Oduu Haaraya

Shanee fi Wayyaanee Lakkoolee Hammeenyaa!

Jarana Oromoon gidiraa fokkisaa keessa turuun dhugaa dha. Gidiraa obbaafatuuf gatii kanfalee qabsaaye. Amma qabsoon isaa karaa qabateera. Dhugaa kana abbaa fedhetu arga. Tokkummaan Oromoo ititeera. Hidhamaan siyaasaa hiikameera. Qilleensi bilisummaa bubbiseera. Oromoo callaa otoo hin taane sabooti Itoophiyaatuu ukkaamsaa obbaafataniiru. Namuu alaabaa fedhe qabatee hiriira oolee nagayaan gala. Kun waan qabatamaa mullatuu dha.
Qabsoon ummata Oromoo kan qaama tokkoo miti. Hirmaattoti danuu dha. Kanaaf DhDUOn jaarmota Oromoo hundaaf yaamicha tokkummaa godhe. Kaayoon yaamicha sanii qabsoo sabichaa gulantaa itti aanutti ceesisuu dha. ADO, KWO fi ABOT yaamicha kana owwaatuun gara biyyaa dhufaniiru. Oromoon wal-ta’ee loluu malee wal loluu hin qabu. Jaarmota keenya warra tokkummaaf ummataaf dursa kennan lafaa kaanee galateeffanna. Kan tokkummaa Oromoo jibbe Shanee callaa dha. Sun wahiifi. Silaa dabi duuba jiraatuu baatee “Gooti” gaafa Mallasii fi gaafa Hayilamaarama afuura hin baafatin bara Obbo Lammaa fi Dr Abiyyi Oromoo irratti hin bookkisu. Kaayoon Shanee Oromoo cabsuu akka ta’e ifa dha.
Shanee fi Wayyaaneen cinaacha lamaan saantima tokkooti. Lachuu dhugaa hin jaalatan. Jireenyi jaraa dabaa fi cubbuu irra dhaabbata. Lachuu tokkummaa ummataa hin jaalatan. Lafa gayanitti nama wal-afaan deebisuuf fiigu. Lachuu ofittoo dha. Faayidaa murna ofiif jecha biyyaa fi ummata walitti qabanii gurguru. Lachuu saalfii hin beekan. Waan ofii ta’an siin jedhu. Ofii balleessanii sitti haqatu. Kana biratti waliin daldalu. Shaqixi isaan gurguran dhiiga ummataati. Jiruun isaanii walitti. Gaafa takka miidhamte tuun ni boochi. Wanti jidduu kana shanee utaalchisu kana. Wayyaaneen dhibamnaan shaneen aadaa jirti. Waliif dhukkubsatti!
Oromoon diina Shanee irra hamaa hin qabu. Kaleessa Shaneetu qabsoo Oromoo kolaasaa ture. Gaafa chaarteraa ijaarsa Shaneetu waraana ABO ficcisiise. Daawud Ibsaa tika waraanaa turuun ni yaadatama. Kan ABO bakka sagalitti caccabses shira shaneeti. Sana keessatti gootota danuu dhabne. Qeerroo Soloolo keessatti Shaneen jiraa gubde dhiyootti isiniif himna. Gaafa duraa gandummaa shaneetu Oromootti fide. Adaadaa fi durbii maqaa qabsootiin Ameerikaa fi Yurooppi geeffataa turan. Naayiroobitti “Yaa Rabbi otoon ani Ameerikaa hin seenin Oromoof hin dabarsin” jedhanii waaqa kadhatu. Kun kaleessa miti. Hardhuma itti jiru. Yoo Oromoof darbe maqaa Oromootiin daldaluun akka hin taane beekaniiti. Kanaaf gadadoo Oromoo dheeressuu fedhu. Jiruun Shanee fi Wayyaanee gadadoo Oromoo irratti hundaa’a. Yoo Oromoof tole isaanitti hammaata.
Oromoon gara ifaa deemaa jira. Rakkoo hamaan silas kaleessa ture. Garuu gaafas Shaneen oduu malee hin shokoksine. Hardha wayita Oromoof lafti bariitu eessaa baate? Qawween gaafa qeerroon karaa irratti dhumtu takkaa “xash” hin jedhin hardha eessaa bahee Oromoo ajjeesa? Dubbiin isaa ifa. Wayyaanetu duubaa hoofa. Horii fi qawween tan Wayyaaneti. Kan wal ajjeesu ammoo ilmaan Oromooti. Horii kaleessa nu saamaniin hardha wal nu nyaachisu. Numaan nu cabsuufi. Qeerroon dhihaa daba kana hin hubanne. Gubbaa qabsoo Oromoo odeessu. Keessi ammoo waan Oromoo balleessu.
Wanti argaa jirru fokkuu dha. Lixa Oromiyaatti Oromoo ajjeesanii gubaa jiru. Nami nagayaa yaaddoo hamaa seenera. Kashalabbeen horiin bitame abbaa fedhe ajjeesee gata. Kun ulaagaa kamiinuu qabsoo miti. Qabatamaatti farra qabsoo Oromooti. Poolisii Oromiyaa warra gatii qaalii kanfalee ummata balaa hamaa irraa baraaraa ture ajjeesanii gubaa maqaa qabsoo Oromootiin nagaduun hin taatu. Diina Oromoo fi ummati Itoophiyaa ofirraa cabse fayyisuuf tattaafataa qabsoon hin jiru.
Amma maaltu mala? Ijoon dubbii as jirti. Qabsoon Oromoo duratti deemuu qaba. Kanaaf waa lama barbaachisa. Tokko tokkummaa jabeessu dha. Oromoon bakka yaade gahuuf daangaa siyaasaa diigee tokkoomuu qaba. Faayidaa Oromoof jecha jaarmoti Oromoo addooma ofii dhiphisanii waliin hojjatuu qabu. Kan tokkummaa didu diina Oromooti. Lammata dhugaa jiru ummata hubachiisu dha. Shanee wayyaanetu qaba. Gaafa ofii kufuu kaatu shanee maqaa Oromootin bobbaafte. Oromoodhan Oromoo cabsuu kalee baratte. Sadaffaa olaantummaa seeraa mirkaneessu dha. Nami mirga gaafatuun sirrii dha. Oromoo ajjeesanii gubuun garuu mirga miti.
Shanee fi Wayyaaneen lakkoolee hammeenyati. Wal irraa hin hafan. Barri jaraa tareera. Hagasumaaf dhidhiitatu. Dubbiin karaatti galuu qaba. Akka Sumaaliyaa ta’uu hin feenu! Ummati keenya kana hubatee nagayaa fi olaantummaa seeraaf tumsuu qaba.
Dhugaatu injifata!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …