Oduu Haaraya
abdii aagaa

Seenaan jara hindagatu!!!

Ijoolleen armaan gaditti argitan kun bara kana keessa Dhaabbata Raadiiyoo fi Televissionii Oromiyaa irraa warreen ugguramani keessaa isaan muraasa mee takka takkan waa’ee jaraa ha’ilaallu

Lissaanewerk Moges

Suufii offatee suuraa iratti kan argitanii kun dhalatee kanguddate magaalaa gudditti Iluu Abbaa Boor kantaatee magaalaa mattuutti. Gurbaa kanaa wajjin mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Mattuu bara 2005 preparatory(qophaayinaa) barachaa turre. Hata’u malee kutaa dhaan nadursaa ture ani 10+1 innimmoo10+2 barata ture. Mana barumsaatiin alatti mana hidhaa weyyaanee keessas yeroo muraasa waliin dabarsineera. Barattoottoota Oromoo fincilaaf kakaastani ergama ABO fudhattanii jeequmsaaf ijoollee kakaastan jechuun barsiisaa Namarraa Addaamuu fi B/sa Zelaalem Amaanu’eel dabalatee namni 6 mana hidhaa seennee turre. Yeroon sun akkas akkas ta’aa darbite. Lissaaneweqis qormaata biyyoolessa darbuun qabxii univarsitii isa galchu argatee muummee barnootaa Jornalism jedhamuun Bahir Dar isa qaqqabe. Achittis carraa hadhahaa ta’etu isa simate. Barnoota isaa waggaa lammaffaa osoo baratuu walitti bu’iinsa ijoollee Oromoof barattoota Amaaraa uummata Bahir Dariin deeggaarame tuure irratti balaa sanaaf saaxilame. Balaa reebamuu qofaan hindhaabbanne ture kanisa mudate, barnoota irraa waggaa lamaaf ugguramuun lolli sun irraa dhaabbate.
Adabbii isaas xumuree gara barnoota issaatti deebi’uun goolabe. Isaan booda gara waajjira sab-qunnamtiitti bobba’e. Dhaabbata Raadiyoo fi Telvissionii Oromiyaa keessa Reportera afaan Amaaraafi Afaan Oromoo ta’uunis hojjetaa ture. Hata’uutii carraan isaa inni ganamaa sun ammas biraa hinafinfne. Waa’ee master killer naannawaa finfinneetiin walqabatee mormii dhageessiteetta jechuun akkuma gaazxeessitoota Oromoo kaani innis uggurameera. Yaa carraa sabboontotaa nijechisiisa.

Abdii Gadaa

Abdiin mucaa asirratti kaameeraa qabee argitanuu dha. Dhalate kan guddate Shawaa Bahaatti.Abdii wajjin yunivarsiitii hawaasaa muummee qooqa alaa fi barreeffamaatti ramadamnee waliin barataa turre. Doormii tokko keessa waliinis turre. Sabboonummaan inni qabus salphaatti ibsuun narakkisa. Amalaan immoo haasa’ee kan nama hinquuqne waa maraan nama danda’uun mucaa gita hinqabnee dha. Yeroo mara dhimma Oromoo kaasee maryachuu jallatu dha. Dhugaa dubbachuuf waa’ee saba keenyaa yeroo ka’u nama baayyee imimmaan isa hudhuu dha. Innis akkuma warra kaanii barnoota isaa erga goolabee booda Dhaabbata Raadiyoo fi televissionii Oromiyaa keessa qopheessa qqophii Dargaggotaa ta’uun yeroo dheeraaf tajaajileera. Kansaas carraan adda miti master killerii naannawaa Finfinnee mormiteetta jechuun uggurameera.

Ayyaanaa Cimdeessaa

Ayyaanaa jechuun wayyaa aadaa offatee suuraa irratti kanargitan kanaa dha. Dhalatee kan guddate Shawaa Lixaatti kanargamtu naannoo Geedootti. Ayyaanaajjinis akkuma Abdii Muummee barnootaa tokko yunivarsiitii Hawaasaa keessa waliin turre. Sabboonaa cimaa dha. Waa’ee eenyummaa saba keenyaa ilaalchisee ejjennoo cimaa nama qabu ture. Nama haasaa bilchaataa haasayuun beekamuu dha. Sanarraan kan ka’e Consilii barattootaa goonees filannee nutajaajileera. Waan nama ajaa’ibu yeroo eebbi keenya jala ga’u OPDO’n miseensa yoo taatan malee hojiitti isin hinramadnu yegguu jettu ijoollee hedduun sodaa hojii dhabuu irra kan ka’e yeroo harka kennitu OPDO ta’uu mannaa du’ee biyyoo nyaachuu koo wayya nama jiedheedha. Innis barnoota isaa erga goolabee booda Dhaabbata Raadiyoo fi Televissionii Oromiyaatti ramadamuun qopheessaa qophii Gola Oromiyaa ture. Dhuma irratti innis uggurame.
Barruu koo itti aanutti Gazxeessitoota Anuwaar Firrisaa fi Taarreqegn Korsaa akkasumas warrreen qaamaan beekuun qabadheen dhihaadha.
Haaga nuhaadhageessisu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …