Shaaneen yeroo dhumaatiif siyaasa Oromoo keessaa dhabamuu qabdi.!

Barreeffama Prof Ezekiel Gebissa fi Jawar Mohammed haala siyaasa Oromoof Itoophiyaa ilaalchisee tibba kana barreessaniin:
Shanee akka waan ABO taatetti dhiyessani.
Humna shanee, humna mootummaan walqixeessanii mootummaan shanee mo’achuu hin danda’u jedhani.
Yoo mootummaan shanee humnaan balleessuuf yaale Itoophiyaan ni diigamti jechuun xiinxala haqa lafa jiru 100%n haaluun shaneetti lubbuu horuuf kaayyeffatan.
=====================
Itoophiyaa fi Karaa Dhanquu Abjuu Jawaar Mahaammad!

Jawaar kaleessa barruu dheeraa tokko maxxanse. Barruun sun Siyaasi Itoophiyaa karaa dhanquu irra jiraatuu hima. Yoo “ABO” fi mootummaan karaa nagayaa dubbii fixatan cehumsi gara dimokiraasii kan milkaayu ta’uu dubbata. Yoo akkuma eegalame dubbiin gara humnaa deeme ammoo diigumsi moonaa siyaasaa Oromoo keessatti uumamu Oromiyaa bira taree Itoophiyaa akka Yuugoozlaaviyaa kan bittinneessu ta’uu odeessa. Dubbisnaan xinnoo kofalle!
Barruun sun xiinxala otoo hin taane abjuu diina biyya kanaa fakkaata. Dhugaa qabatamaa biyyi keessa jirtu qubayyuu hin qabu. Rakkoon barruu kanaa waa guguddaa shaniin ifuu danda’a.

1. Murna hamaa amma Oromiyaa jeeqaa jiruun “ABO” jechuun sirrii miti. Jawaar murni kun ergamaa diinaa kan ABO diige fi qabsoo Oromoo laamshesse ta’uu tolchee beeka. Maaliif akka maqaa ergamaa diinaa bareechee ummata raatessuuf garuu Waaqatu beeka. ABOn gaafa Oromoon dararamu rafee gaafa Oromoon bilisoomu lolaaf gaara hin seenu. Murni hamaan bilisummaa Oromoo jibbu kun Shanee jedhama. Shaneen ammoo farda Wayyaaneti. Kalees hardhas Geetaachoo Asaffaatu yaabbata. Diina Oromootiin ABO jechuun raajii guddaa dha! Waan dabaa!

2. Siyaasi Itoophiyaa karaa dhanquu irra jiraatuu odeessuun olola. Kaleessa karaa dhanquu irra turuun keenya dhugaa dha. Ummati gara itti deemu fi nama waliin deemu wallaalee ture. Hardha garuu achi hin jirru. Akka waliigalaatti ummati Itoophiyaa cehumsa kana deggaraa jira. Beekaa fi wallaalaan biyyattiif dimokiraasii akka barbaachisu amaneera. Namuu deemsa kana fullaasuuf hooggansa haaromsaa bira dhaabbatuuf murtii qaba. Yaadi fi deemsi ummati deggare ammoo abjuu murnaatiin duubatti hin deebi’u. Akka biyyaatti karaa tokko irra deemaa jirra. karaan sun karaa tokkummaa fi dimokiraasii jedhama. Ammatti dhanquu wanti jedhan qabatamaan hin jiru. Kana biratti cehumsi Itoophiyaa biyyoota ollaa fi mootummoota guguddoo addunyaa irraa deggarsa baayyee argataa jira. Hooggansi haaromsaa waa hunda lakkaayee herregaan hoofaa jira. Haala akkasii keessatti abdan cehumsi keenya hin gufatu. Dhugaa kana cinaatti dhiisanii dhanqeessuun waan hin taane!

3. Humna Shanee akkas ol kaasuun nama kofalchiisa. Jawaar hojiilee hamoo “Shaneen raawwatuu malti,” jedhe ballinaa tarreessee jira. Deggartoota fi hooggansa mootummaa akka ajjeeftu hime. Waan waliin taa’ee karoorse fakkaata. Humni Shanee fi kan mootummaa waan wal-gitu fakkeesse. Garuu abjuu dha. Tokkoffaa ummati Oromoo Shanee tufee jira. Diinummaa ishii xinnaa guddaatu hubate. Gara Wallaggaatti burjaajjii uumtee turte. Amma garuu ummati Wallaggaas mootummaa faana ta’ee of keessaa isii buqqisaa jira. Kana biratti mootummaan xayyaara, taankii fi loojistiikii guddaa ajaja. Yoo dadhabellee biyyoota biraa irraa tumsa gaafatuu danda’a. Shaneen garuu qawwee dulloomaa rasaasa hin qabne qabattee yaati. Lola kana akka mootummaan mooyatu beekuuf hayyuu ta’uu nama hin gaafatu. Haati gasheetuu ni beekti. Murna baduuf torban lama hafe mootummaan qixxeessanii dhiyeessuun xiinxala otoo hin taane dhokachoo taphachuu dha. Akkuma Daawud gorsa Geetaachoo qabatee baatii sadi keessatti aangoo qabatuuf waraana seene san taate dubbiin. Abadan Shaneen ammaan duuba ol hin kaatu. Jawaar Shanee mararfatuu hin oolle. Garuu gamanumaa booyee ijibbaatuu qaba. Duuti ishii murtii dha!

4. Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti ammo olola fokkuu hoofe.. Jawaar raayyaa keessa siyaasa fi sabaan wal-qooduu hamaan akka jiru dubbata. Kijiba guddaa dha. Bakka kamuu caalaa haaromsi dhugaa kan dhufe raayyaa ittisaa keessatti. Amma raayyaan ittisaa akka biyyaaf wabii ta’utti ijaarameera. Cehumsa eegalame milkeessufis qaama kamuu caalaa murannoon hojjataa jira. Jaarmaa akkanaa irratti olola diigumsaa hoofuun nama taajjabsiisa. Abbaan fedhe abjuu fedhe abjootus Raayyaan Ittisaa biyya keenyaaf qofa otoo hin taane gaanfa Afrikaaf abdii dha!

5. Shanee fi mootummaan araaraan dubbii akka hiikan gorsuun olaantummaa seeraa gatii dhoowwachuu dha. Shaneen nagayaan qabsaayuuf waadaa galtee biyya seente. Sana booda waadaa diigdee kaampii 11 banuun daa’ima leenjisaa qophii waraanaa eegalte. Caasaa mootummaa diiguu, meeshaa fi qabeenya saamuu, nama ajjeesuu fi nagaya booressuutti seente. Kaayoon baatii sadi keessatti humnaan aangoo qabatuu dha. Qabatamaatti waan heera biyyaa faallessu hojjatte. Kun yakka gogaa dha. Heera biyyaa fi waadaa ummata Itoophiyaaf seente diigde. Qaami akkanaa shororkeessituu dha. Seeraan karaa qabatuu qabdi. Dubbii shororkeessummaa maqaa siyaasaatiin yaamuun waan hin taane. Jawaar mootummaa sossobee Shanee du’a oolchuuf waan yaade fakkaata. Garuu hin taatu. Shaaneen yeroo dhumaatiif siyaasa Oromoo keessaa dhabamuu qabdi. Ganna digdamaaf fira fakkaattee kan qabsoo keenyatti qoosaa turte gahaa dha. Ushururuun kaleessaatuu sirrii hin turre. Tokkummaa Oromoof jecha baduu qabdi.

Siyaasi Itoophiyaa rakkoo qabaatuun sirrii dha. Abjuun hooggansa gubbaa qixa sirriin lafa hin geenye. Bulchiinsi badaan ammas jira. Kachachallii sirna haqaa keessaa hin baane. Akka waliigalaatti garuu siyaasi keenya fayyaa qaba. Jijjiirami eegalame lammiilee maratti abdii horeera. Dirreen siyaasaa ballateera. mirgi namoomaa kabajameera. Karaan misoomaa fi nagayaa qabatameera. Tokkummaa Oromoo humni fedheyyuu hin diigu. Oromoon martuu wabiin bilisummaa fi qananii isaa tokkummaa ta’uu hubatee jira. Murni tokkummaa Oromootti quba buuse badii isaa beekkatuu qaba. Shanee wanti boolla buuse tokkummaa Oromoo diiguuf yaaluu isiiti. Tokkummaa Itoophiyaa wanti laaffisus abadan hin jiraatu. Cehumse eegalame shakkii tokko malee milkaaya. Yaadi harkaa qabnu yaada yeroon isaa gahee dha. Kanaafuu ni mooyanna! Kun dhugaa namuu amanuu qabuu dha. Hin jigu hin dhangala!
Hora Oromo tiin
Horaa Bulaa! Waan hafe dabalaa!:

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

DHAAMSA OROMUMMAA ILMAAN OROMOO HUNDAAF

Berhanu Hundee Yoo dubbii tuffannee kan laallu ta’e malee, haalli yeroo ammaa sabni Oromoo keessa …

Yaada kanaaf deebisaa kenni