Sirna gadaa
Hamma kiyyoo kolonii jala hin seeniniti Oromoon sirna ittiin bulan kan mataa isaanii qabau turan. Maqaan sirna kanaas Gadaa jedhama. Sirni kuniis bal'aa ture. Dhimma jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Sirna hawaasaa guutuu ture jechuudha. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoonni ittiin walbulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan dinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu, akkaata inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo cufa ittiin guutu ture.
Sirn kun haala Oromoonni tokkummaan isaanii laaffate kan itti roorrisaa turan Habashaafi Affaar ofirraa deebisuu dadhabe keessatti, haala hawaasaa ilaalerraa, jaarraa 14ffaa keessa biqiluu jalqabee suuta guddatee deeme. Oromoota sirna akkasii jalatti qindeessuudhaaf yeroo dheeraa fudhate. Oromoota gosatti hiraman walitti fidanii sirna tokko jalatti walitti qabuun kufaatiifi ka’uumsaa yeroo dheeraa gaafate. Gara walakkaa jaarraa 15faa isa lammaffaa keessa sirna gutuun argamuu dandaye.
Akkaata himamsa aadaa Boorana kibbaa keessatti yeroon itti Gadaan dhaabbate kanumaan walkipha. Akka mangoddoonni Booranaa himanitti Gadaa jaaruuf yaalii dheeraan eega godhame booda, Gadaan yeroo dheeraaf bifa hojechuu dandayu dhaabbate. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa Gadayyoo Galgaloo ture. Raabni isaa (yeroosii) Yaayyaa Gulleelee jedhama ture. Eega gaafasii jalqabee Booranni Abbootii Gadaa 61 lakkaawa. Kanarraa waggaa saddeet saddeetiin yoo herrgne (Gadaan tokko waggaa 8) 61X8 = 488 taha. Eega Gadaan ijaarame, akka himamsa manguddootti Booranatti waggaa 488 taha jechuudha. Barri isaa 1499tti dhihaata. Kanaaf, sirni kun ijaaramuun isaa walakkaa jaarraa 15ffaa isa lammaffaa keessa kan jedhame dhugaa taha.
Sirna Gadaa keessatti wanni hundi gadaan walilaala. Lakkooysi yeroo, aadaan, amantiin, jireenyi hawaasaa, ittisi biyyaafi kkf hundi hidhata Gadaa qabu, fakkeenyaaf sadarkaalee Gadaa, goggeessa Gadaa, abaluu abaluu..jiru. kun, eegaa Gadaan sirna kabajamaafi guutuu akka ture mirkanessa.
Bara itti Gadaan sirna gutuu ture sana akka silaa tahutti galmeessuun hindandaymane. Hammi galmeeyfame baay’ee yaraadha. Sana keessaahillee irra guddaan kan baroota dhihooti. Waa’een isaa hammi beekamu baay’ee yaraadha. Guddinaan odeeffannoon argaman oduu afaaniin kan daddabraniidha. Isaaniis bakka bakkati garagar tahu. Sunillee Gadaan Caffe Caffetti deebi’uu haa agarsiisu malee, tokkummaa sirna kanaaf ragaa kan tahu haftee sirna kan Gadaa Booranaa har’aalee haga taheefuu hojjataa jiruudha. Kanaaf, waa’ee sirna Gadaarratti hangi hubatame xiqqaadha. Waliigalatti sirna kana caalatti hubachuudhaaf qormaata cimaa sirna Gadaa kan mul’isan armaan gaditti ilaalla.
- uunkaa jereenya hawaasaa
- siyaasaa sirna Gadaa
- aadaa sirna gadaa
- amantii sirna gadaa
- Uunkaa jireenya hawaasaa
Hawaasa keessatti dhalli namaa kophaa hinjiraatu. Kophaas hindalagu. Namoota biraa wajji jiraata, hojjataas. Jireenyi dhala namaa walitti hidhaataadha. Hawaasa Oromoo bara Gadaa keessaa yoo fudhannee akkaataa jiruufii jireenya Oromoo, akkaataa qoodama dalagaa, hariiroo ummanni Oromoo hawaasa keessatti waliinqabau, sirna Gadaa keessatti qaama tokko. Akkaataan polotikaa sirnichaas uunkaa jireenyya hawaasa Oromootti hidhamee jira.
Uunkaa jireenya hawaasa sirna Gadaa keessaa hubachuuf waan kanaa gadii hubachuun barbaachisaadha. Suniis:
- Goggeessa Gadaa (Miseensaa) fi Marsaa Gadaa Hiriyyaa Ilmaan jaarsaafii ilmaan Kormaa
- Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa
- Gaggeessa Gadaa(miseensa) fi Marsaa Gadaa:
Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeettan waliin GADAA TOKKOTTI YEROO ITTI AANGOON polotikaa warra Gadaa tokko harka jiraatuudha. Kanaaf, Gadaan waggaa saddeet saddeetiin lakkaawama. Waljijjiiraas. Waggaan saddeettan Gadaa tokko maqaa mataa isaa qabaata. Gadaa tokkicha maqaa adda addaa qabaatu. Kun Goggeessa Gadaa ykn miseensa jedhamee waamama. Kun hawaasa Oromoo keessaa, bakka gargaraatti maqaa adda addaa qabata. Jechuun:-
Boorana keessatti- Goggeessa Gadaa jedhama.Tuulama keessatti- Miseensa jedhama.Arsii keessatti- Miseensa jedhama.Gujii keessatti-Baallii jedhama.
Ituu keessatti-Miseensa jedhama.
Qormaata Gadaa Oromoo bakka bakkaarratti godhameen lakkooysi Goggeessa gadaa bakka heddutti shan. Kan kanarraa adda tahees nijiraa. Fakkeenyaaf Boorana keessatti Goggeessa Gadaa torba qabaatu jira. Maqaan isaaniifi tartiibni isaaniia kopha kophaafi beekamaadha. Hoggaa Goggeessi Gadaa jiran tartiibaan deemanii raaw’atan gara isa jalqabaatti deebi’uudhaan marsaa tokko tahu. Goggeessi Gadaa tokko bakka heddutti waggaa 40 booda malee, hin deebi’u. Fakkeenyaaf Ituu keessatti Goggeessi Gadaa (missensi) jiran, Hormaata, Sabbaaqa, Dibbeessa, Fadataafi Daraaraadha. Kanneen tariiba maqaa Gadaawwan waggaa saddeet saddeetiin deeman tahanii Daraaraan gaafa raaw’ate Hormaatatti deebi’a jechuudha. Yeroon kun itti raaw’atee deebi’ee marsuuf naannawuu marsaa Gadaa tokko taha. Marsaan Gadaa tokkoo waggaa 40 qabaata. Goggeessi Gadaa shanan, walitti marsaa Gadaa shanan jalqabarraa ka’anii tartiibaan deemanii xumuramanii marsuuf gara isa jalqabaatti kan deebi’an kun "marsaa Gadaa(Gadaa cycle)" jedhama.Yeroo idiletti laalamu jireenya nam tokkoo keessatti, Marsaa Gadaa lamaatu jira. Isaaniis, Marsaan duraa Gadaa abbaa yeroo tahu, inni lammaffaa Gadaa ilmaati. Ilmi Marsaa tokko fixee, Gadaan isaa kan abbaa tahe, kan itti aanu kan ilmaan isaa taha jechuudha. Akkuma kanatti itti fufee dabra.Eega, bakka heddutti Marsaan Gadaa waggaa 40 akka qabaatu olitti ilaalleerra. Arsii keessatti miseensi Gadaa tokko waggaa 16 waan qabuuf kanarraa adda. Kanarraa Marsaan Gadaa Arsii keessatti waggaa 80 taha jechuudha.dagaagina keessaa Gadaan eega Caffetti qoodamee, as lakkooysifi maqaan Goggeessota Gadaa Marsaa Gadaa tokko keessa jiranii bakka adda addaa tahuun mul’ateera. Kanaas, qabsiisuuf armaa gaditti mee haa ilaallu. Maqaan Goggeessota Gadaa bakka garagaraatti:-
Goggeessa Gadaafi Marsaan Gadaa waan hiriyymummaafi aangoo polotika ilaaluun hariiroo murteessa qabu. Sanaas bal'inaan booda laalla.
B. Hiriyyaa:-
Hiriyyaan warra goggeessi Gadaa isaanii tokko taheedha. Kana jechuuniis hawaasa Oormoo keessatti warrii waggaa Gadaa keessatti dhalatan hundiifi kan maqaan Goggeessa Gadaa isaanii yoo dulloomoo tahanillee wal'irraa bu'ee yookaa tokko tahee hiriyyaadha. Ijoolleen waggaa Gadaa 1-8 jidduufi gaheeyyiin waggaa Gadaa 45-56 jidduu yoo Goggeessi Gadaa isaanii tokko tahe hiriyyaa tokko jedhamu. Marsaan Gadaa naannawutti walitti fidee ijoolleefi jaarsoolii hiriyyaa taasisaa. Marsaan Gadaafi Goggeessi Gadaa akkanatti hiriyyummaa murteessu. Hawaasa Oromoo keessatti hiriyyaan akka obbaleeyyaniitti wal'ilaalu. Ayyaana gurguddaafi beekamoorratti hiriyyaan wal argee waliin turuudhaan walfaarsa. Jaalalti walii, walamanuun, waliif dhimmuun, walgargaaruun…kkf hiriyyaa biratti jabaadha. Aangoo polotikaa keessatti paartii tokko tahu.
Kanaf, hiriyyummaan karaa hawaassfi polotikaa Oromootaa walitti hidhuudha. Waa'een hiriyyaa hoggaa akkas tahu, ijoolleefi ga'eessoota maaltu walitti fidee hiriyyaa godha? Gaaffiin jedhu ka'uun nimala. Gaaffi kana deebisuuf, nama Goggeessa Gadaa isaatiin Gadaa keenya jedha. Gadaa isaa faarsa, kabaja. Kanarraa akka ilaalcha polotikaa baraatti hubachuuf waan Paartii ilaaluun gaarii taha. Hawaasa keessatti paartiileen uumamtu turan jechuudha. Goggeessi Gadaa shanan paartiilee shan kan ijoolleefii manguddoota hiriyyaa godhuus paartii tokkicha waliin qabaachuudha.
c. Ilmaan kormaafi Ilmaan jaarsaa:
sirna Gadaa keessatti Ilmaan kormaafi Ilmaan Jaarsaa qoodameef beekama. Kan hawaasa bakka lamatti qooduudha. Kun jireenya hawaasa Oromoo bara sirna Gadaa keesaatti akkaataa Qabannoo aangoo polotikaa kan murteessuudha. Warra aangoo polotikaa qabachuuf deemaniifi kanatti hawasa qooda. Kuniis, waggaa Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Carraan aangoo polotikaa keessaa qooda qabaachuufi dhiisuun isaa yeroo itti dhalaterratti hundeeyfama. Kanaaniis ilmaan Oromoo yeroo dhalatanirraa kaasee ilmaan kormaafi ilmaan Jaarsaatti qoodamu. Akkaataan qoodamaa kuniis, seera umamaa kan hordofu qaba.Ijoolleen Abbootiin isaanii sadarkaalee Gadaa keessa seenanii yeroo isaan aangoo polotikaa qabachuttii dhihaatan ykn qabatan (gadooma keessa) dhalatan " ilmaan kormaa" jedhamu. Isaaniis, bara Gadooma abbootii isaanii keessa (waggaa 40 abbootii isaanii eeganii) kan dhalatan waan tahaniif sadarkaa Gadaa keessa seenuudhaan miseensa paartii tahuu dandayan. Kanaaf aangoo polotikaa keessaa qooda fudhachuu dandayu.Ilmaan Gadooma abbootii isaanii (aangoo polotikaa qabachuu) dura ykn booda dhalataniifi abbootiin sadarkaalee Gadaa seenuu hindandeenyerraa dhalatan hundi "ilmaan jaarsaa" jedhamu. Ilman jaarsaa warra sadarkaalee Gadaa seenanii miseensa paartii tahuu hindandeenyedha. Kanaafiis aangoo polotikaa keessaa warraa qooda fudhachuu hin dandeenyeedha. Ilmaan jaarsaa warra waliin dhalatan hundaan hiriyyaa tahuu dandayu, jechuun ilmaan kormaa wajjiinillee hiriyyaa walii tahuu dandayu.
Eega, hawaasa keessatti Gadoomuuf carraa kan qaban ilmaan kormaa thuu hubanne. Ilmaan kormaa gaafa dhalatanirraa kaasee sadarkaalee Gadaa seenanii akkuma gudachaa deemaniin dalagaa garagaraarratti dirqama polotikaafiis qophaawan. Kun dirqama isaaniiti. Ilmaan jaarsaa garuu, waa'een waan qoratamuufi baratamu hundaaf dirqamuun yoo hawaasicha keessa jiraachuu dandayuuf tahe malee, itti hin dirqaman. Ilmaan Oromoo akkanatti qoodamuun bakka heddutti mul'ate. Gadaa Boorana, Maccaa, Tuulamaafii Gujii keessatti qoodamni kun jira. Qoodamni yoo hinjiraanne tarii Gadaa Arsii, Ituufi Humbanna keessatii tahuu hin'oolu.
d. Sadarkaalee Gadaafi Murnoota Gadaa: Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa maqaa gurmuu waggaa dhaloota ilmaan kormaati jechuudha. Gurmuu kanaan akkaataan jiruufi jireenya dhala Oromoo hundaatu keessatti murtaawa. Ilmaan kormaatu kormaatu keessa daddabran yoo tahellee, jirenya dhala Oromoo karaa polotikaa, amanti, aadaa, dinagdeefi waraanaafi kkf keessatti kan ilaalu addatti maqaa haaqabaatan malee akkaataan guddinaa, dalagaafii jireenyaa, kan ilmaan Jaarsaa wajjiin tokkuma. Karaa polotikaatiin garuu, garaagarummaa guddaatu jira. Tahullee sadarkaaleen Gadaa jiruuf jireenya dhala Oromoo mara calaqqisiisa. Sadarkaalee Gadaa garagaraakeessatti ilmaan Oromoo dirqama (dalagaa) adda addaatu isa eeggata. Yeroon isaas osoo hin gahinnillee waan beekamuuf sadarkaa itti aanuuf isa qopheessaa ture.Sadarkaa Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.
1. Dabballooma waggaa 0-8
2. Gaammoma waggaa 9- 163. Dargaggooma waggaa 17- 244. Kuusoma waggaa 25- 325. Raaboma waggaa 33 - 406. Gadooma waggaa 41- 48
7. Yubooma waggaa 49- 56
Gadaa Tuulamaa keessatti Gadoomni waggaa 32 - 40 gidduutii waan taheef kana yaadachiisuun barbaachisaadha. Armaa gaditti sadarkaalee Gadaa jiraniifi murnoota Gadaa isaanii laalla.
Kun jecha dabballee jedhamu kan Gadaa Booranaarraa fudhatameedha. Ijoolleen dhiiraa Gadooma abbaa isaanii keessatti dhalatan Dabballee jedhamanii yaamaman. Ijoolleen kun waggaa saddeet hamma fixaanitti Dabballetti beekamu, Boorana keessatti Dabballee haa jedhaman malee, bakka biraatti maqaa biraa qabu. Fakkeenyyaaf:
- Tuulam keessatti - Itti makoo jedhamu. Ituu keessatti - maxxarrii jedhamu.
- Gujii keessatti- Suluda jedhamu.
Sadarkaan Gadaa kun bakkayyuu waan jiruuf walitti qabatti Dabballoota jechuun hin badu. Dabballoomanii sadarkaa Gadaa isa dura ilmaan kormaa akka dhalataniin itti seenaniidha. Sadarkaa Gadaa kanatti ijoolleen hojii beekamaa hinqaban. Naannoo qa'ee turanii toohannoofi tajaajila guddaadhaan guddatan. Ilmaan kormaa sadarkaa kana:
- Boorana keessatti ilmaan Dooriiwwaniifi warra Gadaati.
- Tuulam keessatti Foollee jedhama.
2. Gaammoma:-jechi kun sadarkaa Gadaa Boornaa keessaa maqaa gaammee jedhamurraa kan fudhatameedha. Ilmaan kormaa sadrakaa Dabballoomaa fixan Gaammotti dabru. Waggaa 8 - 16tti akkaataa itti rifeensii isaanii qoramurraa yoo jedhame dhugaadharraa hin fagaatu. Ijoolleen dhiiraa sadarkaa Gammomaarra jiran:
- Booran keessatti - Gaammee xixiqqoo jedhamu. Tuulama keessatti - Dabballee jedhamu. Gujii keessatti - Dabballee jedhamu.
- Ituu keessatti - Ruuboo jedhamu.
Gaammoonni sadarkaa Gadaa yeroo itti ijoolleen jabbiilee tiksan, hojii warraarratti gargaaraniifi loon tiksaniidha. Dalagaa kanaafi kana fakkaatanitti haa bobbahan malee, sadarkaa kanatti tohannoo warraa ala hin bahan. Yeroo kanatti taphatanii caalatti walbaruu jalqabu.
Yeroo kana kan itti dargaggooman waan taheef, sadarkaa Gadaa kanaas bakka gargaraatti maqaa garagaraa waan qabuuf sadarkaa kanaan, Dargaggooma jedhama. Ilmaan kormaa sadarkaa lammaffaa fixanii waggaa 16 - 24 jidduu:
- Booran keessatti - Gaammee Gurguddaa jedhamu Tuulam keessatti - Foollee jedhamu. Gujii keessatti - kuusa jedhamu.
- Ituu keessatti - Goobam jedhamu.
Dargaggoomni sadarkaa itti namichi toohannoo warraarraa hillee walaba tahaa deemuufi warrarraa fgaatee soch'auu dandayuudha. Akkasumas, yeroo itti jabina, beekumsafi jagnummaa ofii mul'isuu jalqaabniidha. Jiruu dhufataa deemuudhaan yeroo itti ofdandayutti tarkaanfataniidha. Hawaasichaa bu'aa buusuufiis kan keessatti ofqophessu. Dalagaarratti bobbahanii, loon fagaatanii bobbaasuu, ol'aantoota isaanii wajjiin deddeemuu, adamoo bahuufi bineessoota loonirraa ittisuudha.
4. kuusomakuusomni sadrkaa loltummaati. Naannoo garagaraatti ilmaan kormaa sadrkaa kanaa adda addaa qabaatanillee Booran keessatti kuusa waan jedhamaniif kanarraa fudhannee kuusoma ittiin jenne.Murni kun:-
- Boorna keessatti - Kuusa jedhama. Tuulama keessatti - Qondaala jedhama. Gujii keessatti - Raaba jedhama.
- Ituu keessatti Raaba jedhama.
Hawaasa Oromoo bara sirna gadaa keessatti, kun murna lolu ture. Waggaa 25 - 32 jidduu kan tahan dirqama loltummaa qabu. Namuu roorroo biyyarra geesse ittisuuf waan ittiin lolu- xiyyaas tahee, eeboofii gaachana mataa isaatii qopheeyfatee farda lolaas qabaate taha. Lolli argamnaan akka dhagayeen qophaawee walgurmeessee duula. Kanatti dabalee waan dhimma biyyaa ilaalan yeroo kanaa kaasee qorachuu dandaya. Sadarkaan kun, Tuulamaafi Ituu keessatti yeroo itti ilmaan kormaa aangoo qabachuuf ofqophessan, sadarkaa 4ffaa tahuudhaanifi dirqama loltummaa qabaachuudhaan tokko yoo tahan kaanirraa kanaan adda bahu.
Bakka heddutti sadarkaa itti aangoo qabachuudhaaf ilmaan kormaa qophii barbaachisaa godhaniidha. Yeroo kana keessatti dhimma biyya, bulchiinsa, sera, aadaa, amantiifi seena dabre baratu. Waa'ee sirna Gadaa caalatti hubachuu dandayu. Haalli isaanii warra biyya bulchuu ykn qondaaloota Gadaa wajjiin walitti hidhataadha. Bakka warrii Gadaa itti murtii seeraa kennan, dubbii gosaa ilaalanfi marii godhanitti argamanii irraa baratu. Bakka aadaafi amantiitti argamanii sirna qalbifatu. Caffee yaa'ii Gadaarratti argamanii murtii kennuudhaan hojiidhaan ofqaru. Hayyoonniifi manguddoonni biyyaarraa qoratanii barachuudhaan beekumsa isaanii bal'ifatu. Biyya keessa sossohanii ummataan walbaruu, akkanatti aangoo polotikaaf ofqopheessu jechuudha.Sadarkaan kun, Tuulamafi Ituu keessatti isa afraffaadha. Ilma kormaa sadarkaa kanaa, akkamu asii olitti kaa'ametti Tuulama keessatti qondaala, Ituu keessatti Raba jedhamu. Sadarkaan Gadooma isaanii waggaa 32- 40 jiddutti waan tahaniif, isaan keessatti dalagaa akkanaa (doorama) kan qaban wagaa 23-32 jidduutti kan jiran Tuulama keessatti Qondaala, Ituu keessatti Raaba, akkanatti ofqopheessu.Boranaafi Gujii keessatti ammoo, yeroon aangoon qabanna tartiibaan waggaa 45-53ttifi waggaa 40-48tti waan taheef, yeroon itti aangoof ofqopheessan kun waggaa Gadaa 32-40 jiddutti taha. Arsii kessattiis akkanuma.Sadarkaa Dooramaa Booranaa keessatti iddoo lamatti qoodama. Isaniis Raabamaafi Doorama tahu. Raaboonni yeroo itti ilmaan kormaa Raaba tahan jedhamu, waggaa 32-40 jiddutti. Waggaa 41-45tti Doorama jedhama. Inniniis yeroo itti ilmaan kormaa Doorii jedhamaniidha. Kanaaf, sadarkaadhaan bakka itti garaagarummaan jiru tokko kana taha. Kuniis kan mul'ateef dagaagina sirni Gadaa arge keessatti jijjiiramni waan argameefi. Yoo sadarkaa kana ilaalle ilmaan kormaa sadarkaa shanaffaatti (waggaa 32-40 jiuddutti)
- Tuulama keessatti- Luba jedhama. Ituu keessatti - Doorii (Raaba-dorii) jedhamu. Boorana keessatti - Raaba dorii jedhamu.
- Gujii keessatti - Doorii jedhamu.
Idileen sadarkaa kanatti kan ilaalle garuu, Dooramni qophii aangoo qabachuuf godhamuudha.
6. Gadoomasadarkaa itti ilmaan kormaa aangoo polotikaa qabataniidha. Yeroo itti warri Gadaan isaanii geessee biyya bulchan, seera ilaalan, dubbii Gosaa furaniidha. Sadarkaa Gadaa kun Tuulamafi Ituu keessatti isa shannaffaadha. Boorana, Gujiifi Arsii keessatti ammoo, isa jahaffaadha. Ilmaan kormaa sadarkaa Gadooma Booranaafi Gujii keessatti Gadaa; Tuulamafi Ituu keessatti Luba. Ituu keessatti Raaba doorii jedhamu. Yeroo Gadoomaa:
- Tuulama keessatti - waggaa 32-40tti Ituu keessatti - waggaa Gadaa 32-40tti Boorana keessatti - waggaa Gadaa 45-54tti Gujii keessatti - waggaa Gadaa 40-48tti
- Arsii keessatti - waggaa Gadaa 40-48tti taha
Bakka heddutti Gadooma keessatti ilmaan kormaa martinuu sadarkaa Gadaa keessaa hamma guutuu biyyatti dhibdee polotikaa, dinagdee, hawaasafi waraanaa cufa furuuf itti gaafatama qaba.
7. YuboomaSadarkaa gadaa, murni itti aangoo Gadaarra ture aangoo eega gadi dhiisee itti dabruudha. Gadaa jaarsummaa ykn manguddummaati. Sadarkaa kana keessatti ilmaan kormaa akka hangafaatti ilaalamu. Dalagaan isaanii warra Gadooman gorsuu, qacheelchuu, maandhaa isaanii kan tahan gorsuu, leenjisuufi barsiisuudha. Gara boodaatti hojiirraa walaboomanii ta'anii sadarkaa itti aangoo dhiisanii soorama seenaa kana keessa kan jiran (kan Yubooma)
- boorana keessatti - yubaafi booda Gadamoojji Tuulam keessatti Yuba
- Ituu keessatti Lubajedhamu.