataa ufiituu furatuu manna ufitti xaxuun hawaasa biyya lafaatiin tuffatamuun mudate. Shaabiyaan Humna Wayyaanee diigu caalaa gurmuu dadhasbaa akka Shanee bakka Wayyaanee buufatu osoo tolfatuu ifaajju aduun itti dhiite. Wanti Shanee fi Shaabiyaan gootu cufti akka darara hawaasa Oromoo, QBO dheeratu, laakkofsi wareega dachamaan dabalaa sirna gabrummaa fi cunqursaa bultii baafatu gargaare.
Yoo uumaan OPDOn Wayyaanee jala jirtuu rakkoo Saba Oromoo hin furtuu amanuun jibbisiise Shaneen guyyaa keessa galtuu akaakkayyuu OPDO, abbaa Wayyaanee-Shaabiyaa taate wanti gargar godhu hinjiru.
Wanti nama maalalu gurmuu hawaasa Oromoo gama laafaa gosaa, naannayaa fi kanniin fakkaatuun hawatamee ijibaatuu dhabee haga ammaa Shaneen Raqa Shame akka aadaan “Reeffa aanaa 7 gargalchan.”jedhan Olii gadi garagalchuu arguu-dhagawuun asgaye.
Amma murtiin ummata Oromoo dadhabaa fi raqa olii-gadi gara galchuu miti. Gurmuun hawaasa Oromoo beekaa/ wallaallaan/ gama garee akka Shanee faa goree gosaa fi gandaan aduun waliin itti dhiite kana dhiisee yaada tarkaanfataa tokkummaa saba Oromoo laafe ittichuu bira taree sabaa-sablammoota roorroo fakkaataa hobbaafatuu tattaafatan waliin dhaabatuun Wayyaanee mataan cabe akka walirraa hin hafne godhu waliin yoo hiriire seenaa haaromsu taya. QBO jalqaba malee hin goolabamne.
Garuu yoomiyyuu caala hoggana biyya ambaatii ibidda ufii waliin hin gubanne internet fi ololaan hiixuun hawaasa Oromootti qabsiisu osoo hin taane akka Wayyaanee fi farriin beekuu dhiisii shakkuu hin dandeennetti hojjataa hojjachiisu horatuu afaan guutattanii dubbatuun nama hin qaanfachiisu.

jajjaboo2011@gmail.com
jajjaboo sabaa

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …